Birgaadar Janaraal Tafarraa Maammoo biyyaa akka hin baane dhorkame jedhan

Madda suuraa, Man-kusaa
Ajajaan duraanii Humna Addaa Naannoo Amaaraa Birgaadar Janaraal Tafarraa Maammoo biyyaa akka hin baane dhorkame jedhan.
Birgaadar Janaraal Tafarraan Sadaasa 9, 2022 wallaansa fayyaatiifi dowwannaaf gara Israa’eelitti imaluuf erga deemanii booda dhorkamuun deebi’usaanii dubbatan.
Birgaadar Janaraalichi erga buufata xiyyaaraatti bakka to’annoon paaspoortii itti taasifamuu bira darbaniin booda imala gochuu akka hin dandeenyee itti himamuun deebi’uuf dirqamu ibsan.
Sababiin dhorkaa kanaaf itti himamees, ‘‘ajaja gubbaadhaa dhufedha’’ kan jedhu ta’u kan dubbatan aanga’aan kun, dhorkaan imalichaa maal akka ta’e gaafachuudhaaf gara waajjira immigireeshinii erga deemaniin booda, ‘‘aanga’oota gubbaa gaafannee deebii isiniif kennina’’ jedhuun deebiin kennamuuf ibsan.
Biirgaadar Janaraal Tafarraa Maammoo imala akka hintaasifneef kan dhorkaman dhimma kana dura itti shakkamuun to’annoo jala oolfamanii turaniin waliin kan wal qabatu ta’usaa ifatti wanti beekamu hin jiru.
Qondaalli kuni sababiin dhorkaa dhimma ittiin shakkamuun to’annoo jala itti oolfamanii turaniin ‘’kan wal qabatu’’ miti jedhan.
Baatiiwwaniin dura Biirgaadar Janaraal Tafarraa Maammoo magaalaa Finfinnee irraa humnoota nageenyaatiin to’atamuun hilikooptaraan gara Baahir Daar erga geeffamaniin booda, ‘‘sirna heera mootummaa humnaan diiguuf yaalaniiru’’ jedhamuun shakkamanii hidhamuu poolisiin beksisee ture.
‘‘Wayitan wabiidhaan gadhiifameetti guyyoota 15 keessatti himannaa sirratti banna jedhameen ture. Guyyaa 15 keessatti himachuu hin dandeenye. Kun kan isa waliin wal qabatu miti’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala seera yakka biyyattiitti shakkamaan wabiidhaan mana hidhaatii bahe tokko hanga mana murtiin bilisa hin jedhamneetti waan abbaa alangaatiin himannaan irratti hin dhiyaatiin hafe qofaaf bilisa jedhamu hin danda’u.
Biirgaadar Janraal Tafarraa Maammoo raayyaa ittisa biyyaa keessa tajaajilaa kan turan yoo ta’u, waggoota 15n dura fonqolcha mootummaa gaggeessuuf yaadaniiru jedhamuun aanga’oota waraanaa kaan waliin himatamanii waggootaaf hidhaarra turan.
MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofuun hidhaarraa gadi dhiifamuun naannoo Amaaraa keessatti itti gaafatamummaa adda addaa irratti tajaajilaniiru.
Isaan boodas Waxabajjii ALI 15, 2011 taatee magaalaa guddoo naannichaa Baahir Daar keessatti mudachuun aanga’oota naannichaa olaanoon ittiin ajjeeffamaniin wal qabatee hidhaaf saaxilamuun gadhiifamunsaanii ni yaadatama.
Janaraal Tafarraan waraanni naannoo Tigraay keessatti eegaluun booda naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti babal'atee ture wayita cimee tureetti humna addaa naannichaa olaantummaan hogganaa turan.
Wallakkeessa bara darbeetti ammo ittigaafatamummaa kanarraa kaafaman.
Waraanaa Kaaba Itoophiyaa karaa mariitiin furuudhaaf mootummaafi TPLF jidduutti mariin osoo hin eegalamiin dura, ummanni Amaaraa bakka bu’oota ofiisaatiin mariicha keessatti hirmaachu qaba jechuun namoota eeraman keessaa Biirgaadar Janaraal Tafarraa Maammoo tokko turan.












