'Raashina nurraa kutuu itti fufnaan baqataan walfixuuf deema'- Kakumaatti maaltu mudate?

Madda suuraa, Getty Images
Mooraa baqattootaa guddicha kaaba baha Keeniyaatti argamu Kakumaa keessatti sababa gargaarsi adda citeef walitti bu'iinsa uumameen namoonni hedduun miidhamaniiru.
Walitti bu'iinsa mudate keessa poolisii fi hojjetaan gargaarsa namoomaa miidhamaniiru.
Mooraa baqattootaa Kakumaatti dura taa'aa hawaasa Oromoo kan ta'an Obbo Haaruun Ibraahim''rakkoon kan uumame baqattoota qoqqooduun kaan gargaaranii kaan ammoo gargaarsa irraa kutuurraati,'' jedhan.
Qondaalli Damee Tajaajila Baqattootaa BBCtti akka himanitti ''dawoowwan dunkaanaan marfamanii turan,'' kan qabeenya Dhaabbata Nyaataa Addunyaa ta'an sadi abiddaan gubataniiru.
Dhaabbati Nyaataa Addunyaas ''man-kuusaan isaa kaaba Keeniyaa qubsuma Kalobeeyee keessatti argamu Wiixata (Adoolessa 28, 2025) gubachuu'' mirkaneesseera.
Mormiin kan eegale erga UN baqattoota gareedhaan qoqqooduun gargaarsa kaaniif kennee kaanirraa kuteeti.
Jaarmiyaan dhimma baqattootaa UN sababa hanqina baajataaf tarkaanfii kana fudhachuu ibse.
''Malli haaraa baqattoota gosa garaagaraaf gargaarsa gosa garaagaraa kennuurratti xiyyeeffatu- Differentiated Assistance jedhamu erga hojiirra oolee taateen kun mudate,'' jedhan qondaalli BBCf yaada kennan.
Akkaataa adeemsa haaraa kanaan baqattoonni gulantaa afuritti erga gurmeeffamanii booda kanneen akkaan gargaarsa barbaadan qofti gargaaramu.
Obbo Haarun akka jedhutti baqattoota haala kanaan qoqqooduun rakkoo duraanuu ture daran hammeessa.
''Isaan namoota homaa dalagachuu hin dandeenye, miskiinaa fi warra qaama hir'uu akkasumas warra reef dhufan kan qabeenya homaatuu harkaa hin qabne gulantaa 1ffaa (category 1) jalatti ramadan. Kan itti aanan gulantaa lammaffaa jalatti ramadan.
Warra waa hojjechuu danda'an garuu ammaaf waa harkaa hin qabne ammoo gulantaa 3ffaa jalatti ramadan. Gulantaa 4ffaan warra waa dalagatuu danda'uu fi waa harkaa qabu. Akkasitti qoodan,'' jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni ofiifis baqataa ta'anii fi baqattootas bakka bu'uun mirgasaaniif falman kun qoqqoodiinsa kanattis adeemsa itti qoqqoodinsi kun raawwatettis hin amanne.
''Nama silaa gargaaramuu qabu, (category 1) jala galuu qabu, gulantaa 4ffaa jala galchan. Kan hamma tokko of danda'u ammoo gulantaa jalqabaa jala galchan.''
Obbo Haaruun Ibraahim ''adeemsi kun qixa sirrii ta'een hin dalagmane'' jechuun akka dursaa baqattootaatti yeroo hedduuf falmaa akka turan BBCtti himan.
''Dhimma kanarratti warra UNHCR, Dhaabbata Nyaataa Addunyaa, Tajaajila Karoora baqataa hawaasa naannoon walitti makuu- Sharika Plan hunda waliin dubbanneerra. Furmaata kennuurra ejjennoosaaniirratti cichan.''
Qaamoleen kunneen wayita waan kana murteessan haala baqataa hin qoranne, baqataa waliinis hin mari'anne kan jedhan Obbo Haaruun, baqattoonni deebii dhabnaan mormii seenuu ibsan.
Rakkoon nageenyaa, hanqinni maallaqaa, fageenyi karaa akka baqataan mirgasaa gaafatee hin kabachiifanne danqaa guddaa ta'eera jedhan.
''Bakka bu'oonni mooraa kakumaa 1,2,3,4 hundi keenyayyuu afaan tokko gaaffii dhiheessine. Isaan garuu gonkumaa nu hin dhageenye.''
Dura bu'aan baqattootaa kun yoo namni gargaarsa argachuu qabu hin argatu ta'e walitti bu'iinsi fi jeequmsi mooraa baqattootaa keessatti dhufuu danda'a yaaddoo jedhu qabu.
Sababa gaaffiin baqattootaa deebii dhabeef jecha mormii dhalate keessatti poolisii fi uummanni walitti bu'uu kan ibsan Obbo Haaruun, rakkoo kun ammallee hin furamin akka jiru himan.
''Walitti bu'iinsa kanaan namni hedduun miidhameera. Karaa gubbaatti kan dhahame gara nama shaniiti.''
Dura bu'aan baqattootaa kun akka BBCtti himanitti karoorri baqattoota hawaasa naannoon walitti makuu ykn walkeessa jiraachisuu (integration) jedhamus hanqina guddaa waan qabuuf hojiirra ooluu hin dandeenye.
''Tokkoffaa jarri kun hawaasa naannoos ta'e baqataa hin mariisisne. Dacheen kunillee bakka keessatti hojjetatanii misooman miti. Dacheen gammoojjii qullaadha. Hawaasi naannoo ofiifuu waan ittiin jiraatu hin qabu. Qabeenya baqataaf qoodu hin qabu,'' jedhan.
Dhaabbati Nyaataa Addunyaa Waxabajjii darbe gargaarsa baqattootaa kuma 300 caalaniif dhiheessu akka hin qabne ibsee ture.
Rakkoon kunis gargaarsi jaarmiyaalee arjoomtotaa irraa argamaa ture adda cituurraa madda.
Ji'a darbe BBCn wayita mooraa baqattootaa Kakumaa daawwatetti mankuusaan duwwaa ture, gargaarsa isa xumuraatu baqattootaaf hiramaa ture.
Gargaarsa mooraa baqattootaa Kakumaaf oolu dhibbeentaa 70 Ameerikaatu kennaa ture.
US biyyoota alaarraa gargaarsa kutuun mooraa kana guddoo miidheera.
Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa ji'a darbe ''Ameerikaan kophaashee addunyaa hin soortu,'' jechuun BBCtti himee ture.
''Biyyoonni dandeettii qaban hundi deeggarsa biyyoota alaaf taasifamu keessatti dirqama irraa eegamu ba'achuu qabu,'' jedhe.
Dubbi himaan ministeerichaa gargaarsi US karaa Dhaabbata Nyaataa Addunyaa taasisu bakka biraatti akkuma duriitti deemaa jira jedhan.
Mooraan baqattootaa Kakumaa baqattoota biyyoota Afrikaa fi Baha Giddugaleessaa 23 irraa dhufaniif dawoodha.












