Waliigalteen ajajoonni waraana Itoophiyaa fi Somaaliyaa irra gahan maali?

Madda suuraa, SONNA
Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaafi Ajajaan waraana Somaaliyaa Meejar Janaraal Odaawaa Yuusuf Raage waraanni Itoophiyaa ergama haaraa Gamtaa Afrikaa keessa akka qooda fudhatu waliigaluun ibsame.
Kuni erga dureewwan biyyoota lamaan torban dura magaalaa Finfinneetti mari'atanii kallattii ka'an booda marii Mogadiishuutti taasifameen akka ta'e ibsi bahe ni mul'isa.
Xumura torban darbe Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa gara Mogadiishuu yeroo imalan hogganaan tika Itoophiyaa Ambaasaaddar Reduwaan Huseeniifi aangawoonni kaan waliin turan.
Waliigalteen kuni hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa waggaa tokkoof erga muddama jabaa seenee waliigaltee raawwatan booda haala gaariirra akka jiru agarsiistuu ta'a jedhameera.
Ajajoonni waraanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa haala nageenyaa Somaaliyaafi naannichaa mari'achuu ibsi bahe mul'iseera.
Akkasumas, Gaanfa Afrikaatti nagaafi tasgabbii mirkaneessuun akka barbaachisu jala sararanii mari'achuutu ibsame.
Ajajooti lamaan qooda Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa nagaa kabachiisa Gamtaa Afrikaa keessaa qabu irratti mari'achuun ''ergama AUSSOM keessatti akka hirmaatu'' waliigaluu ibsi bahe mul'isa.
Biyyoonni lamaan jaarsummaa Turkiin erga nagaa buusanii booda jilli Ministira Ittisaa Injinar Ayishaa Mohaammadin durfamu Mogadiishuu daawwatee ture.
Yeroos biyyoonni lamaan ergama haaraa Gamtaa Afrikaa (AUSSOM) Amajjii 01, 2025 eegaleerratti ''wal tumsuuf waliigaluu'' Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsee ture.
Eegasii jilli Somaaliyaa Itoophiyaa daawwatuun ala waamicha MM Abiy Ahimadin Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Finfinneetti imalanii mari'ataniiru.
Eegasiis yeroo Yaa'ii Gamtaa Afrikaa tibbanaa mari'achuu isaniitu gabaafame.
Akkasumas humna Itoophiyaa waliigalteen Gamtaa Afrikaan ala Somaaliyaa jiru ajajoonni lamaan akkaataa loltuun biyya tokko biyya biraa dhaqee tajaajilurratti waliigaluun isaanii ibsameera.
Itoophiyaan Gamtaa Afrikaan ala waliigaltee biyyoota lamaan Somaaliyaatti loltoota bobbaaste qabdi.
Waliigalteen humni biyya tokko isa kaanitti tajaajila jedhu kan waliigaltee biyyoota lamaaniin raawwate ilaallata.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ajajoonni lamaan al-Shabaab loluuf sochii taasifamaa jiru cimsuufi shororkeessummaa loluufis waliigaluu ibsaniiru.
Waligaltee ulaa Galaanaa Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand waliin mallatteessiteen walqabatee Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama jabaa seenanii turan.
Xiinxaltoonni nageenyaa haalichi walitti bu'iinsatti qajeeluu malas jedhanii yaaddoo ibsaa turan.
Somaaliyaan kuni birmadummaa keenya labsan jechuun mormitee ambaasaaddara Itoophiyaas ariite, hariiroon dippiloomasiis citee ture.
Somaaliyaan waraanni Itoophiyaas ergama haaraa keessa akka hin seenne murteessuullee ibsite. Gama kaaniin, Masriin affeeramuun ishee Itoophiyaa gammachuu dhowwe.
Eegasii booda jaarsummaa Turkii kan biyyoota lamaaniifuu michuu taateen waliigalteerra kan gahame.
Qabxiilee itti waliigalan keessaa tokko Itoophiyaan birmadummaa Somaaliyaa akka kabajju ibsa, Somaaliyaanis oolmaa waraana Itoophiyaaf gatii kennuuf waliigalte.
Eega waliigalteetii torban darbe Itoophiyaa fi Somaaliyaan marii teeknikaa marsaa jalqabaa Turki magaalaa Ankaaraatti gaggeessaniiru.

Oduufi xinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












