Tajaajilli Mpesa Itoophiyaatti jalqabe akkamiin hojjeta?

Madda suuraa, Getty Images
Tajaajilli daddabarsa maallaqaa karaa dijitaalaa Mpesa jedhamu tibbana yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti eegaluu Safaarikoom Itoophiyaa beeksiseera.
Dhaabbatichi Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa irraa eeyyama argatee ji'a sadii booda ture tajaajila akka eegale kan ibse.
Tajaajila faayinaansii dijitaalaa jabeessuu kan feetu Itoophiyaan biyya keessa Tele- Birr, M- Birr fi kaan tajaajila wal fakkaataa kennan eegalteetti.
Kan keessumaa Keeniyaatti guddaa beekamu tajaajilli Mpesa Itoophiyaa biyya ummata miiliyoona 120'tti tilmaamamu qabdu keessatti eegaluun dorgommii cimsa jedhamee yaadama.
Tajaajilli faayinaansii dijitaalaa illee akka cimu ni taasisa jedhamee amanama.
Bakka bu’oota MPesa leenjisuun tajaajila kennuutti kan gale yoo tahu, namootni sarara Safaariikoom qaban tajaajilicha argachuu danda’u.
Maamiltoonni Itoophiyaa *733# bilbiluudhaan tajaajilicha fayyadamuu akka danda'an ibsameera.
Maalitoonni Mpesa fayyadamuun kaffaltii raawwachuuf, biyya keessaafi alaatii maallaqa fudhachuuf, tajaajila yeroo bilbilaa ittiin bituun danda'ama.
Akka dhaabbatichi beeksisetti Mpesa irraa gara baankii akkasumas baankii irraa gara Mpesa erguun danda'ama.
Garuu Mpesa'n akkamiin dalaga?
Maqaan ‘Mpesa’ jedhu ‘M’ mobaayilii kan bakka bu’u yoo ta'u ‘pesa’n immoo afaan Kiswaahiliidhaan beessee yookaan qarshii jechuudha.
Mpesa’n sirna bittaa fi gurgurtaa akkasuma qarshii mobaayilaan walitti erguu dandeessisudha.
Hundeessaan hojimaata kanaa dhaabbata telekoomii Keeniyaa Safaariikoom yoo tahu, yeroo ammaa biyyoota Afrikaa gargaraa keessatti hojiirra oolaa jira.
‘Mpesa’ mobaayilii irra erga buufatani booda, qarshii keewwachuu, kaanirraa fudhachuu, kaffaltii raawwachuu, maallaqa herrega keessanirraa gara bilbila keessanitti dabarsuu, qarshii fayyadamaa ‘Mpesa’ biraatti erguu akkasumas maallaqa dhimma biraaf waliitti erguu fa’i dandeessisa.
Bara 2007 Safaariikoomiifi Vodaafooniidhaan kan jalqabe ‘Mpesa’n baankii biyyaalessaa Keeniyaatu tiksa.
Itoophiyaattimmoo akkaataa qajeelfama Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaan kan bulu ta'a. Tajaajilichi Itoophiyaatti yoo eegalu kuni yeroo jalqabaatiifi.
Keeniyaa keessatti bakka buutonni Safaariikoom daddabarsa qarshii salphisan ganda gandatti argamu.
Bakka buutota kanatti qarshii nootii kennuun ‘Mpesa’tti dabarfachuun ni danda’ama.
Qarshii mobaayilii keessan keessa jirus bakka buutota Safaariikoom bira dhaquun gara qarshii nootiitti geeddarachuu dandeessu.
Keessumaa Keeniyaa keessatti daldaltoota gabaa keessatti qinxaaboo gurguranirraa hanga hoteelota qananii jedhamanitti kaffaltii isaanii mala ‘Mpesa’ jedhamu kanaan raawwatu.
Biyyoota tajaajilli kuni argamutti kaffaltii bishaaniifi ibsaa otoo hin hafiin kaffaltii tajaajilaa fi oomishaa raawwachuuf kun filannoo mishaa tahe dha.
‘Mpesa’ dhaan qarshii wal-geeddaraan gaafa taasifamu ykn bakka buutota Safaariikoom irraa yeroo maallaqani fudhatamu hamma qarshichaan kaffaltiin tajaajilaa ni kutama.
Mpesa fi M-birr yeroo wal bira qabaman
‘M-birr’ wal-jijjiirraa qarshii mobaayilii fayyadamuudhaan raawwatudha.
