Reeffi maanguddoo Kaaliforniyaatti namoota 10 ajjeessuun shakkamee argame

Madda suuraa, Reuters
Poolisoonni Kaaliforniyaa reeffa maanguddoo istudiyoo shubbisaa kan dhiheenya Loos Anjalasiitti argamu keessatti namoota 10 ajjeessuun shakkamee adda baasuu himan.
Maanguddoon maqaansaa Huu Kaan Traan jedhaniifi umuriin waggaa 72 kunis reeffiisaa konkolaataa adii tokko keessatti argame.
Ofiin kan ofiitti dhukaasuun of ajjeessee yoo ta'u, bakkuma reeffiisaa argameetti lubbuun keessaa bahu akka mirkanaa'e, ajajjaan poolisii Kaawuntii Loos Anjalas Roobarti Lunaa himan.
Bakka ajjeechaan namoota 10 Dilbata itti raawwatame kunis osoo Bara Haaraa warra Eshiyaa kabajamaa jiruu lafa Monterey Paark jedhamutti ture.
Haata'u malee kaayyoo ajjeechaa kanaa maal akka ta'e poolisin ganaa adda hin baafne.
Haleellaa raawwatame sanaanis namoonni 10 biraa miidhaan kan irra gahe yoo ta'u, torba ammalleen horpitaalaa keessatti argamu. Isaan keessaayis muraasni haala cimaa keessatti kan argaman ta'u qondaalli poolisii beeksiisan.
Kana malees eenyummaan namoota ajjeeffaman 10 adda baafamaa akka jiru kan himanqondaalli poolisii kun, garuu ''namoonni ajjeeffaman kan umurii 50, 60 fa'i keessa jiran fakkaatu'' jedhan.
Kana dura ammoo dubartoonni shaniifi dhiiroonni shan kana hidda Eshiiyaa irraa ta'an fakkaatan ajjeeffamaniiru jedhanii turan qondaaltoonni.
Ajjeechaan seenaa Kaaliforiniyaa keessatti isa sukkanneessadha jedhame kunis guyyaa Dilabataa akka naannichaatti sa'aatii 22:22 irratti bakka jiddugala Loos Anjalas irraa kilomeetira 11 faggaatuutti raawwate.

Madda suuraa, EPA
Dilbata maaltu mudate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaa ollaa Los Anjalasitti dhukaasa namoota mana jubbisaa keessa turan irratti banameen namoonni 10 ajjeefamaniiru.
Poolisiin akka himetti, namoonni biroon kudhanis kan madaa'an yoo ta'u ammallee bakka sana keessa shakkiifi sodaan akkuma jiruttidha.
Akka miidiyaaleen US gabaasanitti Poolisiin Kaalifoorniyaa dhukaasa namoota irratti banamuun baayyee madeesse kanaaf deebii laachaa turaniiru.
Taateen kun Monterey Park kan karaa gama bahaan kiiloomeetira 13 Los Anjalasirraa fagaatee jirutti akka sa'aatii GMTn lakkaa'amuutti Dilbata 06:00 GMT irrattidha.
Namoonni kumaan lakkaa'aman magaalicha keessatti ayyaana Bara Haaraa Luunaar [Monterey Park Lunar New Year] kabajuuf kabajuuf walitti qabamanii turan.
Ammatti namoonni meeqa akka dhukaasa kanaan madaa'aniifi namni du'e jiraachuu hin baramiin jira.
Poolisiinis dhukaasa kana irratti yaada hin kenniin kan jiru yoo ta'u, namni/qaamni shakkamee to'annoo jala oolfame jiraachuus hin baramne.
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifaman akka agarsiisanitti lakkoofsi poolisii hedduu bakka sana keessa socho'aa jira.
Namni ijaan arge tokko Los Anjalas Taayimstitti akka himetti, namoonni sadii baqatanii mana nyaataa isaa [rastoraantii] isaa seenuun namni qawwee qabatee nannoo sanatti mul'ateeru waan jiruuf mana akka cufaniif isa gaafatan.
Kabaji ayyaana waggaa Luunaar [Lunar New Year] sagantaa torban guutuu turu ta'ee yeroo darbe wayita kabajametti daawwattoota 100,000 ol ta'an hawwatee ture.
Qophiin Sambata kaleessaa halkan qophaa'e akka saatii bakka sanaatti 21:00 irratti goolabamu yaadamee ture.
Monterey Park baayyina ummataa 60,000 ta'u kan qabduufi hawaasni ardii Eeshiyaarraa dhufan baayyinaan keessa jiraatanidha.












