Airbus xiyyaarota A320 rakkoon waan isaan mudateef akka hin balaliin dhorke

Xiyyaara Airbus

Madda suuraa, Getty Images

Airbus xiyaaronni A320 gara 6,000 ta'an akka hin balaliine dhorke.

Xiyaaronni kunneen carallaan (radiation) Aduu yeroo isaan tuqu kompiitaroota isaanii balalii to'aturratti rakkoo waan uumuuf imaluu akka hin dandeenye kampaanichi beeksiseera.

Sababa Airbus murtee kana dabarseen guutummaa addunyaarratti balaliiwwan baayyeen harkifataniiru.

Xiyyaarota A320 irratti appilikeeshinii isaaniirratti fooyya'insi erga taasifameen booda gara balali'uutti akka deebiyan ibsameera.

Sababa balaliiwwan harkifataniifi haqamaniif jecha daandiiwwan qilleensaa maamiltoota isaaniitiif odeeffannoo walitti fufinsaan kennaa jiru.

Onkoloolessa darbe xiyyaarri A320 Ameerikaa irraa gara Meksiikootti balali'aa ture tasa ol ka'insa irra balali'aa turerraa gadi bu'uu isaatiin Airbus qorannoo gaggeesseera.

Qorannoo isaa kanaanis, carallaan Aduu kompiitaroota ittiin balalii to'atan akka hin hojjenne danquu adda baafachuu himeera.

Xiyyaarri abbaan qabeenyummaa isaa Daandii Qilleensaa JetBlue ta'e Ameerikaa irraa gara Meksiikootti balali'aa ture, osoo balali'uu isaa hin dhaabiin dura namoonni 15 miidhamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiyyaarri A320, omisha Airbus adda durummaatiin gabaaf dhiyeessudha. Rakkoon xiyyaara gosa A320 irratti mul'ate xiyyaarota gosa A318, A319 fi A 321 irrattis mul'ateera.

Xiyyaaronni Airbus 5,100 ta'an sa'aatii sadii keessatti appilikeeshinii isaanii akka sirreefatanis ibsameera.

Xiyyaaronni 900 ta'an ammoo erga hojjeatamnii waggoota dheeraa waan lakkoofsisaniif kompiitaroonni isaanii akka haaraatti jijjiiramuu barbaachisa. Hanga kompiitaroonni isaanii jijjiiramuufittis balali'uu hin danda'an.

Airbus, rakkoo mudateen imalli maamiltootaafi imaltootaa gufachuu isaatiif dhiifama gaafateera.

Ogeessi aveeshinii Saalii Geetiin, "rakkoon isaan mudate kan baratame miti. Daandiiwwan qilleensaa gara garaa tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachuu danda'u," jedhe.

Luftaanzaan xiyyaarota Airbus balali'uurraa akka dhorku kan ibse yoo ta'u, daandiiwwan qilleensaa tokko tokko garuu rakkoon guddaa ta'e akka isaan hin mudanne beeksisaniiru.

Fakkeenyaaf, Buufanni Xiyyaaraa Hitiroo gufachuun balalii isa hin mudanne.

Biriitish Ayirway miidhaan guddaan akka isa hin mudanne yoo ibsu, Wiiz Ayir fi Air Indiyaan appilikeeshiniirratti fooyya'insa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Tibba kana keessa Ameerikaa fi biyyoota tokko tokko keessatti guyyaan galataa waan kabajamuuf balaliiwwan hedduun akka taasifaman ni eegama.

Ameerikaa Ayirlaayens xiyyaaronni 340 ta'an hojii waan dhaabaniif balaliiwwan akka harkifatan ibseera.

Appilikeeshinii kana fooyyessuun hanga Sanbataatti akka xumuramus beeksiseera.

Awustiraaliyaatti tajajaila balalii gatii gadi aanaatiin kan kennu Buufanni Xiyyaaraa Jet Star, balaliiwwan 90 haqeera.

Abbaan Taayitaa Aveeshinii Yunaayitd Kingidam Tiim Joonsan, "guyyoota itti aananitti balaliiwwan hangi tokko haqamuun isaanii yookaan ammoo harkifachuun isaanii hin oolu," jedhan.

"Xiyyaaraan imaluun ammallee taanaan filannoo nageenyi isaa eegamedha. Buufataleen Xiyyaaraa sakatta'insaafi suphaan of eegannoon guute taasisu. Mudannoon xiyyaaronni hedduun yeroo tokkotti balaliirraa itti ittifaman muraasadha," jedha itti dabaluun.

"rakkoon A320 mudate xiyyaaronni ol ka'insa isaanii tilmaamuudhaaf appilikeeshinii itti fayyadaman kan jeequdha.

Appilikeeshiniin xiyyaaronni ol ka'insa isaanii tilmaamanii ittiin odeeffannoo kennan sababa carallaa Aduutiin sirriitti hojjechaa hin jiru.

Xiyyaarri Onkoloolessa darbe osoo Ameerikaa irraa gara Meksiikootti osoo balali'aa jiruu ol ka'insa isaa kan dogoggoreefis sababuma kanaan akka ture ibsameera.

Akkaataa qajeelfama Abbaan Taayitaa To'annoo Aeveeshinii Awurooppaatiin, xiyaaronni kunneen hanga fooyya'insi taasifamuufitti balali'uu hin danda'an.

Hanga nageenyi isaanii amansiisaa ta'uun isaa mirkanaa'utti osoo imaltoota hin fe'atiin balalii yaaliidhaaf taasisuu akka danda'an ibseera.

Xiyyaaronni A320 to'annoon balalii kan taasifamuuf ajaja paayiletoonni komppitaraan dabarsaniinidha.