Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajajaa Hamaas Israa'el Gaazaatti ajjeesuu ibsite eenyu?
Israa'el ajajaa olaanaa Hamaas haleella xiyyaaraaa konkolaataa tokkorratti xiyyeeffateen ajjeesuu beeksiste.
Qondaalli Hamaas ajjeefame kun Rahid Saad jedhama. Rahid Gaazaatti garee humna waraanaa Hamaaas kan Qasaam jedhamuu keessatti hogganaa oomisha meeshaalee waraanaati.
Waraanni Israa'eli fi dhaabbanni tika Israa'el Shiin Beet jedhamu ibsa waloo baasa keessatti ajjeesu ibsan.
Rahid Saad damee waraanaa Hamaas keessatti nama baayyee beekamoo keeessaa tokko yoo ta'u, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, bara 2023 raawwate hoogganeera jedhamee amanama.
Dubbi- himaan garee ittisaa Sivilii Hamaas Mahmuud Basaal, haleellaa xiyyaaraa Israa'el sanaan namoota afuritu ajjeefame.
Namoonni bakka haleellaan xiyyaaraa itti raawwatame sana bira darbaa turan danuun ammoo mada'aaniru.
Gaazaatti qondaalli Hamaas tokko BBC'tti akka himanitti, haleellaan kun gargaaraa Saadii fi qondaalli sadarkaa gadi aanaa kan biraa Abu Imad al-Laban jedhamus ajjeefameera.
Israa'el BBC'n Gaazaa keessaa walaba ta'ee akka hin gabaasne sababa dhorkiteef odeeffannicha bal'inaan mirkaneessuu hin dandeenye.
Ibsi waloo Waraana Israa'el(IDF) fi ISA, Saad ''du'a loltoota Israa'el hedduu'' Gaazaa keessatti dhootuun ajjeefamaniif itti gaafatamummaa fudhateera.
Saad miseensa mana maree waraanaa hoggansa Hamaas miseensota shan qabu kan haaraa erga dhukaasni Onkoloolessa keessa dhaabatee hundeeffame ta'uutu amanama.
Israa'el yeroo heddu isa ajjeesuuf yaalte.
Yaalii baay'ee beekamaa ta'e keessaa tokko Bitootessa bara 2024tti duula tasa Israa'el magaalaa Gaazaa keessatti raawwatte yoo ta'u, humnoonni Israa'el isa hidhuuf ykn ajjeesuu akka barbaadan himameera.
Maddeen yeroo sanaa akka jedhanitti Saad gamoo Israa'el irratti xiyyeeffatte keessa ture, garuu sakatta'iinsa gaggeeffaamu yeroo muraasa dura miliquu danda'eera.
Yeroo dheeraaf Israa'el qondaalota Hamaas ajjeesuuf baay'ee barbaaddu keessaa tokko yoo ta'u, yaaliin Israa'el isa ajjeesuuf goote waggoota 20 ol fudhate.
Haleellaan xiyyaaraa Sambata darbe kun Gaazaa, bakka Filisxeemoonni to'atan keessatti raaawwate.