‘Maallaqaaf osoo ta'uu baatee waan kana hin hojjedhun ture’- Dubartii ulfa namaa baattu

‘Maallaqaaf jedheen malee waan kana hin hojjedhun ture’ jetti dubartiin Yukireen kan sababii waraanaatiin maallaqa ittiin jiraattuu barbaacha daldala ulfa nama biraa baachuuf (Surrogacy) dirqamte tokko.

Yukireen biyya lammiileen Awurooppaa hedduun ulfa gadaamessa dubartii biraa keessatti akka guddatuuf bifa daldalaatiin filatan keessaa ishee tokko turte. Garuu erga Raashiyaan biyyattii irratti waraana guutuu labsitee booda daldalli kun harka 90n gadi bu’eera.

Maatiin ulfa gadaamessa dubartii biraa keessatti guddifachuu barbaadan amma biyya Joorjiyaa filannoo godhachaa jiru. Joorjiyaatti garuu gatiin haalaan olka’aa jira.

Dhiibbaan dubartootarra sababa kanaan gahu garuu yaaddoo uumaa jiraa. dubartoonni hojii kana hojjetan hedduun ammoo biyoota birootii kan dhufanidha.

Dubartiin ganna 37 Alainaa jedhamtuu (maqaan ishee kan jijjiiraame) fi kan ejensii ulfa gadaamessa dubartii biraa keessatti guddisuuf hojjechuuf mallatteesite.

Isheenis “Osoo maallaqaaf hin taanee hojii kana hin hojjedhun ture” jetti.

Isheen yeroo ulfa kana gadaamessasheetti baatuutti kaffaltii doolaara 500, erga deessee booda ammoo doolaara 15,000 argatti.

“Ani maatiiwwan daa’ima mataasaanii godhachuu hin dandeenyeen gargaara. Maatii hedduu kan sababa daa’ima hin godhanneef bultiisaanii diiganiin arga,” jetti.

“Hunda dura ani maallaqan barbaada. Maatii kootif waan gaarii gochuun barbaada. Kanaaf jechas cimtuu ta’uun qaba,” jechuun haala itti hintolle keessatti ulfa nama biraa akka baattu dubbatti.

Adeemsa Ulfa gadaamessa dubartii biraa keessatti guddisuu kanaaf miciree (Imbiriyootu) gara gadaamessa dubartii biraatti dabarfama.

Akka addunyaatti daldalli ulfa gadaamessa dubartii biraa keessatti guddisuu kun industirii daldala doolaara biiliyoona hedduu sochoosudha.

Alinaan lammii Kaazaakistaan yoo taatu, dhaabbata biyya Joorjiyaa tokko waliin hojii kanaaf qacaramtee jirti. Isheen haadha ijoollee lamaa yoo taatu, ijoolleeshee kanneenis abbaa malee qofaa guddisti.

Isheen kana dura mana uffataa keessatti qacaramtee kan hojjechaa turte yoo ta’u, amma erga gadaamessasheetti daa’ima ormaa guddisuu hojjechuu jalqabdee asi galii dachaa sadii ta’u argachaa jiraachuu himti.

“Ani waa’ee ijoollee kiyyaa malee waan biraa dantaa hin qabu” jetti. Amman tanas cimdiiwwan miciree ilmoosaanii gara gadaameessa isheetti dabarsuuf jiran arguudhaaf gara magaala guddoo Jooriyaa, Tbilisii imaaluuf qophiirra akak jirtu dubbatti.

“Kanaaf ofiikoo qopheesseera, garuu ammoo achitti deeggarsa tokko malee qofaakoon ta'a,'' jechuun yaaddooshee himti.

Barbaacha dubartii ulfa namaa baattuu

Daamiraa Bekbergenova ejensii daa’ima gadaamessa dubartii biraa keessatti guddisu tokko hogganti.

Joorjiyaan amma wiirtuu daldala gadaamessa kireessuu kanaan Yukireen dursitee jirti. Ejensoonnis dubartoota hedduu giddugaleessa Eeshiyaa irraa hojii kanaaf garas geessaa jiru.

Maallaqni hojii kanaaf kanfalamu olka’aa ta’ulleen dhiibbaa dubartoota irratti uumuuf jecha qeeqni itti baayyachaa jira.

“laali, qabatamaatti yoo ilaalle, haadha akkanaa ta’uudhaan faayidaan gaariin argamu hin jiru. Dubartoonni keenya dirqisiifamaniiti” jetti Daamiraan.

“Onnee isaanitirraa itti yaadanii, ittis gammadanii kan kana godhan hin jiran. Kana gochaa kan jiran faayiduma maallaqaatiif. Dubartoonni kun haala kanaan daa’ima namaa kan dahan ijoollee isaanitiif boru haala mijataa uumuuf jecha” jetti.

Akka isheen jettutti, kaffaltiin dubartoota gadaamessa isaanitti dhala nama biraa guddisanii dabalus, Kaazaakistaan keessattis gatiin jireenyaa haalaan daabaleera.

Kanaaf jecha idaa isaanirra jiru kanfalachuuf jecha dubartoonni yeroo lammaffaa fi sadaffaaf hojii kanaaf galmaa’an jiraachuus himti.

