Warri AI kalaqan beekamtii argatan, ofii eenyu fa'i?

Madda suuraa, Times
Waggoota dhiyoo as wanti akka AI (hubannoo nam-tolchee) addunyaarratti yeroo gabaabaa keessatti dhiibbaa uumuun waan hedduu jijjiire hedduun hin jiru.
AI ilaalchaafi gocha namaa guddoo jijjiire. Dhaabbileen gurguddaan addunyaa maallaqa doolaara biiliyoona itti dhangalaasuun madaqfataniiru, ammallee ittuma jiru.
Tibba kana ammoo barruun Time(Time Magazine) nama cimaa bara 2025 yeroo filatu namoota uumama AI duuba jiran gareen filachuun beekamtii kenneefiira.
Hogganaa Nvidia Jeensen Hu'aang, hogganaa Meta Maark Zuukerbeer, abbaa qabeenyaa X Eloon Maask fi haadha biddeenaa AI kan jedamtu Fe'i Fe'i Lii namoota barruun kun filateedha.
Barruun kun namoota kanaaf beekamtii kennuunsaa AI fi dhaabbileen isa duuba jiran hangam takka saffisaan hawaasa akka jijjiiran agarsiisa jedhu ogeeyyiin.
OpenAI bara 2022 ChatGPT wayita eegalu damee teeknoolojii kanaa keessatti jijjiirama guddaa fide.
Hoji gaggeessaan OpenAI Saam Altimaan ji'oota sadii dura yaada kenneen Chatbot isaanii torbanitti namootni miliyoona 800 akka itti fayyadaman hime.
Amma addunyaarratti kaampaniiwwan teknoolojii gurguddoo hedduun gabbisa AIfi bu'uura misoomaa isaaf barbaachisuuf doolaara biliyoona hedduu dhangalaasu. Kaayyoon ammoo morkattootasaanii caalanii argamuudha.
Time Magazine barruusaa nama cimaa bara kanaa filate itti beeksise irratti fuula tokkorratti qubee AI jedhu kan hojettootni itti marsan maxxanse. Fuula biraa irratti ammoo hogganoota teeknoolojii kana duuba jiran kaahe.
Namni cimaan bara kanaa barruu Time, The Architects of AI jechuun walitti qabee waame.
Meta keessatti Zuukerbeerg dhaabbatnisaa teknoolojii kanarratti akka xiyyeefatu godhe. Appiiwwansaa Chatbot AI akka fayyadaman taasise.
Nama kanaan cinaatti Hu'aang, Maask, Lii fi Altimana ni argamu. Liisaa Suu, Daariyoo Amodaayiifi Seer Demiis Hasssabiis ni jiru.

Madda suuraa, Time
Bara kana AI micciiranii to'achuu haala danda'amurratti falmii guddootu ture'' jedha barruun Time injifattoota wayita beeksisu.
''Amma galatni Hu'aang, Soon, Altimaaniifi namoota ciccimoo AI duuba jiraniif haata'uutii, namummaan daandii saffisaa qabatee gara awutoomeshinii olaanaafi hegeree amansiisaa hin taanetti imala ariifataa gochaa jira.''
Gulaalaa olaanaan barruu kanaa Saam Jaakoobs gama isaan namni kamuu bara 2025 keessaa dhiibbaa hamma namootni AI duuba jiran uuman uume hin jiruu jedheera. Warra ''waayee AI yaada fidan, dizaayinasaa tolchaniifi, AI uuman'' caala kan dhiibbaa uume hin jiru jedha.
Ammoo saffisni AI, haalliifi akkaataan itti hojiirra oolaa jiru mootummoota hedduutti sodaa uumeera.
Jaakobs dhalli namaa adeemsa fuulduraa AI ni murteessa, hundi keenyayyuu caasaafi hegeree AI murteessuuf gahee qabna'' jedhe.

Madda suuraa, Time
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiinxalaan Forrester Toomaas Hassoon barri 2025 AI hangam takka jireenya guyyuu keenya keessatti fiixeerra akka gahe agarsiiseera jedha.
''Fayyadamtootni hedduun oso maalummaasaa hin beekiin itti dhimma bahu'' jechuun BBCtti hime.
AItti fayyadamuun bara warraaqsa Intarneetiifi mobaayilii caala saffisaan guddate jedha.
Ammaan tana namootni hedduun seerchi injinootaafi miidiyaalee hawaasaa caala chaatbootiiwwan fayyadamuun kennaa filachuu kaasee hanga waayee fayyaa ofii gaafachuutti wanta barbaadan hubatu.
Hundeessaan dhaabbata lab Fountech AI Niik Kaarinoos beekamtiin kenname kun gaafatamummaa isaan eeggatu waliin wal dhayuu hin qabuu jedha.
''Ammaan tana AI dhala namaa baraarus kan dhala namaa baleessuu kan danda'udha.''
AI sirna amanamaa ta'e, kan gaafatamuu danda'uufi duudhaa dhala namaa waliin deemu gochuuf ammayyuu hojii guddaan akka hafu ibseera.
Namoota teknoolojii AI irratti hojjetaniif ammayyuu gaafatamummaa guddaan akka jirus dubbateera.
Beekamtiin barruu Time gareef yeroo kennamu kun kan jalqabaa miti. Bara 2014 ogeeyyii duula farra Ebolarratti hirmaataniif kennameera. Bara 2022tti akkasuma gareen kenname.












