Coommee ifa magariisaa hanga raammoo cuqulisa iftuu hawwata qalbii turistootaa booji'an

Awustiraaliyaa naannoo Ilaawaaraa jedhamu keessa yoo imaltan coommee ekeraa ifa kennan (ghost fungi) lubbuu qabeeyyii galaanaafi kaan dukkana keessatti calaqqisan argitu
Dukkana cillimii keessa fugugii gamaan urjiiwwan faca'antu mul'ata, kan argitan garuu samii miti, laga ciisaa raammoo ibsituu uffate malee.
Hojjetaan geejiba tuuristootaa Deeviid Fiinleey ''kuni TV kooti'' jedha. ''Waan falfalaa filmii Avaataar keessaa ilaaltu fakkaata.
Hojiisaa guyyuu gaafa xumuru halkan bosonaafi qarqara galaanaa Awustiraaliyaa keessa deemuun lubbuu qabeeyyii ifan kana barbaada. ''Mana kee callistee yoo teesse waan kana otoo hin argin hafta,'' jedha.
Lubbuu qabeeyyiin kunneen adeemsa keemikaalaa qaama isaanii keessatti uumamutu- moolakiyuulii luusiifeeriin, inzaayimii luusiifarsiifi oksijiinii walitti makamuun ifa akka keennan isaan taasisa.
Kunis wal-hormaata gaafa barbaadan of agarsiisuufi ykn diinarraa of eeguu fa'iif isaan fayyada.
Lubbuu qabeeyyii Baayoluminees jedhaman kunneen iddoowwan addunyaa gargaraa keessa jiru.
Naannoon Awustiraaliyaa Ilaawaaraa jedhamu garuu uumamoota kunneen akka maagneettiitti harkisa. Iddoo kana ibsaan nam tolchee baayyee hin jiru, roobaafi ho'i gahaan jira. Lubbuu qabeeyyiin kuni akka dagaaganiif haala qilleensaa mijataa tahe qaba.
Cirrachi qarree bosona qaburraa gara garba Paasifiik seenu lubbuu qabeenyyii ifa keennaniifi akka salphaatti miidhaman kunneen akka eegaman godha jedha Deeviid.
Mana isaa taa'ee Deeviid lubbuu qabeeyyii ''warra gurguddoo afur'' arguu danda'a.
Lubbuu qabeessi Sii Ispaarkiil bishaan garbaa ifa elektiriikii cuquliisa fakkaatu akka qabatu godha, gost faangi (coommeen ekeraa) magariisa ifa qabu mul'isu, ilbisooti fi raammoon akka dungootti ifanis samii halkan miidhagsu.
Taateen uumamaa kuni yeroo kanatti mul'ata jedhamee waan tilaamamu miti, waaqtii fi haala qilleensaan kan qajeelfamu dha. Lubbuu qabeeyyiin kunneen jeequmsa namaafi jijjiirama haala qilleensaan dafanii miidhamu.
Namoota akka Deeviid ifa akkasii adamsaniif of eeggannoofi obsaan barbaaduun waan suga isaaniif kennu dha.
Jimaata galgala yeroo namoonni ibsaa nam-tolchee jalatti bashannanaa dabarsan Deeviid ifa uumamaa kunneen jala bu'ee barbaada.

Lubbuu qabeeyyiin kunneen iddoo jiidhaa, dukkaanaafi holqa qabuu bosona barbaadanii keessatti dhokatu.
Raammoon ibsituu baayyeen Awustiraaliyaa fi Niiw Ziilaand keessatti argamu.
Deeviid dhaabbata tuurizimii lubbuu qabeeyyii kana agarsiisu qaba. Yeroo isaan argetti suuraa isaanii Feesbuukii irratti maxxansa. Bara darbe qofa namoota naannoofi tuuristooti biyya biroo 25,000 tahan uumamoota addaa kunneen ilaaluuf iddoo dursanii qabataniiru jedha.
''Namoota baayyeef muuxannoon kuni akka warqee argachuuti, warqee ammoo asittan arge jedhee namni sitti himu hin jiru,'' jedha.
Hojiinsaa daawwattoota waa'ee lubbuu qabeeyyii kanaa barsiisuufi lafa jireenyaa isaanii ammoo kunuunsuu gidduu madaala eeguu gaafata.
''Paarkiin qabnu sochii namootaan miidhamaa waan jiruuf, iddoo addaa lubbuu qabeeyyiin kunneen jiran namatti hin himu, sababiinsaas namoonni mandhee isaanii mancaasuu danda'u,'' jedha.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2019-2020 yeroo ibiddii bosonaa Awustiraaliyaa keessa ture lubbuu qabeeyyiin kunneen baayyeen haxaa'amanii turan jechuun ibsa.
''Yeroo namoonni daawwachuuf dhufan waan gochuu qabaniifi hin qabne ittan hima,'' jedha.
Qajeelfamni inni jalqabaa akkuma addunyaa uumamaa kaanitti godhamu ''ilaali garuu harkaan hin qabiini dha, sababiinsaas raammoon iftuu fakkeenyaaf harkaan qabuun qofa du'uu dandeessi, itti hafuura baafachuun, ibsaa itti ibsuun akkasumas sagaleen guddaa fa'i guutummaatti qaamnisaanii hojii akka dhaabu isaan godha.
Do'ii lubbuu qabeeyyii iftuu kanaaf hiriyyaa fidachuu gorsaa Deeviid, namni inni tokko ibsaa nam-tolchee asii ol qabee yoo deemu kaan karaasaarra lubbuu qabeenyyii kunneen adamsa, jedha
''Raammoon iftuun ifa aduu ni baqatu, ni dhokatu. Guyyaa xiyyoo mijuu isaaniif kennu barbaadanii of dhoksu. Yeroo achii keessaa bahan saaphana ifu tolchu saaphanni kuni unuuf waan bareedu dha isaaniif teepha du'aa, ilbisoota nyaatan ittiin kiyyeessani dha,'' jechuun ibsa
Yeroo lagni ciisaan kuni leensii kaameeraadhaan mul'atu waan ajaa'ibaati. Copha ifaa adii akka sabbata waaqaa halluu geggeeddarutu mul'ata. Gareen Feesbuukii suuraa lubbuu qabeeyyii kanaa qoodu Awustiraaliyaa keessatti miseensota 64,000 qaba.

Namoonni lubbuu qabeeyyii kana maayii koo jedhanii daawwachuuf adamsan hennaa murtaa'e hordofan hin qaban.
Muuxannoon akkaan nama gammachiisu bishaan keessa miilaan borcaa yeroo ifti cuqulisa mul'atu dha. Maalii jennaan ''instaagiraamii irratt maxxansuuf baayyee bareeda,'' jedha Deeviid.
Kiriistiin Diin Ismiiz garee Feesbuukii suuraa lubbuu qabeeyyii kanaa mxaansuuti, ''lubbuu qabeeyyii iftuu kana nan adamsa, kaansarii gogaa waanin qabuuf ifa guyyaatti akka hin baane dhorkameera,'' jetti. Akka ogeettii suuraatti karoora koo mijeesseen halkan suuraa kaaseen, hordoftoota kootti agarsiisa jette.












