Erik ten Hag waa'ee koo ''oduu duriifi dhara odeessuu dhaabaa'' jechuun riippoortaroota qeeqe

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Erik ten Hag miidiyaalee waa'eesaa waan hin jirre uumanii ''oduu durii fi dhara'' walitti dabalanii odeessan himate.
Ten Hag osoo dhiibbaa guddaa jala jiruuti kan inni taphoota intarnaashinaalaaf boqonnaaf deeme.
Taphoota shan osoo hin mo'in xumure. Kan Tootanhamaa goolii 3 fi 0 dhaan mo'ate ammoo yaadannoo yeroo dhihooti.
Taphataan sarara gidduu duraanii Ingilaand Jeemii Reediknaap Sky Sportstti akka himetti Ten Hag ''dhiibbaa humnaa olii'' keessatti kufee ture.
Kilaba maqaa guddaa qabu sadarkaa 14ffaarra teessise jedhamuun kan qeeqamu Ten Hag, namoonni hedduun waqtii tapha intarnaashinaalaa kanatti hojiirra ari'amuusaa eegaa turan.
Haata'u malee Ten Hag bakkaayyuu hin sochoone. Gaazexeessitoonni tapha Aston Viilaa waliin walqixa ba'an booda yaada inni kenne ta'e jedhanii akka qoollifatan hime Ten Haag.
Onkoloolessa 6 Maanchistar Yunaayitid dirreesaan ala Aston Viilaa waliin wayita walqixa ba'u Ten Hag ''nuti hundinuu waliin jirra'' jechuun deeggarsa Oold Tiraafoordirraa argate leellisee ture.
''Waci muraasa keessan irraa dhagahamaa jira. Oduu durii uumtu, dhara odeessitu. Seenaa hin jirre raagdanii odeessitu,'' jedhe.
''Kilaba kana keessatti yaadi keenya walfaana akka jiru nan beeka. Kana boqonnaa duras dubbadheera. Gaazexeessitoota hedduutti himeera. Tarii gaazexeessitoonni na hin amanne ta'a. Gabaasa isaaniis argeera. Garuu keessoon keenya tasgabbii qaba.''
Yunaayitid dorgommii hundarratti taphoota ja'a osoo hin mo'in kan keessa darbe waggaa shan dura ture.
Kun akka irra hin deebi'amne yoo barbaadan Bireentifoord mo'achuu qabu.
Gareen Toomaas Firaank har'a Maanchistar Yunaayitidiif qormaata guddaadha.
Ammoo Toomaas Firaank leenjistoota gara Yunaayitid imalu jedhamuun maqaansaanii dhahamaa jiru keessaati.
Haata'u malee Ratkilif ammallee Ten Hag tursiisuuf murteessaa jira.
Bireentiford erga bara 1937 as Oold Tiraafoord irratti mo'atee hin beeku.
Ammoo bara darbe haga daqiiqaa dhumaatti dursanii turan. Dhumarratti Maaktoominee gooliiwwan lama galchuun kilabasaa Maanchistar Yunaayitid baraare malee.
''Sadarkaa amma irra jirruutti hin gammannu, eeyyeen dhugaadha. Sadarkaan irra teenyee jirru soba miti. Waan gaariis miti,'' jedhe Ten Hag.
''Garuu nuti tasgabboofnee walqindeessaa jirra. Karoora keenyarratti xiyyeeffanna. Haala kanaan ni milkoofna jennee amanna.''












