Dargaggoonni 280 ol hojiif gara Hidha Abbayyaa wayita deemanitti Faannoon butaman ammallee hin gadhiifamne

Hidhattoota Faannoo

Madda suuraa, Getty Images

Dargaggoonni 280 ol ta’na Naannoo Kibba Itoophiyaarraa mindeeffamuun lafa bishaan ciisu qulqulleessuuf gara Hidha Guddicha Abbayyaatti osoo imalaa jiranii hidhatoota Faannootiin Naannoo Amaaraatti ji’a darbe keessa butaman ammallee akka hin gadhiifamiin aanga’aan Naannichaa BBC'tti himan.

Dargaggoonni bulchiinsaa Kibba Itoophiyaa irraa gara naannoo Beenshaangul Gumuzitti hojiidhaaf deemaa turan kunneenis, Naannoo Amaraa godinaa Goojjaam Bahaa keessatti ture garee hidhattoota Faannootiin kan butamanii fudhataman.

Dargaggoonni Naannoo Kibbaarraa garas demaa turan humna hidhate kanaan butamuun dhaga’amuu hordofee maatiiwwan isaanii yaaddoo irraa akka jiran ibsachaa jiru.

Dargaggoonni kun hojii Hidha Laga Abbaayaatiif bosona akka ciraniif ture bulchiinsaa Kibbaa Itoophiyaa godinaal Gaardulaafi aanaa Allee keessaa kan filataman yoo ta’u, osoo bakka deemaa jiran hin qaqqabiin naannoo Amaaraa godina Goojjam Bahaatti kaarrarra butamuusaanii maatiin miidiyaa hawaasaarraa baruu dubbatan.

Naannoo Kibbaatti Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Obbo Gennessoo Gesaatoo namoota hidhattoota Faannoon butaman keessaa 38 isaanii kan qe’ee isaa keessaa ta’uu BBC'tti hime.

“Naannoo keenyaa dargagoonni 38 hojii kanaaf deemaa turan. Dargaggoonni kunneen Waajjira Hojjetaafi Hawwaasummaatiin leenjii fudhatanii booda osoo deemaa jiranii Naannoo Amaaraa bakka Dabre-Maaqositti dhiyoo ta’etti butaman,” jedha Daarektarichi.

Akka Obbo Gennessoon jedhanitti, hojjettoonni kunneen konkolaataa ummataatiin deemaa kan turan yoo ta’u, bakka itti butamanirraa bilbilaa turan.

“Hojjetoonni kunneen nuuf bilbilanii akkas jechuun nutti himan. ‘Humna waraanaatti makamuudhaaf filatamtanii dhuftan. Haleellaa nurratti gaggeessuudhaaf dhuftan.’ Isaan hojiidhaaf deemaa jirra jedhanis, isaan [Faannoon] garuu isaanii amanuu didan,” jedha aanga’aan kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata’u malee, hidhattoonni Fannoo “dargaggoonni kunneen miseensota milishaati, hojjettoota miti”.

Obbo Gennessoon garuu hojjettoonni kunneen raga namoota nagaa hojiif deemaa jiran ta’uu agarsiisaa turan jedha.

“Akka naannoofi aanaatti nuti ragaa kana dhiyeessuu dandeenya. Humna waraanaa waliin wanti walitti isaan fidu hin jiru. Bakka haroon nam-tolchee Hidha Laga Abbayyaatti irra ciisurraa bosona ciruuf filatamanii deemaa turan,” jedha.

Akka odeeffannoon Naannoo Kibba Itoophiyaarraa argame mul’isutti dargaggoonni kunneen umuriin isaanii wagga 18 fi 30 gidduutti argama.

Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii kun BBCtti akk ahimetti, dargaggoota hidhattoota Faannoon butaman kanneen bilbilaan qunnamuun danda’amullee, haalli jiru garuu human naannichaatiin olidha.

“Mootummaan Naannichaa fala barbaaduudhaaf mootummaa Federaalaa, mootummaa Naannoo amaaraafi ejensii dargaggoota kana qacare waliin hojjechaa jira,” jechuun BBC'tti hime aanga’aan kun.

Nama konkolaataa ummataa koraa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Dhimma kana ilaalchisuun mootummoonni Naannoo Amaaraafi Federaalaa hanga ammaatti ibsa baasan hin qaban.

Naannoo Amaaraa ji’oota darban keessa hidhattoota Faannoo fi human waraanaa gidduutti dirree walitti bu’insaa ta’eera.

Waraana humnoota Tigraay waliin waggoota lamaaf tureen humnoonni Federaalaafi hidhattoonni Faannoo michoota turan.