Biyyoonni lammileen Itoophiyaa baay'inaan keessa jiraatan shan kami?

Riyaad Saawud Arabiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Riyaad Saawud Arabiyaa

Akka gabaasa Baankii Addunyaa bara 2023'tti baay'inni ummataa Itoophiyaan gara miliyoona 126.5 ol darbeera.

Baay'ina ummataa kanaan Afrikaarraa Naayijeeriyaatti aantee sadarkaa lammaffaarratti kan argamtu yoo ta'u, biyyoota dinagdee isaanii saffisaan guddachaa jiru keessaa tokko.

Haa ta'u malee, galiin waliigalaa namni tokko argatu, haalli qabatamaa jireenya hawaasaa, biyyattiin biyyota hiyyeeyyii bara 2025tti lammileen biyyatti galii gadaanaa qaban keessaatti eeramte.

Kanaafis lammiileen ishee hedduun carraa diinagdee fi sadarkaa jireenyaa fooyya'aa barbaaduuf gara biyyoota birootti godaanu.

Lammiileen Itiyoophiyaa miliyoona 2 hanga 3 ta'an biyya hambaa, keessumaa biyyoota akka Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa fi Baha Giddugaleessaatti godaananii jiraatu.

Waggota shanaan darbe keessammoo sababa haala qaala'iinsa jireenyaa, siyaasa biyyatti, waraanaa, rakkoo umamaa akka hongee fi kanneen biroo dabalatee lakkoofsi namoota Itoophiyaarraa gara biyyota birootti godaananii hedduu dabaleera.

Waraana Tigray kaaba Itoophiyaatti muudateen qofa namootni miliyoona 2 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uun, deeggarsa namoomaaf deebisanii ijaaruuf deeggarsa tilmaaman hanga doolaara biiliyoona 20 ta'e barbaachise

Lakkofsi godaantota Itoophiyaa karaa seera qabeessaas ta'ee seeran alaa godaanan yeroo gara yerootti dabalaa deemuun biyyattiin maddaa godaantota hedduu biyyoota Afrikaa keessa ishee tokko ta'uu dandeesse.

Akka ragaan Ministeera Diinagdee fi Hawaasummaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN DESA) irraa argame agarsiisutti, biyyoonni sadarkaa olaanaan lammileen Itoophiyaa keessa jiraatan kanneenidha.

1. Saawud Arabiyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota kurnan lamaan darban keessa godaansi Itoophiyaa irraa gara Baha Giddugaleessaatti taasifamu heddu dabale.

Lammileen Itoophiyaa kuma 750tti tilmaamaman Sa'ud Arabiyaa keessa jiraatu.

Akka gabaasa Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) bara 2022 baasetti lammiileen Itiyoophiyaa gara kuma 750 ta'an Sa'udii Arabiyaa keessa jiraachaa akka jirani fi kanneen keessaa dhibbeentaa 60 ykn gara 450,000 kana ta'an seeraan ala gara biyyattii seenan.

Haa ta'uu malee dallaalotni godaantota Itoophiyaa bidiruu balaa hamaaf nama saaxiluun gama Yaman, Galoo Galaana Aden fi Galaana Diimaatiin godaansisuun gara Sa'udii biyyota Arabaa birootti godaansisu.

Haala kana keessatti haleellaan daangaa irratti raawwatamu, dararaan sababa eeyyama jireenyaa dhabuu hidhaa fi jumlaan biyyaa ari'atamuun lammilee irra ga'u guddaadha.

Lammilee haala sanaan rakkoo keessa galanii fi gara Itoophiyaa galuu barbaadaan deebifamaa waan turaniif, haala wal xaxaa fi seeran galmaa'ee hin jirre keessatti lakkoofsi lammilee Itoophiyaa Saawud Arabiyaa jiratanii hanga kana jedhanii ibsuun ni rakkisa.

Sa'udiin biyyaa damee hojii ijaarsaa, hojii mana keessaa, fi daldala irratti carraa hojii bal'aa qabdu waan taateef lammileen Ittophiyaa heddus carraa hojii kana argachuuf gara Sa'udii Arabiyaatti godaanu.

