Qorichi sammuu namaa hadoochu lafee namaarraa tolfamu hammaannaan labsiin yeroo muddamaa labsame

Madda suuraa, AFP
Pireezidantiin Seeraa Liyoon fayyadamni qoricha sammuu namaa hadoochu hammaachuu hordofee labsii yeroo hatattamaa labsan.
Qorichi sammuu hadoochu 'kuush' jedhamu kun, qorichoota 'psychoactive' akka akkaa walitti makuun kan tolchan ogguu tahu, waggootaan dura biyyattiitti jalqabame.
Pireezidant Juuliyas Maadaa Biyoo qoricha sammuu hadoochu kanaan "kiyyoo du'aati" jechuun ibsanii, "yaaddoo jiraachuufi dhabuu" fideera jedhan.
Qoricha kanaaf galteewwan itti fayyadaman keessaa tokko lafee namaati.
Kana hordofees bakkeewwan owwaalchaa keessaa lafee qotanii baasuu dhaabsisuuf eegumsi cimeera.
Seeraa Liyoonitti dargaggoota garee gareen qarqara daandii taa'aniifi harkaafi miilli isaanii kuush dhiitesse arguun baramaadha.
Namni koronyoosaa baandeejiin marateefi suusii qoricha kanarraa bayyanachaa jiru tokko BBCtti akka himetti, qorichi kun akkaan akka isa to'ate dubbata.
"Waan kana gochuu hin fedhu, garuu ammoo gammachuusaaf jecha biraa deemullee hin danda'u," jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hashishii kuush jedhanii yaaman kana fayyadamuun lakkoofsi namoota du'anii ifatti ibsame hin jiru.
Tahus hakiimni BBC'tti dubbatan tokko, ji'oota dhiyoon asitti dargaggoonni dhibbaan lakka'aman magaalaa guddittii Firiitaawon keessa qaamni keessoo isaanii hojii dhaabuun du'aa jiru jedhu.
Qorichi gosa 'psychoactive' jalatti ramadamu kun, fayyaa sammuu irrattis dhiibbaan fidu olaanaadha.
Hospitaalli Xiinsammuu Seeraa Liyoon biyyattiitti tajaajila akkasii kennu isa qofaa ogguu tahu, baroota 2020 hanga 2023 keessa kanneen kuushiin miidhamanii dhufan %4,000n dabaluu gabaase. Kanaanis yaalamtoota 1,865 gaheera.
Gama kaaniin fayyadama kuush Friitaawonitti hammaachaa dhufeen walqabatee iddoowwan awwaalchaa magaalattii gurguddoon eegumsa poolisii gaafataniiru.
Maaliif jennaan - dargaggoonni lafee namaa qotanii baasan hammaate.
Kanneen hashishii kana midhaassan, kuush tolchuuf galteewwaan itti fayyadaman hedduu keessaa tokko lafee namaa daakamedha - sababasaa kan himu garuu hin jiru.
Ergaa Kamisa galgala dabarsaniin Pireezidant Biyoo, humni waloo qorichoota sammuu nama hadoochanii to'atu akka hundaa'u anga'oota mootummaa ajajan. Qaamni kun xiyyeeffannoon isaa "yaaddoo kuush qolachuuf" akka tahus himan.
Kantiibaa Ittaanaan magaalaa Firiitaawon Kiweekuu Liisk, waajirrisaanii kanneen owwaalcha namaa qotan to'achuuf eegumsa poolisii gaafachuu BBCtti himan.












