Hamiin jibbamus faayidaalee hin eegamne akka qabu beektuu?

Nama hamii dhagahaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Hamiin yeroo baayyee waan badaa akka tahetti ilaalama. Haa tahu malee oduun faayidaa akka hin qabnetti fudhatamu kuni hariiroo keenyarratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda'a.

Keewwata kana kan qopheessite Kaatriin Waaddiigtan, UK Yunivarsiitii Weestiministaritti barreeffamoota xiinsammuu gad-fageenyaan dubbisti.

Hamii ykn Afaan Ingiliiziin gossip dhalli namaa afaaniin waliigaluu jalqabuu wajjin dhalate. Qorataan xiinsammuu Roobiin Daanbar dandeettiin afaanii fooyya'aa yeroo dhufu namoonni akka hamii jalqaban himu.

Hamiin yeroo durii irraa kaasee hamma har'aatti odeeffannoo barbaachisaa waa'ee nama amantuu(hin amannee), nama gamnaa akkasumas nama waa kijibuu dabarsuuf fayyadaa as gahe.

Hamiin gosa kanaa tokkummaa hawaasaa jabeessuun dabalataan lola uumamuu malu hir'isa. Bara Gidduugaleessaa keessa jechi Afaan Ingiliizii gossip jedhu godparent(abbaa ykn haadha Kiristinnaa) kan jedhurraa kan dhufe yoo tahu dubartoota yeroo ulmaa wal-gargaaran ibsa ture.

Yeroo dheeraa booda garuu jechisaa geeddaramaa dhufee haasaan maayi hin baasne/kaayyoo hinqabne hundi hamii tahe. Yeroo ammaa hamiin gocha qofa osoo hin taane amalas taheera 'hamataa/hamattuu' jedhama.

Hamiin akkasitti maaliif maqaa badaa qabaate jennee gaafa yaadnu yerootti namoonni fedhiifi maqaa gaarii horachuuf jecha namoota kaan ofittummaan miidhantu jira jedhu qorattoonni xiinsammuu hawaasaa.

Gama biraan ammoo waa'ee hiriyyaa ykn waa'ee nama kaanii icciitii wayii dhageenyee nama kaaniitti otoo hin himiin obsinee taa'uu dandeenya?

Hamiin yeroo baayyee akka waan gaarii hin taanetti waan himamuuf faayidaa inni hidhata hawaasaa keessatti qabu akka hin beekamne godheera.

Inumaa xiinxaltoonni xiinsammuu hawaasaa hamii akka amala badaatti osoo hin taane akka dandeetti hawaasummaatti ilaalan jiru.

Namoonni hamii hin dandeenye hariiroo turfachuu waan hin dandeenyeef tuuta hawaasaan alatti of arguu danda'us jedhu.

'Hamiin dhiiga keenya keessa jira'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Odeeffannoon joornaalii The Convesation irratti bahe akka agarsiisutti, jaalannes, jibbines akka dhala namaatti akaakilee waan isaan hin ilaallanne odeessaa oolanirraa dhufne.

Qorattoonni xiinsammuu jijjiirama tirannaa, akka jedhanitti jireenya namoota biraa keessa seennee haasa'uun bu'aa sammuu dhala namaa durii irraa dhufe dha.

Qaroomni barreefamaa otoo hin jalqabiin dura akaakileen keenya tuuta muraasa, muraasaan jiraatu ture. Waliii walii isaanis dhiyeenyatti wal beeku. Diina irraa of eeguufi naannoo jireenyaaf hin toletti dandamatanii jiraachuuf garee ofii isaanitti qofa cichuun irra jira ture.

Haa tahu malee miseensotumti gareema tokko keessa jiran nama waliin wal-horuu danda'aniifi qabeenya murtaa'aa tahe aragchuuf wal-saamu.

Haala akkasii keessa jiraachuun akaakileen keenya durii rakkoolee hawaasaa baayyeetu isaan mudata: eenyutu amanamaa dha? Eenyutu kachachala? Eenyutu hortuu ykn horaa dha? Hiriyyuummaa, gamtooma akkasumas gaafatamummaa akkamiin wal-madaalchisuun danda'ama?

Jireenya akkasii kana keessatti dhimma dhuunfaa namoota biroo keessa seenuun waa'ee baasa. Kunis jiraachuufi wal-horuuf adeemsa barbaachisaa dha.

Namoonni hubannoo hawaasaa isaanii amala namoota kaanii tilmaamuu, hiikuufi dhiibbaa gochuuf fayyadaman kannneen hin goone irra milkaa'oodha.

Qacceen sanyii kuni egaa dhaloota tokkorraa kaanitti darbaa dhufeetu as gahe jechuudha.

Faayidaa hamiii

Kaatriin Waaddiingitan Yunivasriitii Weestiministarttii qorannoowwan xiinsammuu hordoftu akka jettutti, Awurooppaa keessa hamma jaarraa 16ffaafi 17ffaa keessa falfaltuu adamsuun jalqabamutti hamiin hiika badaa hin qabu ture.

Hamiin falfaltuu ittiin himachuufi dhumarrattis ittiin dararuuf itti fayyadamu ture. Meeshaan funyoo irraa hojjetame mataa isaanii irraa gad-bu'ee afaan isaanii akka cuqqaalu godhamuun akka isaan hin dubbanne taasifama ture. Haala kanaan hamiin 'oduu dubartootaa' jedhamuun labsamuufi loogamuu jalqabe.

