Lammiin Gaanaa akkamiin jaalala sobaan jaarrolee USrraa miliyoonota saame?

Madda suuraa, ABUTRICA/INSTAGRAM
Biyya Gaanaa keessatti namni miidiyaa hawaasaa gubbaatti beekamtii guddaa qabuufi maqaa Abuu Trikaa jedhamuun beekamu jaalala fakeessee dubartoota Ameerikaa umriin deeman gowwomsuun maallaqa doolaara miliyoona 8 ta'u akka jalaa fudhatamu gochuun shakkame to'atame.
Abbootiin alangaa namni kun AI fayyadamee eenyummaa sobaa uumeen miidiyaa hawaasaa fi marsariitiiwwan irratti dubartootni miidhamtoota ta'an akka isa amanan gochuu booda maallaqa irraa fudhachaa ture jedhan.
Maqaansaa sirriin Fireediriik Kuumii kan ta'e namni kun yakka intarneeta gubbaatti burjaajii uumuufi maallaqa seeraan ala waliin dhayuun UStti himatni irratti banameera.
Yakka kanneeniin balleessaan yoo irratti murame hidhaa waggaa 20n adabamuu mala.
Namni ganna 31 kun amma biyyasaa Gaanaa keessatti to'annoo jala kan oole duula waloo US fi Gaanaan gaggeessaniini. Ammammoo Gaanaan namni kun dabarfamee akka kennamuuf barbaaddi.
Namni kun ammatti yakka ittiin shakkame ilaalchisee yaada hin kennine.
Kumii kan maqaa biraa Imaanu'eel Koojoo Baah Obeeng jedhamuunis beekamu qabeenya qaalii fi jireenya qananii keessa jiru hordoftootasaa Inistaagiraam 100,000 ta'aniif qoodeera.
Kunimmoo madda qabeenyasaa ilaalchisee shakkiin jiru akka dabalu sababa ta'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbootiin alangaa ''warreen yakka kanaan shakkaman bilbilaan, imeeliifi waltajjii ergaa walii dabarsaniin irra deddeebiin haasa'uun miidhamtootarraa amanamummaa horataniiru'' jedhan.
''Achii booda dhugaa fakkeessanii sababoota akka waldhaansa fayyaa atattamaa, baasii imalaafi carraa investimentii jedhuun maallaqaafi meeshaalee gatii qaalii gaafatan.''
Mallaqniifi meeshaaleen gatii qaalii sassaabbatan ammoo qaama sadaffaatti kennama. Kumiin mallaqa kana namoota US fi Gaanaa keessatti isa waliin hojjetaniif qooduudhaan shakkameera.
Dhimmi kun US tti seera jaarrolee miidhamarraa ittisuuf bahe (elder Abuse Prevention and Prosecution law) jedhuun ilaalamaa jira.
Aanga'oonni Ameerikaa dhiyeenya kana caasaa yakkaa jaarrolee biyyattiirratti xiyyeeffatee Ameerikaa fi biyyoota Lixa Afrikaa keessatti diriiree jiru irratti xiyyeeffataniiru.
Ji'oota muraasa duras namni beekamaan lammii Gaanaa ta'e Daadaa Jooye Rimiiks jedhamu yakka waliin dhayuudhaan USf dabarfamee kennameera. Yakka jaalala fakkeessee hojjeteef himatame.
Ji'uma kanammoo manni murtii US lammii Naayijeeriyaa baankotarratti burjaajii uumuu keessatti adda duree ta'eef daddabarsa maallaqaa seeraan ala ta'e hoogganu hidhaa waggaa 20n adabeera.












