Daa'ima ganna torbaa dhaabbanni IT Raashiyaa isa qacaruuf gaafate

Daa'ima waggaa torbaa

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbati sooftweerii Raashiyaa daa'ima dandeettii addaa kompiitara saganteessuu qabu ykn coder tahe umrii kaffaltiidhaan hojjeturra gaafa gahu garee hoggansaa isaatti akka makamu gaafate.

Sergeen magalaa Raashiyaa Seen Piitarsibargirraa yoo tahu waggaa shanirraa qabee akkatti sooftweerii saganteessan ibsa kennuun viidiyoo gadhiisuun maqaa horateera.

Viidiyoo jajjabaa inni gadhiisu arguun dhaabbanni nageenya odeeffannoo Raashiyaa Pro32 jedhamu hogganaa leenjii dhaabbatichaa akka tahuuf affeerraa carraa hojii barreeffamaan ergeeraafii.

Seera Raashiyaan Sergeen hamma ganna 14 guututti hojii kaffalti qabu kamiyyuu fudhachuu hin danda'u.

Haa tahu malee hogganaan Pro32 Igoor Maadiik maatii Sergee dubbisuun hammasitti haala wal-tumsan irratti haasa'aa jiraachuu hime.

''Abbaan mucaa Kiriil affeerraa kanaan dinqamee, gammachuun yerootti Sergeen hojii jalqabu fedhiindhaan nan eega,'' jedhe jechuun Maandiik dubbateera.

Koodarii akka Moozaart

Viidiyoowwan isaa irratti fedhii guddaa fi jaalalaan haasa'a. Afaan Raashiyaa fi Ingiliffa caccabaan koodiningii gulantaa gulantaan agarsiisa.

Chaanaaliin Yuutubiisaa sabiskiraayibaroota 3,500 kan qabu yoo tahu baayyeen isaanii afaan kompitara saganteessuu Paayitaniifi Yuunitii barachuu barbaadan akkasumas hubannoo nam-tolchee fayyadamuu fedhani dha.

Akka Maandiik jedhutti Sergeen dandeetti kompiitara saganteessuu qofa osoo hin taane ''dandeettii barsiisuu qixxuma qaba,'' jedhe

''Anaaf akka nama muuziqaa Moozaart dha.''

''Waan mirkanaan dubbachuu danda'u yeroo ganna 14 gahu ogeessa addaa barsiisummaa fi kompiitara saganteessuu taha, kanaafi nutis yeroo sana fedhiidhaan kan eegaa jirru,'' jedhe.

Koodaroota qofa osoo hin taane namoonni herreegaa akkasumas gurgurtaa irra jiran hojjettoonni Moskoo Pro32 irraa barachuu danda'u jedhe Maandiik.

Haalli gabaa jijjiiramaa waan deemuuf kaffaltiisaa irratti hamma yoonaa waliigalteen kaa'ame hin jiru jedhe.

''Waggaa torbaf eeguun nurra jiraata,'' jedhe Maadiik. ''Yeroos waa'ee kaffaltii haasa'uu dandeenya,'' jechuun ibseera.