“Haala nama gaddisiisuun yeroo ammaa kana barsiisotaa fi doktoroota jalqabaalleen galmeessaa jirra. Doktoroonni kanneen barnoota isaanitiif maallaqa kanfalchuu dadhabani. Kuni waan nama boonsu miti” jetti.

“Dubartootni hojii kanarratti bobba’an baayyee nagaddisiisu. Maallaqani isaan argatan dhiibbaa xiinsammuu isaanirra gahu kan madaalu natti hin fakkaatu. Kanneen dhiibbaa akkanaa jala galaniif yaala xiinsammuu kennaa jirra. Kuni waan salphaa miti”

Ergauu, erga akkanatti yaaddee maaliif hojii kana hojjettee bu’aa irraa argatta?

“Ani ammallee kanin hojjechaa jiru fedhii guddaan waan jiruufi. Kuni seera qabeessa ta’ee nama hundaa fayyaduu qaba” jetti.

Barsiistuu seeraa kan turte Damira, namootni adeemsa kana keessatti hirmaatan hanga danda’ameen dahoo seeraa akka argataniif hojjechaa akka jirtu himti.

Namootaan qolliifamuu

Sabinaan mucaa gadaamessa ishee keessatti guddiste sadaffaa baattee jirti. Dubartoota nuti qunnamne keessaa kan ofii isaanii akka miidhamtuutti of ilaalan hin jiran. Baayyen isaanii maallaqa argataniin carraa gara fuulduraa ijoollee isaanii mijeessaa waan jiraniif itti boonu.

Ta’ulleen biyya irraa dhufanitti qollifamuun isaanirra gahu isaan yaaddessa.

Sabinaan (maqaan ishee kan jijjiirame) ulfa shanaffaa garaadhaa qabdi. Ijoollee lama kan dhuunfaashee yoo ta’u kan amma ulfa jirtu kana dabalatee sadii ammoo gadaamessa ishee kireessuun kan deessu.

Isheen mana appaartamaa magaala Tibilisi keessatti keessa jiraattutti nu affeerte. Manni kun kan kanfalamu maatii warra daa’ima isaanii gadaamessasheetti baattuun yoo ta’u dubartoota akkashee biroo waliin kutaa qooddatanii jiraatu.

Sabinan biyya Kazakistaan qarqara Haroo Balkash irraa kan dhufte yoo ta’u umurii 15tti ture kan heerumte. Hojiin isheen amma hojjechaa jirtu kun hawaasa isheen keessaa dhuftetti akka hojii saalqunnamtiitti ilaalama jetti.

“Sammuuma namaatu waan kana hin deeggaru. Namoonni akkan daa’ima gurguruutti na hamatu. Kanaaf jecha yeroon gara biyyaa deebi’u waa’ee kanaa hin haasa’u” jetti

“Akka Muslima tokkootti cubbuun hojjechaa jiraa laata jedheen ofgaafadha. Waa’ee kanaa interneetii irraa barbaadeen dubbisaa ture. akkan ani yaaadutti daa’ima godhachuunii fi namoota kana godhachuu hin dandeenyef gargaaruun waan gaariidha jedheen amana” .

“Hojii kana tola hojjechaa hin jiru. Ani ijoolleen guddisun qaba. Mucaan kiyya hangafti ammoo yeroo muraasa booda koolleejjii seena. Utuun Kaazakistaan taa’ee hangan amma argadhu kana argachuuf dachaa hojjechuu nagaafata ture.”

Seeraan dhorkuu

Joorjiyaa keessatti dhimmi gadaamessa kireessanii nama biraatiif ulfaa’anii dahuu kuni garee lamatti qooduun dhimma falmisiisaa ta’e.

Waarri Liberaalistii fi dhimma dubartootaaf falman, seerri cimaan saaminsa humna dubartootaa kana hambisu bahu qaba jechuun falmu.

Adoolessa bara 2023, ministira muummee Joorjiyaa kan turan Irakli Garibashvili, mootummaan isaanii karoora gadaamessa kireessuu kana lammiilee biyya biraarraa dhufaniif dhorkuu karoorfachuu himanii ture.

“Warri biyya alaa waan kana gara biiznasiitti jijjiiraa jiru. Beeksisa akka malee baayyeetu deemaa jira” jedhan.

Mootummaan Joorjiyaa jaalattoota saala walfakkaatoo irratti seerota adda addaa baasaa kan ture yoo ta’u, yaaddoo “Jaalattoonni saala walfakkaatoo karaa kanaan daa’ima godhachuuf filachuu danda’u” jedhu kaasaa turan.

Dhaabbileen gadaamessa dubartii biraa kireessuuun daa’ima godhachuurratti hojjetan dhiibbaa uumaa jiraniin seeronni yaadaman osoo haala qabatamaatti hin jijjiiramin amma gaheera.

Haaadholiin akka Aliinai ammoo carraa hojii kanaan maallaqa argachuu banaa ta’ee daran fayyadamuu hedatu.

“Dafee sagantaa kana jalaqabee dafee akkan xumurun barbaada,” jetti.