Hamiin dhiirotaa ammoo jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa manneen bunaa(cafe) keessatti kan dubartootaan haala faallaa taheen babal'ate.

Bara sana dhiiroti baratan qofaa manneen bunaa kana keessatti walitti qabamu. Dubartoonni yoo keessummeessuun mana bunaa qacaramanii malee achi hin deeman ture.

Haala kanaan dhiiroti akka haasaa ija qabu dubartoonni garuu hamii qofa akka haasa'an himamuu jalqabe.

Kaatriin qorannoo taasifteen hamiin oduu dubartootaa isa jedhamu saaxiluu yaalteetti.

Dhiirota iddoo hojiitti nama hamatu yoo taheef gaafattee turte. Deebiin isaanis ''ani nama, nama hamatu miti kan jedhu tahee garuu jechuun itti fufuun hamii akkatti tarsiimoodhaaniifi siyaasaaf fayyadaman dubbatu.

Kaatriin waa'ee hojii, daldalaafi dhimma dhuunfaa namaa, walgahiin booda oduu al-idileef haasa'uu kaan akka hamiitti waan hin ilaalleef maqaa biraa kennuufi jetti.

Keesumaa dhiiroti maqaa hamii jedhu waan itti hin tolleef fakkeenyaaf boqonnaa ayyaanaatii hojiitti gaafa deebi'an ''maaltu odeeffama?'' jedhanii gaafachuu irraa ''akkam ture? jechuun gaafatu kaayyoon gaaffiin isaanii waan isaan hin ilaallanne baruu yoo tahu garuu hamii wajjin maqaan isaanii akka ka'u hin fedhan.

Gama biraan ammoo namoota nama hamatan akka isaan dandeeetti waa dhageeffachuu akka qaban akkasumas namoota waliin akka waliigalanitti ibsamu.

Hamii dhiisii tikeetii qofummaa bitatta

Hamiirra namoota jiran

Madda suuraa, Getty Images

Bara kana namoonni hamii danda'an miseensa garee hawaasaa beekamoofi dhiibbaa uumaniiti.

Icciitii walii qooduun mala tokko kan namoonni ittiin hidhata uumani dha. Nama wayiitti hamii itti himta taanaan ni amantaan jechuu dha- kunis icciitii kee nama biraatti baasee akka hin himneefi sin miine amanta.

Kanaaf namni hamii danda'u namoota baayyee wajjin hidhata qaba. Kana malees otoo irratti hin beekamiin waan adeemaa jiru sirriitti beeku.

Fakkeenyaaf namni hamii waajiraa irratti hin hirmaanne garee hamii qooddatuun hin amanamu. Ofii akka nama qulqulluutti dhiyeessuufi hamii irratti hirmaachuu dhiisuun dhumarratti qofummaatti si geessa.

Akka qorannoowwan agarsiisanitti hamiin iddoo hojii miidhaa hin qabneefi waayila waliin taasifamu tokkummaa garee jabeessuun dabalataa hamilee walii fooyyeessa.

Hamiin namoota haaraa gareettii makaman sonaafi qajeelfama waajiraa barsiisuufis gargara. Haala kanaan namn haaraan maaltu fudhatam qabaa hin qabu jedhu adda baafachuu danda'a.

Haa tahu malee hamiin akka summii tahee hidhata hawaasa keenyaa hin balleessine waan gochuu qabnutu jira.

Icciitiin qabadhu:

Namni waa'eesaa dubbatame yoo dhagahe dhiibbaa gaarii hin taane fiduu mala. Namoonni waa'een isaanii haasa'amu qaamaafi xiinsammuun miidhamuu malu. Hamiidhaan seerota hawaasaa yoo barannu, wantoota gochuu hin qabnes walumaan barachuun iddoo hawaasa keessatti qabnu. Haala kanaan hawaasa waliigallee otoo lola hin uumiin jiraachuuf icciitii eeguun dirqama.

Hamii fayyadu: Nama hamata yeroo baayyee jaalachuu baannus garuu irra caala kaayyoo isaaniitu murteessa. Namni hamii dhagahu garee wayii tokko gargaaruuf haasofta taanaan carraan hamii qooddachuufi ilaalcha gaarii qabaachuu guddaadha.

Soba hin dubbatiin: Hamiin yeroo soba tahuuufi dhugaa tahu bu'aa hawaasaa qabu gargari. Hamiin sobaa lolaaf saaxil nama baasuu dabalataan faayidaa hawaasaa akka hin qabnetti ilaalama. Kanaanis namni hamii jalqabe kuni itti fufee facaasuurraa of qusacuu danda'a.

Dhaggeeffadhu: Hamiin maal jettee qofaa osoo hin taane, waa'ee eenyuu jettee kan jedhu of keessaa qaba. Akkasumas akkaataa waanticha jettutu murteessa. Hamiin dubbachuuf jirtu maaliif akka barbaachisu ibsii itti himi.

Fakkeenyaaf dhaggeefataan kee dubbii itti himtuuf miiraan sii deebisa taanaan isaan wajjin akka walitti dhiyaattu si godha.