Khuullee: Falmii 'filannoowwan qubee Afaan Oromoo' tibbanaaf ka'umsi maali?

Tibba kana miidiyaalee hawaasaarratti dhimma ijoo ta'ee falmisiisaa kan jiru qubee afaan Oromoo amma jiruuf ''filannoolee haaraa'' jedhamuun kan dhiyaachaa jiraniidha.

Guyyoota dura qubee Afaan Oromoo amma jiru filannoo biraa, 'Khuullee' jedhamuun kalaqameefi kan biroo jahaan bakka buusuuf qorachuun akka danda'amu yaadni dhiyaate ogeeyyiifi kaanis dubbachiisaa jira.

'Khuulleen' kalaqa qubeelee haaraa kan qubee laatiinii hanga ammaa Afaan Oromoo itti fayyadamaa jiru bakka bu'uu danda'aa jedhamee ogeessa ammaan tana biyya Ameerikaa jiruun waggoota 19 dura kalaqame.

Waggoota hanga kanaa xiyyeeffannoo soo hin argatanii amma sababni ijoo dubbii ta'eef ammoo waraqaa qorannoo tibba kana Yunivarsiitii Wallaggaaf dhiyaatedha.

Waraqaa qorannoo kana kan dhiyeessan ammoo Tumsaa Piroofesaraa fi Yunivarsiitii Wallaggaatti barsiisaa kan tahan Fedhasaa Taaddasaati. Ogeessi kun rakkoolee Afaan Oromoo qubeessuu wajjin walqabatanii ka'an furuuf kalaqootni qubee adda adaa torba ta'an amma dura kalaqamanii jiraachuu dubbatan.

''Mat-dureen qorannoo kootii ' Xiinxala Uumama Qubee Afaan Oromoo: Ijibbaata Hayyootaafi Firii Dhamaatiisaanii' jedha'' kan jedhan Barsiisaa Fedhasaa, rakkoolee qubeessa Afaan Oromoo keessatti mul'atan irraa ka'uun filannoowwan jiran xiinxaluu dubbatan.

Mallattooleen Afaan Oromoo keessa jiran qubee laatiiniitti sagalee Afaan Oromoo uumuun madaqafamuun danqaalee uume qabachuu kan eeran Barsiisaa Fedhasaa, barnoota Sakattaa Hogbarruu Oromoo keessatti namootni qubee uuman biroonis akka jiran argaan turee jedhu.

Waggoota murasa darban namootni kaka'umsa dhuunfaan qubee haaraa kalaqan kallattinis ta'e karaa miidiyaa hawaasaa kalaqa isaanii wayita barsiisan arguun isanii ka'umsa waraqaa qorannoo amma Yunivarsiitii Wallaggaatti dhiyeessanii ta'uu Barsiisaa Fedhasaa BBC'tti himaniiru.

''Kan Sheek Bakrii Saphaloo dabalatee qorannoo qubee namoota torbaa of keessatti hammate hojjedheen reefu bara kana goolabe. Achiis maaliifin hayyootaaf hin dhiyeessuun jedhe. Kaayyoon koo hin ta'aafi hin ta'uusaarratti hayyoonni mariyatanii adda haa baasan kan jedhuudha.''

Waraqaa qorannoo kana jalqaba ogeeyyii muummee Afaan Oromoo Yunivarsiitii Wallaaggaaf dhiyeessuuf gaaffiin dhiyeessan fudhatama argate inummaayyuu sadarkaa koollejjiitti ogeeyyii jiraniif dhiyaatus, ''qubee balleessuuf ka'e'' jedhamee akka badaatti fudhatamuu Barsiisaa Fedhasaa ni dubbatu.

Inumaa miidiyaa hawaasaattis bahee dubbii ijoo ta'uu fi qeeqa guddoo kaasuu hubachuus ibsan.

Kaayyoonsaa qubee jijjiiruu osoo hin taane, qubee Afaan Oromoon walqabatee kalaqoota haaraa jiran, qaawwa isaan cufuu kaayyyeffataniifi ija oogummaan akkatti ilaalaman irratti ogeeyyiin hubannoo akka qabaatan, yaadas akka irratti dhiyeessan ta'uu himan.

Kalaqoota qubee Afaan Oromoo amma jiruuf akka filannootti dhiyaate keessaa tokko kan ta'e ''Khullee'' jedhama. Miidiyaa hawaasaarratti bal'inaan kan irratti haasa'amaa jirus isadha.

Kalaqni kun kan Maaster Hasan Abdulqaadir Ayimooti. Namni kun yeroo ammaa biyya Ameerikaa jiraata. Pirezidaantii Tekwaandoo Afrikaa ta'uunis tajaajilaa jira.

Dhimmi kalaqa qubee isaa kun dubbii ijoo ta'uun walqabatee yaada miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa qoodeen ''Khuullee Afaan Oromoo amata 19 har'aan yaada kan lafa kaahe'' jedhan. Waggaa 16 duras Yunivarsiitilee Dirree Dhawaa fi Haramaayatti qorannoo isaa kana dhiyeessee akka ture ibse.

Ka'umsi kalaqa isaa qubee Afaan Oromoo amma jiru katabuurratti hanqinoota jiran ta'uu fakkeenyota akka qubee dachaa fi hudhaarra jiran kaasuun ibseera. Dabalataan ammoo Afaan Oromoo amma jiruun jecha tokko qubee baayyee fayyadamuun katabuunis rakkoo mataa isaa qabaachuu kaase.

''Rakkinoota kanarraa kan ka'e hanga har'aatti ittiin barreessuuf rakkachaa, sooshaal miidiyaarrattillee bareessuuf sadarkaa qaanfachuurra gahaa jirra, walqeeqaa jechuudha. Yaadni maaliif waan keenya hin kalaqnu jedhu achii ka'aa.''

Maaster Hasan kalaqasaa, Khullee Afaan Oromoo jedhuun boca odaatiin qubee 35 bocuu ibse. Moggaasa Khullee jedhu kan kenneef kuula kan jedhurraa akka ta'es ibseera. Ammoo kalaqnisaa kun ogeeyyii qorannoo Afaaniin ilaalamee ''ni ta'aaf hin ta'uun isaaniin murtaaha'' jedhan.

Dhimma filannoo qubee Afaan Oromoo amma jiruu ta'uu danda'a jedhamee dhiyaateen walqabatee yaadni faallaan walii irra jireessi mormii ta'e miidiyaalee hawaasaa gubbaa naanna'aa jira.

Namoota yaada qo'annoo kanaa fi yaada filannoo biraa qubee ta'uu danda'a jedhame busheessuun barreessan keessaa kan jalqabaa ogeessa IT Afaan Oromoo dijitaalessuu keessatti gahee bahaa jiru Obbo Abdiisaa Baancaa Jaarraati.

Yaadnisaa ''Oromoo ofduuba deebisuuf karoora bahe tahuu waan hubatan natti hin fakkaatu. Guddinna afaanichaa Sakaaluu keessatti gahee isaanii bahachuuf karoorfachuu hubatamuu qaba'' kan jedhuudha. Namootni hedduun yaada Obbo Abdiisaa wajjin walfakkaatuufi kalootni biroon filannof akka dhiyaatanitti as bahuun sirri akka hin taane morman kennamaa jiru.

Gama kaaniin ammoo katabuu keesatti qubeen Afaan Oromoo ama jiru hanqinoota qaburraa kan ka'e akka fooyya'u, filannoolee biroo jiranis qoratanii irratti mariyachuun cubbuu hin qabu yaadotni jedhan dhiyaachaa jiru.