Foon lukkuu miiccuun barbaachisaadhaa? Namoonni hedduun maaliif miicu?


Harka namaa foon lukkuu dheedhii miicaa jiru agarsiisu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeessonni nageenya nyaataa foon lukkuu dheedhii miicuun faalama biraa dabalataan waan uumuu danda'uuf shaakala akkasii kana hin barbaachisu jechuun akeekkachiisu
    • Barreessaa, Esther Kahumbi
    • Gahee, BBC Global Health
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Isin foon lukkuu soorataaf hojjechuun dura nimiiccituu? Gaaffiin kuni miidiyaa hawaasummaa irratti walfamii waan uumedha.

Gorsi nagummaa soorataa warra dhihaa ifadha. Innis foon lukkuu hin miiccinaa kan jedhu. Sababnisaas foon lukkuu miiccuun baakteeeriyaa hamoo babal'isa kan jedhu.

Garuu kutaalee addunyaa hedduu keessatti foon lukkuu miiccuun kuni waan aadaa qulqullinaa waliin walqabatuudha.

Namootni beekamoon akka barreessaa fi Sheefii TV Jamaayikaa Apiriin Jaakson, dubbii falmisiisaa kana miidiyaa hawaasummaa irratti kallattiin fidanii qaaccessu.

"Ani viidiyoowwankoo keessatti kutaan itti foon lukkuu miiccu itti dabaleen gadhiisa. Sababni isaas dubbiin tuni hoo'ituu akka taate waanan beekuufani. Namoonni tokko tokko miiccuu hin qabdu jedhu. kaan waan fokkataa fi amala hin taane naan jedhu" jedha.

Namootni kaan ammoo foon lukkuu hin miicamne soorachuun hanqina qulqullinaati jedhanii fudhatu.

Tiiktookii irratti qabiyyee kan dhiheessitu Fadwa Hiliilii, viidiyoo hojjette irratti tartiiba kudhan, haadholiin Morookoo foon lukkuu ittiin miiccan mul'iste. Eergasii yaada namoonni kennanii fi ijoo dubbii ta'uunsaa akka jaalatte himti.

"Namoonni yaada akka ' Kanaafi mana namaatii lukkuu nyaachuun kan hin babaachisne, kanaafi iddoo hojiitti lukkuu namni fide nyaachuun kan hin barbaachisne' jedhani" jetti.

Foon lukkuu hin miicamne irraa amantaa dhabuun hawaasa hedduu Eeshiyaa, kaariibiyaanii, Ameerikaa Kibbaa, Afrikaa fi mediteriyaanii biratti waan babal'atedha.

Garuu saayinsiin maal jedha? BBC'n kana qulqulleeffachuuf laaboraatoorii saayinsii nyaataatti imaleera.

Dubartii qomee gur'aacha uffattee, rifeensa luuccaa muka waxiin ittoo sochoosaa jirtu.

Madda suuraa, Fadwa Hilili

Ibsa waa'ee suuraa, haati Fadawaa Hiilii foon lukkuu dheedhii soogiddaafi loomiin miiccuu jallatti.

Foon lukkuu miiccuun maalif balaa qaba jedhame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fon dheedhiin lukkuu baakteeriyaawwan Kompiloobaakterii fi salmonellaa jedhaman kan summaa'uu nyaataa fidan ofkeessaa qaba.

"Kutaa nyata itti qopheessan keessatti foon lukkuu yeroo miiccamu maayikiroo dopleetota kan dhukkuba fiduu danda'antu uumama" jedhu Yunvarsiitii UKtti piroofeesarri mayikiroobaayolojii sirna nyaataa Dr. Kimon Andiriyaas.

Harca'aawwan kunneen baakteeriyaawwan ijaan hin mul'anne meeshaa irratti miicamuu fi nyaata naannoo sana jirutti heeddumminaan gadhiisu.

Kana adda baasuuf piroofeesarri kuni foon dheedhii lukkuu irratti keemikaala naquun baakteeriyaawwan achirra jiran ifa UV tin akka mul'achuu danda'an godhan. Eegasii yeroo sekondii 10 hin caalleef foon kana miicce. Bishaan dhaqna foonii kanarraa bu'e gara meeshaa irratti dhiqamuutti yaa'e.

Ijaan yoo ilaalamu wanti coba bishaanii fakkaatu, ifa UVtin yeroo ilaalamu baakteeriyaa fuudhanii faaluuf geessu. Harca'aawwan baakteeriyaa baatan kunneen bakka hundatti faffaca'an kaan kootii piroofeesarichaa, kaan kaameerarra, kaan kaarotii fi raafuu kan silaa dheedhii nyaatamanirra qubatan.

Kana jechuun foon lukkuu kana miiccitanii ta'ulleen nyaata biraa bakka baakteeriyaan faalame kanarra keessanii taanaan dhukkubsachuun keesan waan hin oolle.

"Kuni karaa ittiin baakteeriyaawwan saalmooneellaa fi kampilobakteeriyaadhaan dhukkubsannu baratamaadha. Nyaata bilcheessuuf deemturraa baakteeriyaa gara nyaata dheedhii nyaattutti facaastee faalta" jedhan Piroofeesar.


Nama giloovii cuquliisa godhatee lukkuu dheedhii miicaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, To the naked eye, bacteria present on chicken is invisible

Kaampiloobakteeriyaan maalif hamoo ta'an?

Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti, Kaampiloobaakteriin akka addunyaatti wantoota dhibee garaa kaasaaf ka'umsa ta'an afur keessaa isa tokko. Keessummaa ijoollee irratti garaa kaasaa fi haqqee fiduudhaan Sababa duraati.