‘M-birr’ fayyadamtoota gidduutti qarshii walii dabarsuu, bakka bu’oota ‘Mbirr’ irraa qarshii nootiidhaan jiru gara bibilaatti fudhachuu ykn bilbilaan qarshii baasuudhaaf fayyada.
Maallaqa bilbila fayyadamuuf oolu, kaffaltii bishaaniifi ibsaa akkasumas tajaajiloota kaan bituuf ‘M-birr’ fayyadamuun ni danda’ama.
‘Mpesa’n, M-birr fi kaan hojimaatnisaanii wal fakkaataa tahus gosa tajaajilaa fi si’aayinaan adda addadha.
Mootummaan Itoophiyaa qooda Itiyoo-telekoom dhaabota telekoomii biroof banaa yeroo godhu qabxiiwwan ka’an keessaa tokko gama kanaan dorgommiin waan jiraatuuf qulqullina tajaajilaa ni eegsisa kan jedhudha.
Tajaajila faayinaansii dijitaalatti geeddaramaa jiru saffisiisuuf dhaabota biyyoota garagaraatti muuxannoo gahaa qaban gara Itoophiyaa galchuu akka gaariitti ogeessotni qor-diinagdee ilaalan jiru.
Mpesa eessa fa'i jira?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Addunyaa sochii maallaqaa dijitaalaatti geeddaramaa jirutti hojimaata beekamtii argatan keessaa tokko ‘Mpesa’dha.
Bara 2010tti biyyoota guddataa jiran keessatti sirna qarshii walii dabarsuu milkaa’aa tahe jedhamuun leelliffameera.
Keeniyaarra darbee Taanzaaniyaa, Demookiraatik Rippaabliika Kongoo, Masrii, Gaanaa, Leseetoofi Mozaambiik keessatti tajaajila kennaa akka jiru marsariitiin Safaariikoom agarsiisa.
Biyyoota Afrikaa torba keessaa namootni miliyoona 51 tahan tajaajila M-Pesa kana fayyadamu.
Baankota Jarman, UAE fi Chaayinaa jiranittis qarshii dabarsuun ni danda’ama.
Marsariitiin Vodaafoon akka jedhutti ‘Mpesa’n fayyadamtoota miiliyoona 50 caalan qaba.
Afrikaattis sirna daddabarsa maallaqaa isa guddaa tahuun kan himamu ‘Mpesa’n namoota herrega baankii qaban qofa osoo hin taane kanneen hin qabneefis tajaajila ni kenna.
Keessumaa iddoowwan baadiyyaa tajaajilli baankii hin qaqqabnetti, ‘Mpesa’n hojiirra ooluu danda’uun daldalaaf qofa osoo hin taane, qusannoofis karaa baneera.
Safaariikoom ‘Mpesa’n daldaltoota sadarkaa xiqqoorra jiran akka jajjabeessu ni hima.
Bilbila keessanitti qarshii guuttachuu irraa qabee tajaajiloota biroof maallaqa miiliyoonaan lakkaa’amu daddabarsa.

Madda suuraa, TWITTER @ETHIOTELECOM
Qarshii qusachuufi liqeeffachuu sirna dandeessisu hoji-maata ‘M-shawaarii’ jedhamus fayyadamtootaaf diriirsee jira.
Marsariitiin Voodaafoon akka agarsiisutti ‘Mpesa’n sirnoota daddabarsa maallaqaa akka ‘Western Union’, ‘Moneygram’ WorldRemit fi kaan wajjin qindoomina uumeera.
Wagga waggaan qarshii biiliyoona 1.5 biyyoota alaarraa ka’uun ergamu ni argamsiisa.
Akka Mootummooti Gamtoomanii jedhutti wal-jijjiirraan qarshii bifa dijitaalaa yeroo qabatu namoota baayyee qaqqaba, namoota galii gadi-aanaa qabanis ni fayyada.
Gamtaan Safaariikoomiin hogganamu, ce’umsa dijitaalaa Itoophiyaaf deeggarsa akka godhu, namoota baayyeef carraa hojii akka uumu, jireenya lammiilee haala gaarii taheen akka geeddaru yeroo hundeeffama isaa ibsee ture.
Itoophiyaan gama isheetiin dhaabota maallaqqa idila-addunyaa deeggaramuun diinagdee ishee foyyeessuuf gahee telekoom gurguruun akka keessa jiru ibsiteetti.












