Bulguun maali, nama moo bineensa?

Ijoolleen gaafa amala baddu maatiin, ''Bulguun si nyaata'' jechuun ittiin doorsisu. Waa'eesaa seenaa sodaachisaa ijoollee isaanii boochisu itti himu.
Nama hamaa jennuun ibsuufis, ''nama mitii Bulguu dha inni'' jechuun yeroo ibsinutu jira.
Waa'ee Bulguu ijoollummaarraa dhagahaa guddanne sanaa baruu barbaanne.
Garuu Bulguun waan nama nyaatuuf mana isaa hin deemne, warreen waa'eesaa dhagahan gaafanne.
Bulguun uumama nama fakkaatu kan namoonni bara durriirraa eegalee nuuressa (imagination) isaanii keessatti uumanidha.
Afoolaa fi asoosama warra Roomaa duriirraa qabee hawaasa addunyaa mara keessatti Bulguun fuulaafi seenaa sodaachisaa qaba.
Bulguun maal fakkaata?
Bulguun bineensa miti. Uumama nama fakkaatu. Garuu gar-malee guddaa, furdaa, qaamnisaa dabbasaa qaba, jechuun kan nutti himan Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa Fookloorii kan tahan Dr Darajjee Fufaadha.
''Miillisaa akka kan arbaa guddaa waan taheef fuudhee hanga lafa keewwatutti yeroo itti fudhata,'' jechuun ibsu.
Qarriffa dhedheeraa ittiin nama qalu qaba. Rifeensi mataa isaa ammoo 'cafanfaraa' dha.
Fokkisaa dha! Sodaachisa dha! Ija ammoo afur qaba, kara fuulduraa fi duubaani jechuun akkaataa afoolli Oromoo Bulguu ibsu nutti himan Dr Darajjeen.
Kaamil Mahammad Abbaa Diimaa Yunivarsiitii Jimmaatti Fookloorii fi Og-barruudhaan barataa PHD dha.
''Bulguun biftisaa namuma naannoo seenaansaa himamu fakkaata,'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Bulguun nama nyaata
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulguun tokkuma! Fira, maatii fi ijoollee hin qabu. Qofaa jiraata, jechuun ibsu Kaamil.
Mannisaa holqa guddaa utubaa warqee qabudha. ''Kan inni akka malee guddaa tahe foon namaa waan nyaatuufi jedhama,'' jechuun ibsu hayyoonni dubbisne kunneen.
Uumamni addaa afoola Oromoo keessa jiru kuni, ''foon namaa mi'eeffateera,'' qarrifaa isaadhaan nama qalee nyaataa,'' jechuun ibsu Dr Darajjeen.
Qaamnisa dabbasaan kan haguugame tahuusaan alatti uffata haa keewwatuu, qulluu haa deemuu seenaawwan dhagahaman keessatti waanti beekamu hin jiru jedhan Kaamiil.
Akka Dr Darajjeen jedhanitti Bulguun kuni dandeettii addaa qaba.
''Waan tahuuf jiru dursee gatii beekuuf namni gara manasaa otoo hin dhufiin ni arga kanaaf namni jalaa miliquu hin danda'u.''
Mannisaa warqee fi albuudota kaaniin kan faayame waan taheef namni isaan hawwatameetu gara manasaatti gora jedhan.
Kan inni qabeenya kana argatuuf immoo beekumsa addaa waan qabuufi waan namoonni arguu hin dandeenye arguu waan danda'uufi jedhamaa jedhan.
Seenaa obbolaa lamaanii
Akka Kaamil jedhanitti seenaan waa'ee Bulguu himamu iddoowwan Oromiyaa garagaraatti baayyee adda addda miti.
Akka fakkeenyaattis seenaa obbolaa lamaaniifi Bulguu armaan gadii kana nutti himaniiru.
Oduu durii:
Obbolaa abashaalaafi gowwaatu wajjin jiraata ture. Ganda isaanii keessa immoo Bulguun jira. Isheen gowwaa sun yeroo mana Bulguu deemtu safuu manasaa hin isaa hin beektu.
Mana Bulguu yeroo dhaqamu akkatti manasaa bananiifi cufan dabalatee seera qaba. Isheen abshaalli yeroo baayyee ishee gowwadhaan manasaa deemuurraa ishee deebisti ture.
Gaaf tokko garuu otoo obboleettiin ishee hin beekiin kaatee ganda Bulguu kanaa deemti.
Qe'een Bulguu bal'aa fi warqee dhaan kan faayame dha. Loon hedduu qaba waan taheef loon tiksuu deema.
Hulaan manasaa takka banamee namarratti cufamnaan akkaataa itti banamu qaba waan taheef nama beeku qofatu seena.
Obboleettiin gowwaa sun mana Bulguu seentee akkatti baatu dhabdee achitti hafti.
Isheen abshaalaa barbaaddee ishee arguu hin dandeenye. Bulguun obboleettishee mataa haadee affeeluudhaaf xuwwee keessa galcheera.
Hammanni horiisaa ilaalee deebi'utti obboleettiinshee qaqqadee, obboleettishee ishee gowwaa baastee dhakaa gurraacha guddaa xuwwee keessa keesse. Dhakaan suni yeroo ibiddi boba'u ni dhoha.
Bulguun suni galgala guutuu bira ciisee, ''naa bilchaadhu yaa foon koo,'' jedha.
Dhakaan xuwwee keessaa bilchaachaa ture garuu dhohee Bulguu sana ajjeesse.
Sana booda obbolaan lameen qabeenyasaa dhaalanii jedhama.
Afoola Oromoo keessattis tahe kan hawaasa biraa keessatti Bulguun uumama nama nyaatu, qaama nama fakkaatu kan qabu garuu guddinnisaa kan namaa akkaan akka caalutu himama.
Tahus seenaan Bulguu bu'ureeffachuun og-barruu bal'inaan barreefamee, guddatee hin mul'atu.












