Ari'amuu Ten Haagiifi dorgommii waancaa Piriimer Liigii ho'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Erik Ten Haag, 2-1'n West Haamiin erga mo'amanii rukuttaa peenaaliitii nurratti kennamuun ''haqa qabeessa miti'' jechuun komatanis har'imuurraa hin oolle.
Yunaayitid mo'amee galuu hordofee leenjisummaarraa hari'amuusaa boordin Maan Yunaayitid itti hime.
Maan Yuunaayitid carraa gurguddaa argate gara galchiitti jijjiiruu dadhabuu isaatiin booda West Haam boqannaan booda galchii lakkoofsisuun dursa fudhate.
Yuunaayitid galchii wal qixxeesituu lakkoofsisus rukuttaa peenaaliitii West Haam yeroo dhumaa irratti argate Yuunaayitid barana dorgommii Piriimer Liigii afur akka mo'amu taasise.
Daanii Ingis kubba harkaan tuqeera komii jedhame duubatti dhiisuun Maatiyaas Dilit Ingis irratti balleessaa hojjeteera jechuun rukuttaa peenaaliitii kenneef.
''Dorgommiin bara kanaa osoo hin jalqabiin dura VAR ilaalchisee qajeelfamni kenname balleessaan ifa tahee fi beekamaa tahe yoo mudate'' ilaalama jechuun himamee ture jedhanii ture Ten Haag.
''Murteessaan taphichaa dogogora ifa tahe nurratti hojjete'' jechuun komatan.
''Taphaan boodas murteesitootatti dubbadheen ture. Maal godha takkaa murtoon darbeera'' jedhan.
Hoggantooni boordii Maan Yuunaayitid, leenjistoota adda addaa icciitiin dubbisaa jiraachuu dhagahameera.
Maanchister Yuunaayitid haala amma jiruun taphoota fuuldura isaa jiran mo'achuun itti ulfaata.
Dorgommii Awurooppaa Liigiin qabxii sadii tapha sadii irraa kan qabu Yuunaayitid, waliigalaan Teen Haag dorgommii sadarkaa Awurooppaatti taasisan 11 keessaa tokko oqfa mo'atan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphni Liiverpuulii fi Arsenaal qixa dhume Maan Siitiin gara dursummaatti akka darbuuf carraa kenneef.
Mohaammad Saalaa galchii 11ffaa Arsenaal irratti lakkoofsise.Liiverpuuliif ammoo galchii 163 lakkoofsisuun rikardii Boobii Foowler qooddate.
Arsenaal taphattoota murteessoo akka Wiiliyaam saaliibaa kaardii diimaan, Gabri'eel Magaalesh fi Kalafiyoorii miidhamaan dhabee ture.
Juuliyaam Tiimberis miidhamee bahe. Liiverpuul garuu kanatti fayyadamee injifachuu hin dandeenye.
Bukaayoo Saakaan galchii 50ffaa Piriimer Liigii lakkoofsisuun Arsenaaliin dursa qabachiisee ture.
Mikel Merinoos galchii lammaffaa Arsenaaliif lakkoofsiseera. Vaan Daayik fi Saalaatu Liiverpuuliif lakkoofsise.
Gareen Arne Isloot tapha tokko qofa mo'amuun sadarkaa lammaffaa irra jira.
Arne Isloot yeroon gara Liiverpuul dhufu taphni salphaadha jedhamu tokkoyyuu hin jiru jedhamaa ture. Amma akkamittiin tapha hundaa mo'achuu qabda jedhanii namoonni aka gaaffii baay'isan naaf hin galu jedhe.
Namoonni hedduun miidhama Arsenaal mudatetti fayyadamuun Liiverpuul qabxii sadii argachuu qaba ture kan jedhudha.
Arsenaal Maan Siitii irraa qabxii shaniin duubatti hafee jira. Cheelsiin Niwkaastiliin 2-1 injifateera. Tootenhaam Kiristaal Paalasiin mo'ame.
Kiristaal Paalaas hundeeffama isaa waggaa 100ffaa yeroo kabajataa jirutti injifannoo argate.
Atson Viilaan akkasuma Barnimooz waliin qixa xumure.












