Mootummaan Awustiraaliyaa namoonni miiliyoona saddeet ibsaa akka dhaamsan gaafate

Gamoowwan ibsaan faayaman

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Anniisaa Awustiraaliyaa maatiiwwan New South Wales keessa jiraatan ibsaa dhaamsuun rakkoo hanqina anniisaa elektirikii furuu keessatti ga'eesaanii akka gumaachan gaafate.

Kutaan Awustiraaliyaa kunis bakka magaalaa guddoon biyyattii Siidnii keessatti argamuudha.

Ministirri Anniisaa Chris Bowen namoonni yoo filannoo biraa kan qabaatan ta'e halkan sa'atii lamaaf ibsaa bobeessuu akka dhaaban gaafatan.

Uummanni yoo haala kanaan fayyadame, rakkoon adda ciccituu ibsaa furamuu danda'a jedhan.

Mootummaan kana kan labse erga jaarmiyaan guddichi anniisaa elektirikii dhiyeessu sababa qaala'iinsa gatii gabaa keessaa ba'eeti.

Awustiraaliyaan cilee fi boba'aa dhangala'aa addunyaaf dhiyeessuun kan beekamtu yoo taatu, garuu ji'a darberraa eegalee rakkoon ibsaa ishee mudateera.

Anniisaan elektirikii biyyattii irra jireessaan cileerraa kan argamu yoo ta'u, biyyattiin madda anniisaa haaromfamuu fi naannoo hin faalle irratti xiyyeeffachuu dahbuun akkaan himatamaa jirti.

Yeroo dhiyoo as Awustiraaliyaan dhiyeessii boba'aarratti rakkoo keessa seenteetti.

Maddeen anniisaa elektirikii cilee irraa oomishaa jiran hojiinsaanii gufachuu gatiin boba'aa dabaluun rakkoo biyyattii mudate kan biraadha.

Jalqaba bara kanaatti balaan lolaa mudate manneen hedduu fi madddeen anniisaa muraasa miidheera, kunimmoo sararri ibsaa akka jeeqamu godheera.

Rakkoon kun baay'inaan kan mudate bulchiinsa New South Wales jedhamu keessatti, sababa kanaan maddi anniisaa cilee guddichi bulchiinsa kana keessatti argamu dhiyeessii isaa hir'iseera.

Yeroo ammaa maddeen anniisaa Awustiraaliyaa keessaa tokko afraffaan tajaajila dhaabanii jiru.

Sababa waraanaa raashiyaa fi Yukireen daballiin gatii boba'aa addunyaa hube Awustiraaliyaa ammoo akkaan miidhe.

Biyyi kun weerara koronaavaayirasiin baayyee kan miidhamte yoo taatu, sanarratti waraanni kun wayita dabalamu baayyee hubamte.

Fedhiin anniisaa kan kanaan duraa caalaa dabaluun ammoo humna ibsaa biyyattii goolama hamaa keessa galche.