Mootii muuziqaa jaazii Itoophiyaa kan jedhamu Mulaatuu Astaaxiqee eenyu?

Madda suuraa, Mulaatuu Astaaxiqee
Abbaan muuziqaa Jaazii Itoophiyaa Mulaatuu Astaaxiqee waltajjiirraa miira gammachuutiin dinqisiifattoota waltajjii muuziqaa isaa kan dhumaarratti argaman harka mirmirsee nagaa gaafate.
Hangafti muuziqaa jaazii, namni ganna 82, tooftaalee taphoota muuziqaa hedduudhaan beekamu kun, ji'a darbe UK, Landan keessatti konsartii isaa xumuraa qaamaan argamuun dhiyeesse. Jiruun isaa muuziqaa waggoota kurna jahaa oliis asirratti dhaabbata.
Eegi bara 2005 indaastiriin fiilmii guddichi Hooliiwuud fiilmii 'Broken Flowers' keessa muuziqaa isaa galchee booda waggoota 20 darbaniif dhageettiin isaa ni dabale.
Ammas muuziqaan isaa fiilmii badhaasa Oskaariif bara faranjootaa darbe kaadhimamee 'Nickel Boys' keessatti dabaalamuun hojiiwwan isaa akka jaalataman hiree kan biraa baneefii jira.
Bara 1960moota kaasee namni kun istuudiyoo fi iddoo shaakallii isaa akka laaboraatoriitti dhimma itti bahuun istaayiliiwwan muuziqaa haaraa inni "saayinsii" Itiyoo-jaaz muuziqaa jedhuun kalaqe.
Ji'a Sadaasaa darbe UK keessatti waariin inni waltajjii isaa dhumaarratti taphatu alli baay'ee diilallaa'a ture. Garuu galma Weest Iind, keessatti dinqisiifattootnisaa hojii isaatiin qiliixaman galgala sana ho'isanii ture.
Mulaatuun gaafa san shamizii hojii aartii artistii beekamaa Itoophiyaa Afawarqi Taklee fakkeessuun tolfame uffatee suuta waltajjiitti bahe.
Dibbeewwan muuziqaa Kongaas jedhaman biraan darbee gara meeshaa taphachuun beekamuu Vibraafoon cehe.

Madda suuraa, Mulaatuu Astaaxiqee
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mulaatuu waltajjii kanarratti tapha jaazii hawwataa fi namatti tolu dhiyeesse.
Muuziqaan jalqaba inni dhiyeesse dhama muuziqaa bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa kan jaarraa 4ffaa bu'uura kan godhate ture.
Waltajjiin kun hojiiwwan muuziqaa isaa aadaa jaazii addunyaatiin walitti madaqanii fi nootaawwan muuziqaa Itoophiyaa beekamoon qindaa'anii fi hawwataa ture.
"Qophii bareedaa ture. Dhuguman itti gammade, " jedhe Mulaatuun konsarticha booda BBC'tti yoo dubbatu.
Dinqisiifattoota isaa idil-addunyaatti nagaa dhaammachuun miira akkamii akka itti uumu garuu hin dubbanne.
Weellisaa fi qindeessaan muuziqaa lammii Ameerikaa Deekstar Istoorii qophicha "hadhaawaa mi'aawaa" jechuun ibse, miira walmakaa itti dhagahamu dubbachuuf
"Waan nama si'eessuu fi hawwatu dha. Keessa keetii sitti dhagahama. dhama addaa qaba. ... dandeetii dinqisiisaadha," jedhe.
"Nama qaroo akkasii addunyaa naannawaa ture kana booda dhabuun na gaddisiisa."
Garuu hojiiwwan isaa yoomillee nu waliin jiru.

Madda suuraa, Mulaatuu Astaaxiqee
"Yoo namni muuziqaa ykn aadaa Itoophiyaa nu barsiisi naan jedhan qalbiin koo muuziqaa Mulaatuu taphadhuuf naan jetti " kan jettu immoo Landan kan jiraattu dinqisiifattoota isaa keessaa tokko kan taate Juweeriyaa Diinoo ti.
"Addunyaa guutuutu dhaggeeffate, jetti ogeettiin muuziqaa tun yoo ittiin boonaa dubbattu. "Ni jaalatu. baay'ee namatti tola."
Inni muuziqaa Itoophiyaa fi ardichaa beeksisuuf kutatee nama ka'e. Muuziqaan keenya beekamtii maluuf hin arganne jedhees amana.
"Afrikaan addunyaaf aadaa hedduu laattee jirti. Beekkamtii maluuf garuu hin arganne," jedha.
Jireenya fi aadaawwan biroo maal akka ta'an kan baruu eegale ijoollummummaa kaaseti.
Mulaatuu kan dhalate bara 1943 Jimmatti. Ijoollummaatti maatiin isaa gara UK koollejjii Lindisfaarn, kan kaaba Weels jirutti ergan.
"Injinariingiin barachuu barbaada ture," jedha.
Garuu osuma achi jiruu, Mulaatuun addunyaa muuziqaatiin hawwatame.
Tiraampeetii kaase. Dura bu'aan mana barumsichaa yerosii dandeettii uumamaa isaa hubatee dandeettii isaa kana gabbifachuun akka dhimma itti bahuu qabu jajjabeesse.
"Aakkan barnoota koo xumureen, akkana naan jedhu: 'Mulaatuu, yoo ogeessa muuziqaa taate ni milkoofta. ' Kanumaanin gorsa isaanii kana fudhee qajeele. Koollejjii Tiriinitii Landanin seene."

