Morookoon Arjentiinaa mo'atte 2-1, galchiin Arjentiinaa sa'aatii lama booda haqame

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Olompikii Paaris jalqabaa irratti Morookoon 2-1 Arjeentiinaa mo'atte.
Taphichi diraamaa adda addaan guutame. Murteewwan hin eegamne irratti fudhatamaniiru. Leenjisaan ARjentiinaa ''waan qaanessaadha'' jechuun ibsan.
Deeggaroonni Morookoo dirree galuun jeequmsa kaasan.
Dubbichi akkas ture.
Tapha kana Morookoon 2-0 dursaa turte. Arjentiinaan galchii tokko lakkoofsisuun galchii wal qixxeesituuf yaalii guddaa gochaa turte.
Boqonnaa booda daqiiqaa dabalataa 15 kenname. Garuu taphataa Kiritiyaan Medinaa jedhamu daqiiqaa dabalataa 16ffaa irratti galchii wla qixxeesituu lakkoofsisuun 2-2 tahan.
Deeggartoonni hedduu dirree seenuun jeequmsa kaasan. Akkuma galchii lammaffaa Arjeentiinaan lakkoofsifteen qaruuraa fi kubbaayyaa dirreetti darbatan.
Akkasumas waan akka abiddaa [richiitii] gara taphattootaa fi garee leenjistootaatti darbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo kana murteessaan ariitiidhaan taphattoota dirree keessaa baase.
Murteessaan taphichaa tapha dhaabsisuun taphattoonni dirree keessaa akka bahan taasisan.
Deeggartoonni Morookoo dirree erga guutanii eegdotaan qabamuun keessaa baafaman.
Garuu daqiiqaa muraasa mancaate taphachuu qabu ture.
Deeggartoonni dirree keessaa baafamuun taphichi akka deebi'ee itti fufuun taphatamu godhame.
Garuu turtii sa'aatii lamaa booda murteessaan taphichaa deebi'anii dhufuun VAR ilaaluun galchiin Arjentiinaan lakkoofsifte taphaan aladha jechuun jalaa haqe.
Deeggartoonni dirree Seenti Iteenee keessaa akka bahaniif ergaan darbe. Iskiriinii irratti ergaan akkas jedhu barraa'e.
''Taphni keessan waan haqameef gara hulaa bahumsaa isinitti dhiyoo jiruutti deemaa,'' jedha.
Dhuguma dhumeera ykn haqameera jedhanii deeggartooni dirree keessaa bahan. Yero kan murteessaan taphichaa daqiiqota hafte sadan taphachisuuf taphattoota waaman.
Isa dura garuu daqiiqaa 15 tahu akak qaama ho'ifataniif yeroo kennanniif. Taphattoonni Arjentiinaas galchii wal qixxesituu lakkoofsisneerra jechuun gammadaa turan.
Murteessaan garuu gara VAR deemuun taphaan ala turte jechuun galchii sa'a lama dura galte haqan.
Leenjisaan garee Olompikii Arjentiinaa Haviyer Maashaaanoon ''waan nama qaanessudha'' jedhe.
"Yeroo dheeraaf leenjisaa tahee hin hojjenne garuu akka nama yeroo dheeraaf taphataa tureetti waan akkasii takkaa argee hin beeku,'' jedhe.
Olompikii bara 2004 fi 2008 irratti Arjentinaa wlaiin warqee injifateera. Badhaasni Olopmikii irratti kennamu warqee waan taheef.
Amma miira aari kana akka humnaatti fayyadamuun taphoota hafan irraa qabxii jaha argachuun marsa aitti aanuuf darbuu qabna jedhe Maasharaanoon.
Qabxiin taphichaa osoo hin baramiin ture. Garuu Koreen Idil-adunyaa Olompikii taphichi dhumeera jechuun akka qixa bahanitti marsariitii isa airratti amxxansee ture.
Dursaan taphattoota Arjentiinaa daqiiqaa hafte hin taphannu jedhee ture. Silaa qabxiin kun aka duraatti 2-2 qixaan hafamoo Morookoof kennama kan jedhu garuu hin baramiin ture.















