'Daa'immaan hamma kana garaatti akka baatan hin beekamne ture'- waayee ijoollee shan Naqamtetti dhalatanii

Madda suuraa, Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaa
Jiraattuun Magaalaa Naqamtee yeroo tokkotti daa'imman shan nagahaan dahan.
Daa'imman Roobii ALI Fulbaana 14, 2018 Hospitaala Kompireensivii Ispeeshaalaayizdii Yunivarsiitii Wallaggaatti erga takkaa dhalatan dhiira sadi fi dubartoota lamadha.
Hoji Gaggeessaa Olaanaa Inistitiyuutii Saayinsii Fayyaafi Hospitaala Kompireensivii Ispeeshaalaayizdii Yunivarsiitii Wallaggaatti kan ta'an Dr. Masarat Ballaxaa Fiixee, haalli daa'immaniifi harmeen irratti argaman gaarii ta'uu BBC'tti himaniiru.
"Kanaan dura iddoo biraatti hordofamaa turaniiru garuu daa'ima hamma kana garaatti akka baatan hinbeekamne ture" jedhan Dr. Masarat.
Harmeen jiraattuu Magaalaa Naqamtee ta'an yeroo tokkotti daa'imman shan nagahaan dahan.
Harmeen jiraattuu Magaalaa Naqamtee ta'an Wiixata ALI Fulbaana 5, 2018 ture gara Hospitaala Kompireensivii Ispeeshaalaayizdii Yunivarsiitii Wallaggaa kan deeman.
Dr. Masarat akka jedhanitti, harmeen kun miirri dhukkubbii itti dhagahameefi yaala fooyyeef ture gara hospitaalichaa kan deeman.
"Erga nubira dhufanii booda altiraasaawundiin harmeen kun daa'imman shan garaatti akka baatan agarsiise" jedhan.
Itti aansuunis ogeeyyiin hospitaalichaa harmeen kun gama xinsammuun akka qophaa'an taasisuufi harmeen kun kutaa haadholii hordoffiin cimaan barbaachisuu akka seenan taasifamuun hordoffiin taasifamaafii turuu himan.
"Ulfi isaanii reefu ji'a torbaffaa waan tureef akka ciisanii hodofaman fi yoo ciniinsuun itti dhufe akka achumatti tajaajilaman kutaa adda baafneefii kunuunsuu jalqabne" jedhan Dr. Masarat.
Hospitaalichis meeshaalee daa'imman kichuu kun erga dhalatanii booda ittiin kunuunfaman qopheessaa akka tures himan.
Harmeen kun hospitaalicha keessatti torbee tokkoo oliif hordofamaafi kunuunfamaa erga turanii booda Roobii ALI Fulbaana 14, 2018 baqaqsanii yaaluun daa'imman shan nagahaan dahuu danda'aniiru.
"Daa'imman shananuu nagahaan dhalatan. Ijoolleen kun ulfaatinni isaanii gadi bu'aa waan ta'eef daa'imman kichuu kun kutaa kunuunsa daa'immanii cimaatti tajaajila argachaa jiru" jedhan hakiimichi.
'Lakkoofsisaa olaanaadha'
Daa'imman lakkuu sadi fi afur al tokkotti yemmuu dhalatan arguun taatee darbee darbee mul'atufi dhagahamu ta'us daa'imman shan al tokkotti yemmuu dhalatan dhagahuun garuu baratamaa miti.
Taateen kun hagam baramaadha jechuun kan gaafanne Dr. Masarat, "Akka hospitaala keenyaattii mitii akkuma Wallaggaattuu waan kun mul'atee hin beeku. Kun isa jalqabaati" jedhan.
Gama biraatiin lakkuun shan akkamiin uumamuu danda'a jennee isa gaafanneef, taateen akkanaa ovaariin dubartii yeroo tokkotti hanqaaquu lamaa ol yemmuu qopheessu kan uumamu akka ta'e himan.
"Silaa osoo hanqaaquu tokkotu qophaa'era ta'ee daa'imman hundumtuu korniyaa walfakkaataa qabaatanii dhalachuu danda'u turan. Haa ta'u malee amma ovaariin hanqaaquu gosoota baay'ee qopheessera jechuudha" jedhan.
Dabalataan maatii harmee daa'imman shan dahan keessa seenaan daa'imman lakkuu dahamuu akka jiru odeeffachuusaanii Dr. Masarat BBC'tti himaniiru.












