Lola hamaa pirezidantii lamaan duunillee dhaabuu dadhabe

Torban muraasa dura sirni owwaalchaa pirezidantii duraanii Zaambiyaa Edigaar Lunguu eessatti haa raawwatamu jedhu falmii jabaa kaaseera.

Pirezidant Edigaar Pirezidantii Zaambiyaa amma aangoorra jiran Hakindee Hichileemaa waliin lola hamaa qabu.

Akka maatiin jedhanitti, Pirezidantiin ammaa ''owwaalcha koorratti akka hin dhaabanne'' jechuun yeroo du'an Pirezidant Lunguun dubbatuu himu.

Jecha isaaniis akka kabajaniifi raawwachiisan maatiin isaanii dubbataniiru.

Dhibdeefi lolli pirezidantiiwwan lamaan duunillee xumura itti tolchuu hin dandeenye jedhamee ijoo dubbii ta'eera.

Dureewwan biyyaa yeroo du'an sirni owwaalchaa sagantaa olaanaan taasifamuun owwaaluuf mootummaan amma jiru yaadus yaadi kuni danqaa itti ta'eera.

Hammana akkamiin waldhaban gaaffiin jedhu lammiileen Zaambiyaa haasa'uutti jiru.

Bara 2015 eegalee waggoota jahaaf kan bulchan Pirezidant Edigaar Lunguu sirni owwaalcha isaanii Dilbata darbe ture sirna owwaalcha biyyaalessaan raawwatamuuf kan yaadame, garuu falmii ka'een haqameera.

Haa ta'u malee, isuma durayyuu sirni owwaalcha isaanii falmii kaasuu akka danda'u wantoonni akeekan turan.

Abbaan isaanii boqochuu intalli isaanii Facebook gubbaa baatee imimmaan buusaa dubbatte.

Daqiiqaa tokkoof dubbii taasisteen ''Pirezidant Lunguu yeroo biyya isaanii tajaajilan wanti ijoo isaan itti ibsaman miirri 'Zambiyaa tokko, biyya tokko' jedhu akka jiraatu nan gaafadha,'' jette.

Gaddi sirna aadaa waan namoota walitti fiduu waan ta'ef dhimma tokkummaa guddistee dubbachuun ishee rakkoon tokko akka jiru agarsiistuudha.

Oduun du'uu isaanii miidiyaa hawaasummaa gubbaa afarfamaa ture.

Intalli isaanii as baatee erga dubbatteefi duuni isaanii mirkanaa'e booda Pirezidantii Keeniyaarraa dabalatee ibsi gaddaa bahuu jalqabe.

Haa ta'u malee, pirezidantiin biyyattii Hakindee Hichileemaa callisuu filatan.

Miidiyaaleen garagaraa du'a pirezidantii duraanii yeroo gabaasan Korporeeshiniin Biroodikaastingii Biyyaalessaa Zaambiyaa garuu homa osoo hin gabaasin hafe.

Intalli pirezidantii dubbatanii sa'aatiiwwan sadii booda Pirezidantiin Zaambiyaa as bahanii ''duudhaawwan agarsiistuu Zaambiyaa kan ta'an nagaa, kabajaafi tokkummaa haa eegnu'' jechuun waamicha taasisan.

Ministeerri Beeksisaa Zaambiyaa Korneeliyas Miwetiwaa ibsi pirezidantichaa barfate dubbii jedhu balaaleeffachuun adeemsa kana dura tureen du'a pirezidantii labsuun hojii pirezidantichaa miti jechuun dubbatan.

Hakindee Hichileemaa teessuma pireziidantii kan koran yaalii jahaffaaf filannoo 2021 taasifame Lunguutiin mo'aniiti.

Pirezidantiiwwan lamaan filannoowwan biyyaalessaa sadiirratti wal morkataniiru.

Haa ta'u malee, jibbi pirezidantiiwwan lamaan gidduu jiru morkiirra caala.

Wanti kanaaf ijoo ta'emmoo pirezidantiin ammaa bara 2017 guyyoota 100'f hidhaan dabarsuu isaaniiti.

Yeroos dorgomaa paartii mormituu kan ta'an Hichileemaan biyya ganuun himatamanii ji'a sadii oliif murtee eeggataa turan.

Himanni isaaniis motor saayikiliin isaan ajjabaa turan Pirezidant Lunguuf dursa kennuu dhabuun ''lubbuu pirezidantii balaarra buusaniiru'' jedhamaniiti.

Himannaan isaanii kan adda cite barreessaan olaanaa Koomanweelz gidduu waan seenaniifi.

Hichileemaan yeroos ''ibsaa, bishaaniifi mana fincaanii malee,'' haala mirga dhala namaa sarbuun qofaa isaanii hidhamanii akka turan BBC'tti himaniiru.

Kanaafis, Pireidant Lunguutti quba qaban.

Hidhaan Hichileemaa kan jalqabaa hin turre, yeroo dorgomaa paartii mormituu turan si'a 17 hidhamaniiru.

Miseensonni paartii isaanii deeggartoota paartii biyya bulchuun dararaan irra gaheera.

Hichileemaan bara 2021 filannoo biyyaalessaa Zaambiyaa erga injifatan booda hidhaan isaanii dhaabate.

