'Ani eenyu jennaan kompiitarri nama ijoolleesaa lama ajjeesedha naan jedhe'

Arve Hjalmar Holmen

Madda suuraa, Arve Hjalmar Holmen

Hubannoon Nam-tolchee ChatGPT akkuma bu'aa qabu miidhan isaas ifatti mul'ataa jira.

Lammiin Noorweey kun ChatGPT seenun maqaasaa barreessee waan teeknolojiin hubannoo nam-tolchee kun jedhuun baruu barbaade.

Arve Hjalmar Holmen eenyudha jechuun maqaasaa barreesse. Deebin ChatGPT irraa kennameef dugda isa kute. "Arve Hjalmar Holmen nama ijoolleesaa lama ajjeesee hidhaan waggaa 21 itti murameedha" jechuun deebii kenneef.

Kuni abjuu itti ta'e. Abbaa Taayitaa Eegumsa Odeeffannoo Noorweey qunnamuun teeknolojiin nam-tolchee ChatGPT odeeffannoo sobaa waa'eesaa akka qabatee jiru beeksisuun dhaabbata chaatbootii kana hojjate OpenAI irratti himanni baname.

Hubannoon nam-tolchee kun nama yakka hin hojjanne akka waan ijoolleesaa lama ajjeesetti akkamiin ibsuu danda'e?

Kuni uumamuu kan danda'e, teeknolojii hubannoo nam-tolchee (AI) keessatti sistamni abjuu (hallucinations) jedhamu uumamuun wal-qabateeti jedhame.

Namoonni odeeffannoo sobaa kana dhugaa se'anii yoo fudhatan isaaf yaaddoo akka ta'e hima lammiin Noorweey hubannoon nam-tolchee akka waan ijoolleesaa ajjeesetti dhiyeesse kun.

Arve Hjalmar akkuma qoosaa ChatGPT waa'eesaa deebii maal kenna kan jedhu baruu barbaadeti Arve Hjalmar Holman eenyudha? jedhee kan gaafate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deebin kennameef rifaasisaadha. "Arve Hjalmar Holman lammii Noorweey sababa taatee balaafamaa mudateen maqaansaa sirriitti ka'uudha.

"Abbaa ijoolee dhiiraa lamaa kan waggaa 7fi 10 kan qabu yoo ta'u, Norweey, Tirondehim keessatti Mudde 2020 boolla bishaanii mana isaanii bira jiru keessatti du'anii argaman," jechuun waa'eesaafi ijoolleessaa tarreesse ChatGPT.

Akka Arve jedhutti hubannoon nam-tolchee kun waa'ee umurii ijoolleesaati odeeffannoo sirrii kenneera.

ChatGPT kanaan hin dhaabne; ijoolleesaa lamaan akka ajjeesefi mucaasaa sadaffaas ajjeesuf osoo yaaluu to'atamuu ibse.

Hidhaan waggaa 21 itti muramuufi miidiyaalen biyyattii heddu gabaasus hime. Inumaayyuu namni kun rakkoo fayyaa sammuu akka qabuufi rakkoo wal-fakkaatan maatiisaanii keessatti baramaa ta'uu odeeffannoo sobaa waa'ee nama kanaa kenne hubannoon nam-tolchee kun.

Arve kanaan dura yakka homaatinuu himatamee mana murtiitti dhiyaatee akka hin beekne hima garee falmitoota mirga dijitaalaa kan ta'e Noyb.

ChatGPTn odeeffannoo dogoggora uumuu akka danda'u ofiifuu ibsa ni kenna. Noyb garuu kuni quubsaa akka hin taane kaasa.

"Odeeffannoo sobaa tamsaastee deebitee, waanti isin galchitan dhugaa ta'uu dhiisuu mala jechuun sirrii miti," jedha ogeessi seeraa dhaabata Noyib kan ta'e Joyaakim Söderberg.

Hubannoo nam-tolchee (AI)dhaan wal-qabatee waanti akka abjuu (hallucination) rakkoo ijoo saayintistoonni kompiitaraa hiikuf yaalaa jiraniidha.

Rakkoon ijoon hubannoo nam-tolchee wajjin wal-qabatee ka'u odeeffannoo sobaa akka waan dhugaa ta'eetti dhiyaatudha.

Baruma kana keessa dhaabbanni Apple rakkoo wal-fakkaatan UK keessatti waan isa mudateef mala hubannoo nam-tolchee Apple Intelligence news summary haqeera.