Saayintistoonni sanyii kaannisaa haaraa argatanii maqaa 'Luusiifar' jedhu itti moggaasan

Madda suuraa, Dr Kit Prendergast
Saayintistoonni Awustiraaliyaa sanyii kaannisaa haaraa gaanfa xixiqqoo qabdu argatanii maqaa seexanaa kennaniif.
Qorattoonni kunneen kanniisa Meegaachiil Luusiifar jedhan kan argatan sanyii abaaboo bosonaa, Lixa Awustiraaliyaa naannoo Gooldfiild jedhamutti otoo qo'ataniiti.
Gaanfi ''ol dhaabbatee addatti mul'atu'' kaannisa dhaltuu irratti qofaa kan jiru yoo tahu, diina ofirraa faccisuuf, abaaboo guuruufi waan gaagura ittiin ijaaran funaanuuf itti fayyadamtu taha jedhan.
Saayintistiin qorannoo kana hogganaa turte fiilmii Neetfiliiksii Luusiifar jedhamu daawwachaa waan jirtuuf maqaa kana kannisa haaraa argamteef kennuuf akka murteessite himteetti. Waggaa 20 kessatti garee kaannisa kanaaf kuni miseensa jalqabaati jette.
''Isheen dhaltuu fuulasheerra gaanfa xixiqqoo qabdi,'' jette Dr Kiit Pireendeergaast, Yunivarsiitii Kaartiin irraa.
''Yeroon kaannisa haaraa argamte kanaaf gabaasa barreessu fiilmii Neetkfiliiksii mataduree Luusiifar jedhuun hojjetame ilaalaan ture.
Maqaan kuni sirriitti wal-sime jennaan itti baase. Dabalataan taatoo Neetfiliiksii Luusiifar jedhamu baayyeen jaaladhaan kanaaf moggaasuun salphaa ture,'' jette.
Afaan Laatiniidha Luusiifar jechuun ''kan ifa fidu' jechuu dha. Kunuunsa sanyii kaannisa ganamaa irratti akkasumas biqilooti poolineeffaman akkaan badaa jiraachuu irratti hubannoon akka jiraatu waan ifatti baasudha,'' jette.
Gabaasni ishee kuni Joornaalii Haayimeenoopteeraa jedhamu irratti kan bahe yoo tahu, naannoon sanyiin kaannisaa haaraaniifi abaaboo bosonaa keessatti argaman, ''mootummaan kan eegamu yoo tahu, bosonichis ciramuu hin danda'u,'' jedha.
''Iddoon sanyiin kaannisaa kuni argamte iddoo abaaboon bosonaa baduu jala gahan keessa jiraatan yoo tahu, dhaaboti albuuda baasan kaannisota sanyii akkasiif iddoo hin keennan, gama biraan ammoo jijjiiramni haala qilleensaa fa'i jira,'' jechuun balaa isaan mudachuu danda'u ibsiteetti.
''Haala kanaan sanyiin garagaraa otoo hin beekamiin badanii sirnakkoon naannichaa balaarraa bu'a,'' jechuunis ibsiteetti.
''Gosa sanyii kaannisa ganamaa kam akka qabnu otoo hin beekiin biqiloota akkamii akka barbaadan otoo hin hubatiin, jiraachuumsaanii otoo hin bariin achumaan isaan dhabna,'' jette.