Kana malees barattoonni Itoophiyaa baay'inaan yuunivarsiitiiwwan Sa'udii Arabiyaa keessatti barachaa jiru.

Haa ta'u malee, qormaatni akka haala hojii rakkisaa, eegumsi seeraa dhabuu, fi fakkeenyota fayyadama godaantota Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa keessa jiraniif yaaddoo ijoo ta'anii itti fufaniiru.

Dhimmoonni kunneen dhaabbilee mirga namoomaatiin kan ibsaman yoo ta'u, Ityoophiyaa fi Sa'uudii Arabiyaa keessatti qaamolee imaammata baasan xiyyeeffannoo ta'anii itti fufaniiru.

2. Ameerikaa

Kaartaa godaansa Itoophiyaa irraa gara Ameerikaatti taasifamu agarsiisuf yaalame

Madda suuraa, IOM

Ameerikaan godaantota Itoophiyaa Kuma 460tti tilmaamaman kan qabdudha. Lammiileen Itiyoophiyaa hedduun barnootaaf gara Ameerikaa kan deeman yoo ta'u, biyyattiin barattoota lammiilee Itoophiyaa barnoota olaanaa hordofan baay'inaan kan jiraataniidha.

Dabalataanis, Ameerikaan hawaasa diyaaspooraa Itoophiyaa dhaloota hdduu kan qabdu guddachaa jiru kan qabdu yoo ta'u, lammiileen Itoophiyaa hedduun dameelee adda addaa kanneen akka eegumsa fayyaa, teeknooloojii, fi faayinaansii dabalatee dameelee adda addaa irratti hojjetu.

Magaalonni beekamoo baay'ina ummata Itoophiyaa guddaa ta'e qaban Waashingitan, D.C., Los Angeles, Minneapolis, Dallas, fi Siyaatil fa'i.

Magaalootni kunniin akka wirtuu godaantota Itoophiyaa fi hiddi dhaloota isaanii Itoophiyaa ta'e akkasumallee godantoota biyyota biroo irraa dhufanif wal ta'iinsa lammilee biyyattiin magaalota fakkeenya wal danda'uufi giddu gala waljijjiirraa aadaa hawaasaa ta'anii tajaajilaa jiru.

Keessumaa jaarra 20ffaa irraa eegalee rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaatiin lakkoofsi godaantotaa kun kan dabalaa dhufe yoo ta'u biyyatti keessattis gama humna namaa fi garaagarummaa aadaa US keessatti gumaachi godaantotaa olaanadha.

Haa ta'uu malee amma Ameerikaa imaamata seera godaantota dhorku cimsaa jirti.

3. Immireetota Araba Gamtoomanii

Kaartaan karaa lammileen Itoophiyaa Galaana Diimaa qaxxamuruun gara Sa’uudii Arabiyaatti ittin imalan agarsisu barruu Instititute Jason institute irraa fudhatame.

Madda suuraa, Jason Institute

Akkuma kan Saawudii lakkoofsi lammilee Itoophiyaa Immireetota Araba Gamtoomanii keessa jiraatanii ragaa qabatamaan lafa taa'e jiraachuu baatus akka tilmaama dhabbilee godaantota idiladdunyaatti lammileen Itoophiyaa kuma 200tti tilmaamamantu jiru.

Godaantota kana keessaa harki guddaan damee hojii tajaajila biyya keessaa, ijaarsa, daldala gurgurtaa fi keessummeessitoota dabalatee industirii adda addaa keessatti carraa hojii kana fayyadamuuf gara Immireetota Araba Gamtoomanii kan godaanan.

Kana malees, barattoonni Itoophiyaa hedduun yunivarsiitiiwwan Immireetota Araba Gamtoomanii (UAE) keessatti barataa jiru.

Godaantotni Itoophiyaa UAE keessa jiraatan akkuma kanneen biroo naanawa Baha Giddu galeessaa jiraatanii qormaata adda addaaf saaxilamu.

