MM Indiyaa bakka masjiida diigametti iddoo waaqeffanna Hinduu eebbisan

Moodiin luboota amantichaa fi Mohan Bhagwat,waliinmana sagadaatti sirna amantii raawwachuu isaanii suuraa agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Moodiin luboota amantichaa fi Mohan Bagwat,waliinmana sagadaatti sirna amantii raawwachuu isaanii suuraa agarsiisu

Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin bakka sagadaa warra Hindu- Raam magaalaa Ayodhiya keessatti eebbisan.

Hindiif kun ''yeroo haaraa'' jedhan- manni sagadaa ykn qulqullummaa Hinduu kun masjiida jaarraa 16ffaa bara 1992 tuuta hiriirtota hordoftoota Hindutiin diigame bakka bu'e.

Bara sanatti jeequmsa mudateen namoonni gara 2,000 ta'an du'aniiru.

Sagantaa Ayodhiyaatti gaggeeffame kanarratti taatoonni fiilmii bebbeekamoo fi taphattoonni kirikeetii keessummoota affeeraman keessa turan.

Garuu beektootonni amantichaafi mormitoonni irra caalaan bu’aa siyaasaaf jecha saganticha lagataniiru jedhan Moodiin.

Filannoon waliigalaa Hindii ji’oota muraasa dhufan keessatti byyattii keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, morkattoonni paartii bulchaa jiru (BJP)Moodiin biyya ummanni %80 Hindu ta’e keessatti maqaa mana qulqullummaa kanaan sagalee barbaada jedhu.

Qeeqxonni garuu mootummaan Hindii akka heera biyyatti siyaasni amantii gidduu hin seenu jedhamuu ayyaana amantii siyaasaaf fayyadameera jechuun himatan.

Musliimoota Hindii lakkoofsa xiqqaa qabaniif taatee kun sodaa fi yaadannoo hamtuu kan kakaase ta'uu miseensonni hawaasa Ayoodiyaa sirna Wixata gaggeeffamu dura BBC'tti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sagaantaa kallattiin karaa foddaa TV darberratti Moodiin luboota amantichaa fi Mohan Bagwat, ittigaafatamaa Rashtriya Siwayamsevak Sangh (RSS) - burqaa ilaalchaa dhaabbata sabboonummaa Hindu waliin ta'uun mana sagadaatti sirna amantii raawwachuu isaanii agarsiise.

''Guyyaan har'aa seenaa keessatti galmaa'a,'' jedhan Moodiin saganticha booda.

"Qabsoo waggoota dheeraa fi wareegama lakkoofsa hin qabne booda, Gooftaan keenya Raam manasaa ga'eera. Lammii Hindii hunda ayyaana seena qabeessa kana walqabsiiseen baga gammaddan jechuun barbaada" jedhan.

Manni sagadaa Hinduu kun doolaara miiliyoona 217’n kan ijaarame yoo ta'u, namoota dhuunfaatu maallaqa gumaache.

Kutaan manichaa hangi tokko qofti ammaaf banameera - kan hafe xumura waggaa kanatti ni goobama jedhamee eegama.

Hojiin ijaarsaa kun qaama haaromsa magaalattii yoo ta'u, doolaara biiliyoona 3 ol gaafata jedhameera.

Ijaarsi mana sagadaa Raam, Ayodhiya keessatti ijaarame waadaa sabboonummaa warra Hinduu waggoota kurnan lamaan darbaniif seename guuta.

Warri Hinduun hedduun isaanii masjiidni Babrii weerartoota Muslimaa mana qulqullummaa iddoo waaqni Hindu itti dhalate diiganiin irratti ijaarame jedhanii amanu.

Sochiin mana qulqullummaa kana ijaaruuf godhame bara 1990 keessa BJP gara siyaasaan sadarkaa olaanaatti akka fudhatama argatu gargaare.

Waaqeffattoonni Hindu kuma kudhaniin lakkaa'aman alaabaa mirmirsaa akkasuma dibbee dhahaa turan- helikooptaroonni waraanaa daraaraa mana qulqullummaa kanatti roobsan -sirnichi ayyaanaa fakkaatature.

Taatoonni Booliiwuud beekamoo akka Amitabih Bachichan fi taphataa kirikeeti Sachin Tendulkaar dabalatee namoonni beekamoo Hindii muraasni irratti hirmaataniiru.

Warri Hinduu sirni amantaa ibidda biratti gaggeeffamu waaqasaaniif akka galata dhiyeessutti amanu
Ibsa waa'ee suuraa, Warri Hinduu sirni amantaa ibidda biratti gaggeeffamu waaqasaaniif akka galata dhiyeessutti amanu

Bara 2019 Manni Murtii Olaanaa biyyattii lafa falmisiisaa ta'e kana warra Hinduuf kan kenne yoo ta'u, masjiidni diigamuu hordofee falmii seeraa yeroo dheeraaf tureen booda ture.

Muslimoonni masjiida ijaaruuf magaalichaan alatti lafti kennameefira garuu hanga ammaatti masjiida itti hin ijaarre.

Miseensi hawaasaa BBC’n eebba dura Ayodhiyaatti haasofsiise tokko, Manni Murtii Olaanaa bakka kana erga isaaniif kenneen booda Hinduun mana sagadaa kana ijaaruuf mirga akka qaban simataniiru.

''Murtee sana gammachuudhaan hin fudhanne, garuu maal gochuu dandeenya,'' jedhan.

Namni biraa Hinduun mana sagadaa kana ijaaraachuu isaaniitti gammaduu isaa dubbateera - "garuu masjiidi erga diigame booda ijaaramutti ni gaddina" jedhe.

Manni sagadaa haaraan abbaa darbii sadii yoo ta’u, dhagaa cirrachaa bifa diim-adii qabuun kan hojjetamee fi giraanaayitii gurraachaan miidhagfame.