Luftaanzaan rakkoo teknikaa isa mudateen balaliinsa dhaabuuf dirqame

Madda suuraa, EPA
Jarmaniitti sababii hojii ijaarsaatiin walqabatee miidhaa sarara (keebiliiwwan) biroodbaandii daandii qilleensaa Jarman Luuftaanzaa mudateen, Daandiin Qilleensaa Firaankfarti balaliiwwan 200 ol haquuf dirqameera.
Haata'u malee daandiiwwan qilleensaa hundi ammatti sirnawwan isaatiin deebifamanii sirreeffamaniiru jedhe.
Roobii kaleessaa gara ganamaa balaliiwwan haqamuufi jijjiramuun wal qabatee imaltoonni kumaatamni addunyaa mararraa danqamanii ture.
Daandiin qilleensichaas balaliiwwan isaa Firaankifarti irraa Kamisa har'aa irraa kaasee gara bakka duriitti akka deebii'u eega.
Hojiiwwan injiinariingii daandii baaburaa irraa dogongoraan Kibxata sarara keebiliiwwan Firaankifarti keessaa kutuu dhaabbatichi hime.
Dhaabbatichi maamiltoonni balaliinsa biyya keessaa eeggatan akka tikeetiiwwan baabuuraatti fayyadaman gaafachuun, maallaqa kanfalan marsariitii isaatti akka deebii'uuf gaafachu danda'u jedheera.
''Furmaata kennuuf saffiisaan hojjataa jirra'' jedheera Luftaanzaan toora tiwitara isaarratti.
Odeeffannoon balaliinsawwan hordofu FlightAware irraa argame akka jedheetti, balaliinsiiwwan dhibbaan lakkaa'aman biraas akka turan ta'eera.
Imaltoonni muraasnis miidiyaa hawaasaa gubbaatti, daandiin qilleensaa Jarmanii balaliinsa keessummeessuuf waraqaa fi kobbeetti fayyadamuutti deebii'eera.
Boorsaawwan dabarsuuf karaa dijitaalaan hojjachu hin dandeenye jechuun barreessan.
Maammilli tokkoos, hojjattoonni daandii qilleensa Firaankifarti namoota karaa harkaan (manually) seenee qofaa gargaaru jechuun barreessan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Kanneen biraa ammoo, attamiin maallaqa isaanii akka itti argatan irratti bitaa itti galuufi deeggarsa omaatu dhaabbaticha irraa akka hin argatiin barreessan.
‘‘Lufaanzaan imaltoota sababii kanaatiin miiddhaman osoo gara buufata xiyyaarichaa hin dhufiin dura appii ykn marsariitii dhaabbatichaa irraa sadarkaa balaliinsa isaanii akka ilaalataniif gaafata. Imaltoonni balaliinsa biyya keessaa ammooo hanag Dilbataatti gara buufata Deutsche Bahn’tti akka jijjiratan’’ jedha ibsichi.
"Rakkiina sababii kanaatiin imaltoota mudateef baayyee gaddina,’’ jedhan dubbii himaan dhaabbatichaa.

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
To’attoonni tiraafika qilleensaas balaliinsawwan buufata xiyyaaraa Firaankifartii irraa gara biraatti jijjiraa kan jirna yoo ta’u, rakkinnichi garuu tajaajilawwan addunyaa guutuu irratti dhiibbaa taasisaa jira.
Luftaanzaa fi Dhaabbanni baabuura biyyaaleessaa Jarmanii rakkoo umameef hojii karaa keebilii optikii faayibarii Telekoomii Dachiitiin hojjatamee balaaleeffataniiru.
Sababii kanaatiin imaltoonni haalli itti Luuftaanzaa biratti balaliinsaaf itti seenan (check-in) fi sirniwwan ittiin seenan (boarding systems) guyyaa Roobii irraa kaasee rakkoo waan ummateef, to’annoon tiraafika qilleensa Jarmanii balaliinsawwan gar asana dhufan akka dhaabuu taasiseera.
Haata’u malee kaleessa guyyaa wallakkaa irraa kaasee deeggarsa to’attoota tiraafikii qilleensa Raayyaa ittisaa Jarmaniitiin sa’aatiitti xiyyaariwwan gara 40 ta’an akka qubatan taasisuu eegaleera.
Telekomiin Dachi gamasaatiin ibsa baaseen, ‘‘keebiiliiwwan lama alkan keessa garee isaatiin kan suphaman yoo ta’u, maamiiltoonni hedduunis fayyadamu eegalaniiru’’ jedhe.
Gama biraatiin ammo hojjattoonni buufata xiyyara Jarmanii kanfaltiin wal qabatee Jimaataa dhufaa mormiif bahuuf jiru.












