J-20A: Xiyyaara Chaayinaa waraana qilleensarraa addunyaa jijjiiraa jiru

Madda suuraa, X
Omishnii fi teknoolojiin xiyyaaraa waraanaa addunyaa irratti dorgommi cimaa ta'uun itti fufeera.
Dorgommii kana keessatti taphattuu cimtuu kana taate Chaayinaan xiyyaarota waraanaa tibbana ifoomsite J-20A jedhamuun xiyyeeffannoo addunyaa qabachuu itti fufteetti
Chaayinaan yeroo jalqabaaf xiyyaara waraanaa ishee sadarkaa olaanaa J-20A jedhamu kana dura ture J-20S jedhamurraa fooyyessuun kan ifoomsite.
Kunis kan barame waggaa 15ffaa balallii jalqabuu xiyyaaroota J-20 jedhamu irratti.
Akka miidiyaaleen Chaayinaa ibsanitti xiyyaaronni haaraan kunniin agarsiisa guyyaa injifannoo biyyoolessaa Chaayinaa Fulbaana 3, 2025 Beejiingitti geggeeffame irratti ifatti kan agarsiifaman.
Haalli omishaa fi ibsi teeknikaa hanga ammaatti dhoksaa ta'ee kan ture yoo ta'u, viidiyoon haaraan xiyyaarota kanneeni erga gadhiifamee booda ifa ta'eera.
Ogeeyyiin waraanaa akka jedhanitti, J-20A fooyya'iinsa salphaa osoo hin taane, jijjiirama guddaa Chaayinaa humna qilleensaa addunyaa, keessumaa naannoo Eeshiyaa-Paasifiik keessatti humna guddaa qabaachuuf kaayyeffatte kan mul'isuudha.
Gabaasni kun maddoota adda addaa kanneen akka barruu 'Military Watch', China Military fi South China Morning Post' dabalatee, jijjiirama caasaa, dandeettii lolaa fi dhiibbaa tarsiimoo xiyyaarri haaraan kun madaallii humna waraanaa addunyaa irratti qabu bal'inaan ibsa.
Waa'ee dizaayinii fi teeknooloojii xiyyaarichaa

Madda suuraa, X
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
J-20A' n xiyyaara waraanaa dhaloota shanaffaa (5th generation fighter jets) kan Chaayinaan dizaayin ta'ee fi oomishame J-20 irraa kan fooyya'eedha.
Garaagarummaan dizaayinii haaraa kan qabu xiyyarri kun akka ogeessi waraanaa Zhang Xuhefengi jedhutti dizaayiniin kun yeroo balallii saffisa guddaa taasisiutti dhiibbaa qilleensaa hir'isa.
Kunis xiyyaarichi boba'aa baay'ee osoo hin fayyadamin balaLlii fageenya dheeraa saffisa guddaadhaan akka raawwatu gargaara.
Jijjiiramni kun xiyyaaricha keessaatti bakka dabalataa ajaja fi hordoffii meeshaalee waraanaa haaraa, sirna waraana elektirooniksiifaa of keessaa qaba.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, balaliisaan J-20A kana booda naannoo waraanaa hubachuuf ija isaa qofa irratti kan hundaa'u utuu hin taane, xiyyaarichi sirna sensarii fi raadaraa sadarkaa olaanaa odeeffannoo yeroo qabatamaatti kennu qaba.
Haa ta'u malee, dizaayiniin haaraan kun ulfaatina xiyyaarichaa kan dabalu yoo ta'u, haalli kun ammoo Chaayinaanmotora humna guddaa qabu irratti caalaatti akka invast gootu taasiseera.
Dandeettii motora J-20A

Madda suuraa, Getty Images
Wanti guddaan J-20A adda isa godhu keessaa tokko motora haaraa WS-15, motora ammayyaa Chaayinaa keessatti hojjetame qabaachuun isaati
Akka dhaabbati oduu mootummaa Chaayinaa (CCTV) jedhutti, motorri WS-15 dhiibbaa hanga toonii 18.5 oomishuuf kan danda'u yoo ta'u, kunis motora F-35 Ameerikaa wajjin wal fakkaata.
Kunis J-20A boba'aa baay'ee osoo hin fayyadamin saffisa sagaleen ol ta'een balali'uu akka danda'u kan taasisu yoo ta'u, saffisnisaa tilmaama Mach 1.8 ykn Sa'aatitti gara km 2,200 furguggifamuu danda'a.
Omishni xiyaarota J-20 kanaan duraa motora AL-31F Raashiyaa keessatti hojjetame kan fayyadaman yoo ta'u, humna gahaa kennuu dhabuu fi rakkoo teeknikaa qabaachuu isaaniitiin qeeqamaa turan.
Boodarra Chaayinaan motora kana motora WS-10Cn bakka buufte. Garuu sun illee WS-15 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu humna xiqqaa ta'uun isaa mul'ateera.
Amma J-20A'f saffisa, fageenyaa fi dandeettii meeshaa waraanaa baachuuf faayidaa guddaa kan kennu fakkaata.
Xiyyaarota Chaayinaa egeree waraana qilleensaarraa addunyaa irratti

Madda suuraa, Getty Image
Chaayinaan J-20A malees J-20S, xiyyaara waraanaa dhaloota shanaffaa kan teessoo lama qabu addunyaa irratti jalqabaaf dhiyeessiteetti.
Paayileetiin lammaffaan irra caalaa itti gaafatamummaa dhukaasu, waraana elektirooniksii fi ajaja xiyyaarota biroof kennuu irratti kan qabu yoo ta'u, kunis J-20S dirree waraanaa irratti "taphataa sarara gidduu" akka ta'u taasisa.
Akka xiinxaltoonni jedhanitti dandeettiin kun J-20A fooyya'e xiyyaara waraanaa qofa osoo hin taane, wiirtuu ajaja sirna lolaa qilleensaa fi lafaa adda addaa walitti fidu taasisa.
Gabaasni dhaabbata qorannoo Biriteen RUSI irraa argame akka agarsiisutti Chaayinaan bara 2030tti xiyyaarota J-20 hanga 1,000 qabaachuu dandeessi.
Lakkoofsi kun madaallii humna qilleensaa naannoo Eeshiyaa-Paasifiik guutummaatti jijjiiruu danda'a.
Addunyaan gara dhaloota ja'affaatti xiyyaarota waraanaa yeroo ce'aa jirtutti, J-20A akka riqicha murteessaa teknooloojii ammaa fi gara fuula duraa gidduutti ilaalama
Kunis ejjennoo Chaayinaan humnoota waraanaa addunyaa waraanaqilleensarra adda duree ta'an keessaa tokko ta'uu ishee kan cimsuudha.















