Misirroon cidha booda abbaa warraashee ajjeesuun shakkamtee to'atamte

Madda suuraa, Maatii Raghuvanshi
Dubartiin lammii Hindii abbaa warraashee cidha booda bakka bashannanaaf deemaniitti haala suukaneessaan ajjeesuun hordofamaa turte achi buuteen ishee erga dhabamee booda harka kennatte.
Maatiin misirroota wal fuudhan kanaa misirrittiin ni ajjeefamte yookaan ni butamte jechuun ishee barbaachaaf duula guddaa banan.
Poolisiin akka jedhutti, Sonaam Raaguvanshi, dubartiin ganna 25 taate kun gara kutaa kaaba bahaa Hindii magaalaa xiqqoo Megaalaayaa jedhamtu wayita daawwatan nama itti heerumte, kan umriin isaa ganna 30 Raajaa jedhamutti nama qacartee ajjeesifte.
Taatee kanaan walqabatee namoonni afur to'atamaniiru.
Abbaan Sonaam, Deevi Siing jedhamu intallisaa "yakka kana keessaa qooda hin qabdu, kana gochuu hin dandeessu" jechuun falmeef.
Abbaan Sonaam Deevi Siing intala isaa "qulqulluudha, kana gochuu hin dandeessu" jechuun falmaniiru.

Madda suuraa, Maatii Raghuvanshi
Hiriyoonni reefu wal fuudhan kun magaalaa Indoorii, kutaa giddu galeessaa Madhiya Paaradish irraa bashannanaaf magaalaa Meghalaya jedhamu deemu filatan.
Sababiin isaa ''suluula baayyee bareedaa'' akka qabdu waan dhaga'aniif jedha obboleessi Raajaa Saachin Raghuvanishi Sambattan darbee kana Sonaam wayita hidhamtu.
Hiriyoonni kunneen Caamsaa 11, bara 2025 maatiin argamanii, eebbisaniitu wal fuudhan.
"Sirni gaa'ellisaanii ji'a afur dura kan mijeeffame yoo ta'u, lamaan isaanii iyyuu gammadoo turan, Gaa'ila duras ta'e booda waldhabdeen isaan gidduu hin turre," jedha obboleessi Raajaa kan biraa Vipin Raghuvanishi jedhamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jarri wal fuudhan lamaan kunneen Caamsaa 20, bara 2025 gara Meghalayatti imalan.
Daawwiif erga bahanii guyyaa afur booda achi buuteen isaanii dhabame.
Poolisii fi gareewwan gargaarsa yeroo balaa kennan hawaasa naannoo sanaa waliin qindaa'uun jaalalleewwan reefu wal fuudhan kana barbaadaa turan.
Viidiyoon naannoo sanaa warabaame akka mul'isutti, lubbu-baraartoonni barbaachaaf otoo bokkaan tiifuu gaara koraa, suluula keessa gadi bu'aa turan.
Qondaaltonni akka jedhanitti, roobni fi duumessi barbaacha misirrichaa gufachiisaa ture.
Torban tokko booda Raajaa mormi murame, reeffisaa ajaa'etu qubeellaa warqee waliin cancalaan hidhamee boolla tokko keessaa argame.
Sonaam ammoo achi buuteen ishee dhabamee ture.
Maatiin isaanii barbaachaa duula guddaa geggeessan, poolisiin Meghalaya ajjeechaa Raajaa otoo sirriitti hin qoratiin ykn Sonaam barbaaduuf hojii quubsaa hin hojjanne jechuun himatan.
Himannaa kana qondaalli mootummaa naannicha bulchu mormee ture.
Maatiin warra wal fuudhan kanaa dhimmichi poolisii federaalaa biyyattiin akka qoratamu kan gaafatanii turan.
Jimaata darbes xalayaan tokko Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodiif barreeffame misirrichi ajjeeffame Raajaan murtoo haqa akka argatutu gaafate.
Wixata ganama garuu Daarektarri Olaanaa poolisii Meghalaya akka jedhanitti Sonaam buufata poolisiitti harka kennatteetti.
Shakkamtoonni biroo sadii, iddoo dhaloota warra wal fuudhan kanaa ta'an sadii biroo to'atamaniiru.
"Namni tokko Uttar Paradish irraa kan to'atame yoo ta'u, himatamtoonni lama biroo Indore irraa to'annoo jala oolaniiru. Sonaam buufata poolisii dhaqxee harka kennattte."
Boodarra ibsa gaazexeessitootaaf kennameen, Poolisiin, Wixata ganama dhimma kanaan walqabatee namni 4ffaan Meghalaya keessatti to'atamu ibse.
Ajjeechaa Raajaa kanaaf ka'umsi maal akka ta'e hin ibsine garuu Sonaam ''shakkamtuu ijoo'' jechuun ibse qondaalli poolisii naannichaa.