Kaneen keessaa eeyyama jireenyaa, mirga fi eegumsa baqataa kabajuu dhabuu dabalatee hidhaa fi dararaa adda addaaf kanneen saaxilaman heddudha.

4. Israa'el

Lammilee Itoophiyaa hidda sanyii isaanitti makamuuf gara Israa'el godaanan

Madda suuraa, Israel GPO

Godaantota Itoophiyaa kuma 170tti tilmaamamantu Israa'el keessa jira. Lammiileen Itiyoophiyaa hedduun damee ijaarsaa fi hojii mana keessaa irratti hojii argachuuf gara Israa'eel godaanu.

Biyyattiin barattoota lammiilee Itoophiyaa hedduun yunivarsiitiiwwan Israa'eel keessatti baratanifis bakka jireenyaa taatetti.

Kana malees lammileen Itoophiyaa hidda sanyii Yihudaa kan maddi isaanii Israa'el irraa ta'uu himatan hedduun karaa sera qabeessaa fi seera qabeessa hin taaneen Israa'elitti godaananiiru.

Keessumaa waraanni mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota naannoo Tigraay gidduutti ka'e gara naannoo Amaaratti wayita babal'atu Israa'el lammilee hidda sanyii Yihudaa qaban jettu baasaa turte.

Gareen kun irra caalaa hiddda hawaasaa isaanii biyyota lamaan keessa jiru wal barbaaduuf akka yeroo waraanaa duulan ta'uu baatus ammallee akkuma itti fufetti jira

Hawaasni Itiyoophiyaa hawaasa Israa'eel keessatti makamuu isaaniitiin qormaatnis ta'e milkaa'inni isaan mudateera.

Gama aadaa, dinagdee fi hawaasummaa Israa'el keessatti gumaachi guddaan kan qaban ta'us, dhimmoonni akka loogii sanyii fi garaagarummaa hawaas-dinagdee ammallee yaaddoodha.

5. Kanaadaa

Kaanaadaan biyya godaantotni Itoophiyaa kuma 100tti tilmaamaman keessa jiraataniidha.

Lammiileen Itiyoophiyaa hedduun carraa barnootaa fi hojiif gara Kanaadaatti godaanu.

Kanaadatti lakkoofsi hawaasa diyaaspooraa Itoophiyaa haalaan guddachaa kan jiru yoo taatu, lammiileen Itiyoophiyaa hedduun dameelee adda addaa kanneen akka eegumsa fayyaa, barnoota, fi faayinaansii dabalatee hojii adda addaa irratti hirmaataa jiru.

Kana malees biyyooota akka UK,Awustiraaliya, Noorweey, Xaaliyaan, Siwiidin fi Jarman dabalatee kanneen lammileen Itoophiyaa hedduun keessa jiraataniidha. Biyyoota Afrikaa keessaa kanneen akka Afrikaa kibbaa fi Keeniyaa faas eeruun ni danda'ama.

Biyyota kanneen keessatti Lammiileen Itoophiyaa irra caalaan carraa barnootaa fi hojii fooyyee qabu barbaaduuf gara biyyoota kanneenitti kan godaanan ta'uu ragaaleen kan mul'isan.

Kana malees biyyotni kunneen biyyoota Lakkoofsi hawaasa diyaasporaa Itoophiyaa keessatti guddachaa jiruudha.Kana jechuun lammilee kallattiin gara biyyota kanaa imalaniin ala dhalootni 1ffaa lammaaffaa keessatti kan wal horanii hawaasummaa uumaa jiraniidha.

Ragaawwaan kana olitti eeraman tilmaama dhaabbilee garaa garaa waan ta'eef garaagarummaa qabaachuu danda'a. Kana malees lakkoofsi kun godaantota kallattiin Itoophiyaarraa gara biyyota kanneenii godaanan moo kanneen achitti dhalatan illee kan dabalatu ta'uu kanneen adda hin bayinii fi irratti qorachuu b arbaadu akka ta'e hubachuu barbaachisa.

Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.