Baakteeriyaan kuni baakteeriyaa salmooneellaa caalaa hamaadha. Sababni isaas iddoo horsiisa lukkuutti talaalliin kennamu hammeentaa salmoneellaa kan hir'isu yoo ta'u, Kampiloobakteeriyaaf garuu talaalliin hin jiru.

Gosti baakteeriyaa kuni lamaanuu uumamaan mar'umaan lukkuulee keessa jiraatu. Yeroo qalmi raawwatamu hafteewwan garaa keessaa gadi bahee qaama kaan faaluu danda'a.

"Yeroo hundumaa lukkuun baakteeriyaawwan gosa lamaan kana akka qabdu yaaduu barbaachisa. Lukkuun kutaa addunyaa hedduu keessatti gadhiisidhaan guddatti. Haala marfamaa ta'e keessatti yoo guddatte carraa baakteeriyaawwan gosa lamaanuu olaanaa qabaachuu qabu" jedhan.

Hammi kampiloobaakteeriyaa baayyee xiqqootu infeekshinii uumuu danda'a. cophni tokko kampiloobakteeriyaa hanga tiriiliyoona kudhanii qabaachuu mala. Kuni baayyina dhala namaa addunyaarra jiruu dachaa kuma tokkoon caala.

A lemon and pieces of lettuce are on a laboratory countertop under UV light. Small glowing blue spots appear on the lemon, representing droplets from contaminated water.
Ibsa waa'ee suuraa, Blue tracer droplets are visible on the lemon, showing how contaminated water splashed from the raw chicken during washing

Mallattooleen infeekshinii maali?

Akka ejensiin sadarkeessa nyaataa UK jedhutti, biyyattii keessatti uummanni ruubii miliyoonaa ta'u waggaatti infeekshiniidhaan miidhama.

Mallattoon isaa kan mul'atu erga baakteeriyaawwan Kanaan miidhamanii guyyoota lamaa hanga shanii keessatti. Mallattooleen isaas garaa kaasaa dhiigaan walmake, dhukkubbii mar'umaanii, mataa bowwoo, haqqisuu faa'a.

Kanneen umriin isaanii ganna 60 caalee fii daa'imman warra kaan caalaa carraa dhukkubsachuu kan qaban yoo ta'u, yeroo dheeraaf dhukkubsachuun qoricha antiibaayootikii fudhachuun isaan babaachisuu mala.

Garuu namoonni dhukkubbii garaachaa kana qophii nyaata foon lukkuu waliin wal hin qabsiisan.

"Waan guddaa tokkorraa hammeentaa xiqqashuu taatedha kan ilaalaa jirru. Wanti qabatamaan tarii waan nuti jennu kanarraa dachaa kudhaniin caaluu mala" jedhan Dr. Karazas.

Namoonni maaliif ammayyuu foon lukkuu miiccu?

Bara 2024 qorannoon jornaalii sirna nyaataa irratti maxxanfame namoota gaafataman keessaa harki 96, kan biyyoota baha eeshiyaa saddeet irraa ta'an foon lukkuu akka miiccan himan.

Qorannoon US, Awurooppaa fi Awustiraaliyaa keessatti taasifames fayyadamtoonni harka 70 hanga 39 ta'anis foon lukkuu akka miiccan himan.

Biyyoota dhihaa keessatti foon lukkuu indastirii keessatti qulqullaa'uun miicamee gurgurtaaf dhihaata. Garuu foon kutaalee hedduu keessatti Maluma aadaatiin qalama. Iddoo tokko tokkotti inumaa gabaa keessatti bakka bishaan gahaa fi qulqullina hin qbanetti qalama. Yeroo akkasiitti foon lukkuu miiccuun tarkaanfii sirrii ta'ee ilaalama.

Haala kaan keessatti garuu foon lukkuu miiccuun waa'ee qulqullinaa osoo hin taane, waa'ee eenyummaa fi barsiifata waliin walqabata.

Sheef Jaakson yeroo jalqabaaf gara UK dhuftee waan foon lukkuu ittiin saamsame irratti ergaa namoonni foon lukkuu akka hin miicine gorsu argite baayyee raajamte. suura kaastee maatiishee jaamaayikaa jiraniif ergite.

Dubartii rifeensa gurraacha

Madda suuraa, April Jackson

Akka isheen jettutti, waan saayinsiin jedhu nan hubadha garuu, "Yeroo foon lukkuu miiccinu bishaan ittiin miicamu hoomacha godhata. Waan hoomochaa'u kana waliin nyaachuun akka aadaa keenyaatti hin gorfamu" jetti.

Namootni hedduun akki jedhan, murteessaan akkaataa itti miiccamudha.

"Harmeenkoo dura siinkii foon lukkuu irratti miicamu bishaan danfaa fi saamunaan dhiqxi. Isarratti qoricha farra ilbiisotaas nibiifti" jedha Hililin.

Dr. Karazas meeshaa foon lukkuu irratti miicame haalaan dhiquutti waliigalu. Garuu akkasumattuu balaa qaba. Loomii fi wantoota birootiin miiccuu qofti baakteeriyaa sana sadarkaa olaanaan hin hir'isu.

"Malli ittiin baakteeriyaa ajjeesan yoo jiraate bilcheessuu qofa. Miiccuu yoo ta'e kaampaanonni foon lukkuu gurguranuu miiccanii gurguru. Kanaaf sababni irra deebiin miiccuun barbaachisuuf hin jiru" jedhan