Malaammaltummaa akkasumas bulchiinsa dimookiraasiiin faallaa ta'e hoogganu jedhamanii kan himataman Lunguun, erga filannoon mo'aman booda siyaasarraa sooroma baheera jedhan.

Haa ta'u malee, qaala'insi jireenyaafi rakkoon dinagdee bara bulchiinsa Hichileemaa jiru akka gaaritti ilaaluun gara siyaasatti akka deebi'an waggaa lama dura beeksisan.

Lunguun erga kana beeksisan booda osoo hin turiin faayidaan isaanii sooromarraa argatan akkasumas mirgi addaa qaban mootummaan akka adda citu taasifame.

Dabalataan, pirezidantiin duraanii poolisiin dararamaa akka isaanirra gahe komataniiru.

Yeroo tokkoos ''hidhaa mana keessaa'' keessan jira jedhanii turan.

Waggaa lama dura pirezidantiin duraanii fiigicha addabaabayiirraa akka of qaban poolisiin ''duula siyaasaa'' jechuun sochii akka hin taasisne dhorkee ture.

Akkasumas yaa'ii biyya alaa akka hin hirmaanne akkasumas yaalii fayyaaf biyyaa akka hin baane dhorkamuu kana dura BBC waliin turtii taasisaniin dubbatanii turan.

Minisirri Beeksisaa gama isaaniin sochiin Lunguu daanga'eera himannaa jedhu ni waakkatu.

Pirezidant Hichileemaan yeroo mormituu turan waan irra gahe pirezidantii duraanii Lunguurratti hin raawwadhu jedhanii ejjennoo jabaa qabu turan.

Ministirri kana haa jedhan malee duulli malaammaltummaa pirezidantichaa namoota paartii duraan biyyattii bulchuufi maatii Lunguurratti xiyyeeffateera jedhamee qeeqama.

Haati warraa Lunguu himanni irratti banamee qabeenya isaanii dhabaniiru. Akkasumas ijoolleen Lunguus carraan wal fakkaataa isaan quunnameera.

Hundi isaanii badi homa tokkollee hin raawwanne jedhu.

Achis waggaa baranaa manni murtii heeraa biyyattii Lunguun kan seerri isaaniif eeyyamu marsaa lamaaf waan tajaajilaniif pirezidantii ta'uuf dorgomuu hin danda'an jechuun dhowweera.

Pirezidantiin duraanii biyyattii kanaan gadduu dubbataniiru.

''Namoota (dureewwan) lamaan gidduu jaalalli homaatu hin turre. Lunguun ilaalcha yeroo lubbuun jiru homa itti hin fakkaanne, yeroon du'e akka fakkeessan hin fedhu,'' jedhu qabu jedhu abukaatoon maatii Maakebi Zuluu.

Luguun isaan dhukkubee baatii Amajji keessa gara Afrikaa Kibbaa kan imalan yeroo ta'u, doktaroonni qorannoo garagaraa erga isaaniif taasisan booda osoo dursanii dhufanii jiraatanii wal'aansi isaanii daran akka milkaa'u itti himaniiru jedhan.

Dhibeen pirezidantii duraanii maal akka ta'e hin ibsamne.

Lunguu ''Pirezidantichi owwaalcha koorratti akka argamu hin barbaadu'' kan jedhan imalli isaanii hamma tokko dhorkamee wal'aansi isaaniis waan dhorkameef akka ta'e himama.

Lunguun gara Afrikaa Kibbaa deemanii wal'aansa akka hin arganne mootummaan dhorkeera himannaa jedhu mootummaan Zaambiyaa ni waakkata.

Maatiin Lunguu owwaalcha abbaa isaanii qindeessuuf fedha qabaatanis, aangawoonni Zaambiyaa garuu kana to'achuu barbaadu.

Mufiifi falmiin jiraatus boodarra waliigalteerra gahamee xumura torban darbe sadarkaa biyyaalessaan sirna owwaalcha taasisuuf yaadamee ture.

Haa ta'u malee, sagantaa baheerratti hirmaannaan Pirezidantii Zaambiyaa ammaa guddaa ta'u erga mul'ate booda maatiin Lunguu fudhachuu didan.

Kanarraa kan ka'e sirni owwaalchaa Zaambiyaatti qabame akka haqamu akkasumas sirni gaddaa biyyaalessaas yeroo gabaabaaf ta'e.

Sirni owwaalchaa Lunguu Afrikaa Kibbaatti raawwatuuf jedha. Pirezidant Hichileemaanis waan hirmaatan hin fakkaatu.

Lammiileen Zaambiyaas pirezidanti isaanii duraanii owwaaluu hin danda'an.

Haa ta'u malee, owwaalchi raawwatuuf kadhannaan taasifamee sa'aatii xumuraarratti mootummaan Zaambiyaa iyyata mana murtii Afrikaa Kibbaaf waan dhiheesseef owwaalchi Lunguu haqameera.

Sirna owwaalchaa sadarkaa biyyaalessaatti taasisuu kan barbaade mootummaan Zaambiyaa, mana murtii Piritooriyaaf yaada dhiheessee maatiin pirezidantichaa akka deebii kennan eegama.

Haaluma kanaan owwaalchi hanga Hagayya keessa turuu danda'a jedhameera.