Madda suuraa, Mulaatuu Astaaxiqee
Koollejjiin muuziqaa UK beekamaan yeroo san itti barate bu'uura jabaa ogummaa muuziqaa isaa ta'uu yaadata. Yaadannoowwan kilabiiwwan muuziqaa hiriyootasaa ogeeyyii muuziqaa ta'an waliin itti dabarse ni jaalata.
"[Lammiin Jaamaayikaa] Joyi Haariyoot kan saakisfoonii akkaan taphatu faana Metroo Kilab Landan, keessatti waliin taphadhe " jedha.
Har'a, Mulaatuun UK onneerraa jaalata.
"Deebi'ee as ejjechuu kootti baay'een gammada."
Bara 1960moota, gara US imaluun Koollejjii Muuziqaa Berkileey kan Boostanitti argamutti barnoota eegale. Nama Afrikaa jalqabaa koollejjii kanatti barnoota muuziqaa eegale dha.
Asitti vibraafoonii fi taphannaa isaa fi akkamiin jaazii Laatinii muuziqaa isaa keessatti akka hammachiisu barate, albamoota isaa lamaan jalqabaas asitti waraabe.
Bara 1969 immoo Finfinneetti deebi'uun muuziqaa mataa ofii uume.
Waggoota gara Finfinnee deddeebi'aa tures muuziqaarratti jijjiirama guddaa fide.
Beekumsa Berkileetti horatee kan muuziqaatti madaqsuun "saayinsii haaraa Itiyoo-jaaz jedhamu uume." Mulaatuun.
Yeroo jalqabaa sagaleen muuziqaa inni baasaa ture kan addaa , komiin akka irratti ka'u godhee ture.
"Nan yaadadha wayita isaan 'dhiis , dhaabi, dhaabi achumatti.' naan jedhan. Sababnisaas isaan hubatan"
Garuu mormiin sun baay'ee hin turre. Dhageettiin isaa saffisaan dabale.
Bara 1974, wayita Mootii Haylasillaaseen fonqolchaan bu'u ogeeyyiin muuziqaa baay'een biyya gadhiisanii bahanii turan. Mulaatuun garuu Finfinnuma keessatti muuziqaa hojjechuu itti fufe.
Hojii isaa keessatti ogeeyyii muuziqaa aadaa ni dinqisiifata. "Saayintistoota keenya" jedhaan.
We have so many great scientists in Africa... who created all these instruments. But we don't give them credit"
Muuziqaawwan isaa meeshaalee muuziqaa aadaa Itoophiyaa akka ulullee, dibbee fi masiinqoo dabaalamanii hojjetamu.
Mulaatuun masiinqoodhaan seelloo jedhaan. Cheelloon meeshaa ammayyaa akka masinqoo ribuuwwan qabu dha.
"Gaaffiin garuu kamtu dura jira? kan jedhu dha. Cheelloo moo Masiinqootu dursa?" jedhee gaafata.
" Rakkoon keenya hin qorannu. Afrikaa keessa saayintistoota gurguddoo hedduu qabna. Namoota ciccimoo, qaroowwan, warra meeshaalee kanneen kalaqe. Garuu beekamtii hin kenninuuf."
Har'a, meeshaalee aadaa biyya isaa gabbisuun ergama isaa akka ta'e dubbata. sagalee kanneen teknolojeen deeggaruun ammayyeessuu fedha.
Dinqisiifattoonni isaa Itiyoo-jaaziin tooftaa muuziqaa aadaa fi ammayyaarraa dhalatee fi kalaqa isaa addaa ti.
"Muuziqaawwan Eeshiyaa kibbaa baay'ee kan iskeeliin kukurfaayan na yaadachiisa. Kun immoo muuziqaa arabaa, tapha sagalee Afrikaatiin taphatamu na yaadachiisa." jedha hirmaataa konsartii Baadaawii-Kiruuk.
"Adduma. Waggoota dheerarraa kaaseen jaaladhe."
jaalalli It's a completely unique mix and I just fell in love with it years ago."
Leegaasiin Mulaatuun dhaloota kan fulla'u dha.
"Akaakuuwwan keenya, warri keenya ykn adaadolii fi eessumman keenya Mulaatuu ogummaa isaatiin isa baran," jedha dhalattuun Itoophiyaa Landan kan jiraatu Sooliyaanaa Qineefargib.
"Qaama dhaloota dargaggeeyyii kanaa ta'ee hiree kana argadhee isaa qophii isaarratti qaaman argamuun dinqiidha"
Addunyaa naannawuun dhaabus inni muuziqaa Itoophiyaa addunyaatti beeksiseera.
"Kun kan dhumaa miti," jedha.















