Twitter Biyoonsee fi Ronaaldoo dabalatee mallattoo cuquliisaa namoota bebbeekamoo jalaa haqe

Madda suuraa, Getty Images
Biyoonsee fi Kiristaanoo Ronaaldoo maaltu walitti fidee? Wanti kanaan dura jara kana lamaan akka maqaan isaanii waliin ka'u godhu jiraachuu baatus har'a garuu wanti walitti isaan fide jira.
Har'a irraa kaasee lamaan isaanii Twitter irratti mallattoo cuquliisa sirrummaa mriakneessitu hin qaban. Yookaan ammoo fuulli Twitter isaanii mrikanaa'aa miti jechuudha.
Miidiyaan hawaasaa guddichi kun mallattoo cuquliisa (blue tick) kan sirrummaa fuula sanaa mirkaneessuuf gargaaru ture namoota kumaatamaan lakkaa'aman irraa Kamisa irraa kaasee haquu jalqabeera.
Tarkaanfiin kun kan jalqabame abbaan qabeenyaa Twitter Elon Maask miidyaa hawaasaa kana gara madda galii guddaafi bu'aa irraa argatutti jijjiiruuf yaaluu isaa hordofeeti.
Fayyadamtoonni mallattoo sirrummaa mirkaneessitu cuqiliisa (blue tick) isaanii tursiifachuu barbaadan, waggaatti kaffaltii isaanirraa eegamu kaffalu jechuudha.
Haaluma kanaan mallattoo cuquliisaa Twitter (Twitter blue tick) irratti sabiskiraayib gochuudhaaf waggaatti namni tokko $84 kaffala.
Yeroo jijjiiramni Twitter irratti taasifamaa jiru kanatti, namoonni kanaan dura mallattoo mirkaneessituu cuquliisaa kana qaban miidiyaa hawaasaa kanatti qoosuutti jiru. Namoonni kaan ammoo mallattoo eenyummaa sirrii mirkaneessu kana ofirraa dhabuutti gaddaa jiru.
Shaampiyoonaa US kan taate Looloo Joons Twitter ishee pirofaayila jaalalleeshee irratti mallattoo cuquliisaa kana qabatteedhuma jirti.
Fayyadamtoonni biroon ammoo namoonni gariin mallattoo kana Twitter isaaniirraa yoo dhaban ykn jalaa haqamu, kaan ammoo ammallee ofirraa qabaaachuu akka waan dabi tokko jiruutti yaadaa jiru.
Taatoo beekamaan Jaasen Suudekiis jedhamu mallattoon cuquliisa jalaa haqamee, nam-uumee (Character) inni fiilmii keessatti ta'ee hojjetu Teedii Loosoo garuu hanga ammaa mallattoon cuquliisaa irraa hin haqamne.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raapparii beekamaa US kan ta'e Ice T mallattoo mirkaneessituu kana Twitter ofiirraa dhabuun haanga kana nama iyyisiisuu hin qabu jechuun salphisaa ilaalaa jedhe.
Mallattoon cuquliisaa Twitter kun eenyummaa sirrii nama sanaa mirkaneessuurraa kan darbe akka kabajaatti ilaalamuu jalqabeera.
Twitter mallattoo cuquliisaa kanaaf kaffalchiisuu osoo hin jalqabiin dura, Kaaniyee West, Shaak fi Hiwaan Megireegon Twitter irratti namoonni maqaa isaaniitiin fuula banatan jiraachuu isaanii komii dhageessisaniiru.
Mallattoon cuquliisaa Twitter namoota bebbeekamoo irraa yoo haqame lakkoofsi namoota beekamoo warra sirrii ta'aniifi warra ammoo maqaa namoota beekamootiin sobaan baafatan hordoftoota walitti dhiyaatu qabaachuuf deemu jechuudha.
Erga mallattoon cuquliisaa kun Twitterri irraa ka'ee fuula Twittera maqaa Hilaarii Kilintaniin bahe tokko irratti ergaan "filannoo itti aanu irratti nan dorgoma," jedhu barreeffameera.
Fuulli waajira mootummaa Niwu Yoork fakkeeffamee baname tokkos atakaaroo kaaseera.
Atakaaroon akka kanaa ammoo akka oduuwwan sobaa tatamsa'an godha jechuun yaada isaanii kennu ogeessonni.
Elon Maask mallattoon cuquliisaa qabiyyeen karaa dimokiraatawaa ta'een fuula irratti akka darbu gargaara jechuun falmus, qeeqxonni garuu Twitter warra mallattoo cuquliisaa qabaniif dursa kennuun madaalawaa ta'uun isaa hanqachuu mala jedhu.












