Waancaa Afrikaa: Tapha daanyaa Itoophiyaan durfame, Kaameeruuniif carraa kenne, Aljeeriyaa yeroon gaggeesse

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Waancaa Afrikaa diraamaan guutame, tilmaamuuf nama dhibu kan kilaboota waancaaf abdataman ofirraa harcaasaa jiru qalbii addunyaa hawwateera.
Gareen eessayyuu hin ga'an jedhamanii tuffataman kanneen waancaaf eegaman yeroon gaggeessaa jiru.
Fakkeenyaaf bakki guddaan kennameefii kan ture Aljeeriyaan dorgommicha keessaa osoo marsaa itti aanutti hin ce'in gaggeeffamteetti.
Kaameeruun kufuuf qarqara irra geessee, garuu tapha sadaffaa irratti gooliiwwan daqiiqaa xumuraa irratti galchiteen ijibbaattee marsaa itti aanutti ceeteetti.
Leencota eenyuufuu hin jilbeenfanne jechuun kan of saadan gara jalqabaa raawwii gadi bu'aa agarsiisaa turan.
Goolii eegaa dhimma isaa irraa namuu dubbatu, Andiree Onaanaa lafa kaa'eeti Kaameeruun kan taphicha eegale.
Dhiphuu hamaa keessa kan turte Kaameeruun goolii Tookoo Ikaambii galcheen dursuu eegalee ture.
Haata'u malee goolii Ablii jaaloo Gaambiyaaf galcheen tahichi waan walqixa xumuramu fakkaatee ture.
Ammas Ibriimaa Koolii daqiiqaa 85ffaarratti Gaambiyaaf dabalee wayita galchu Kaameeruunitti dacheen dukkanaa'e.
Warri Gaambiyaa haala kanaan dursuun daqiiqaa dhumaarra ga'anii marsaa itti aanutti darbuuf carraan harkasaanii galtee turte.
Garuu goolii Jeemsi Goomez daqiiqaa 87ffaarratti gareesaa irratti galchee fi taphataan Kaameeruun Kiristoofar Wuu daqiiqaa dabalataa keessatti galcheen Gaambiyaan 3 fi 2n mo'atamtee dorgommicha keessaa baateetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tapha akkaan ulfaataa fi gareen lachuu dhiphina keessa galanii taphataa turan kana kan taphachiisan daanyaa Itoophiyaa Baamlaak Tasammaati.
Tapha murteessaa ta'e kana murteessaan kun haala milkaa'aa ta'een xumursiisaniiru.
Ramaddiima kana keessaa taphi kan biraan ture kan Giinii fi Senegaal.
Senegaal taphicha goolii 2 fi 0 dhaan mo'achuun ramaddicha keessaa tokkoffaan darbiteetti.
Senegaal tapha sadi taphatte hunda mo'achuun qabxii sagaliin gulantaa itti aanutti ceete.
Goolii lameen Abdullaayii Seek fi Ilimaan Nidiyaaye Senegaaliif galchaniiru.
Ramaddii C keessaa kaameeruun fi Giiniin qabxii afur afur qabaachuun garaagarummaa gooliin Senegaalitti aananii lammaffaa fi sadaffaa ta'uun gara marsaa itti aanuutti darbaniiru.
Ramaddii afraffaa (D) keessa kan jirtu Aljeeriyaan ammoo yeroodhaan dorgommicha keessaa baateetti.
Mooritaaniyaan goolii ittisaan ishee Yaalii Delaahii galcheen tapha kanarraa qabxii sadi argatteetti.
Injifattuun Waancaa Afrikaa bara 2019 Aljeeriyaan ramaddii kana dhuma ta'uun xumurte, yeroo lamaaf walitti aansuun ramaddii keessaa osoo hin darbin hafteetti.
Dorgommii kanarratti baayyee eegamtee kan hin turre Mooritaaniyaan ammoo qabxii sadi qabaachuun carraa ramaddicha keessaa gara tapha kuffisanii darbuutti ce'uuf qabdu bal'ifatteetti.
Taphoota jalqabaa lamaan walqixa kan baate Aljeeriyaan, tapha kanas osoo qixa baateetti ta'ee carraan gara marsaa itti aanuutti darbuu kan ishee ture.
Ramaddii D kana olaantummaan kan dursan Angoolaa fi Burkina Faasoo waliin taphachuun, Angoolaan goolii 2 fi 0 dhaan mo'atteetti.
Ramaddii kana keessaa qabxii torba argachuun gara Marsaa itti aanuutti kan dabarte Angoolaadha. Burkina Faasoon ammoo qabxii afuriin darbite.












