Dhiibbaan narra gaha taanaan hojii dhuunfaa koottan deebi'a - Komishinara KMNI

Madda suuraa, EHRC
Hoogganaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa ta'un kan muudaman Obbo Birhaanuu Addeeloo hojii haaraa itti muudaman sirnaan akka hin hojjanne dhiibbaan mootummaa irra gaha taanaan aangoo akka gadi dhiisan BBCtti himan.
Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa akka hoggananiif dhiyeenya kan muudaman Obbo Birhaanun deemsa siyaasaa waggaa 10 dura keessaa bahanii, KMNI itti muudamanii jiranitti maal hojjachuuf akka yaadaniifi dhimmoota kaan irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
ALItti bara 1995 siyaasatti hirmaachuu kan eegalan Komishinarri olaanan kun ALI Bara 2007 fedhiidhaan siyaasa keessaa bahuu dubbatu.
Obbo Birhaanuu Addeeloo barsiisaa seeraa ta'uu qofa osoo hin taane, Naannoo duraanii Ummattoota Kibbaatti dursaa Biiroo Haqaa, itti aanaa itti gaafatamaa Biiroo Nageenyaa ta'uun, akkasuma biiroolee federaalaa garaa garaa keessa hojjataniiru.
Filannoo ALItti Bara 1997 gaggeeffameerratti, bakka dhalootasaanii Boongaa bakka bu'uun paarlaamaa seenuun hirmaannaa siyaasaa waggoota 12 qabu.
Bara 2002 hanga 2007tti daayireektara Abbeentaa Kalaqaa ta'uun yeroo tajaajilanitti komii irratti dhiyaateen aangoorraa ka'uun himamus "dubbii bu'uura hin qabne" ta'uu himuun hojiirra kan ka'an filannoodhaan waan mo'amaniif ta'uu kaasu komishinarichi.
Siyaasa keessaa fedhiidhaan bahuu kan himan Obbo Birhaanuun, "Umurii guutuu siyaasa keessa turanii akkamitti soorama bahu? Hojiin tokko qofti yeroo dheeraa yoo irra turan nuffisiisaa ta'a" jechuun jireenya gaarii barbaachaaf jecha siyaasa keessaa bahuun hojii dhuunfaatti fuulleffachuu BBCtti himan.
ALItti bara 2007 irraa ka'uun waggoota 10 darbaniif hojii abukaatoofi gorsaa irratti bobba'uun hojjataa turan.
Waggaa 10 booda deebi'uu
Komishinarri olaanaan Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani'eel Baqqalaa bara darbe yeroo hojiisaanii xumuruu hordofee Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa koree hundeessuun nama bakkasaanii bu'u akka filatuuf koree hundeessee ture.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka gaggeessaniif "eeruu namni kenneen" filamuu kan kan himan Obbo Birhaanuun gaafa itti himamu fudhachuufis dhiisuufis miira wal-makaa keessa akka turan dubbatu.
Hojii mootummaarraa waggootaaf fagaatanii turanis "biyyaafi ummata tajaajiluuf" carraa gaarii ta'ee waan itti mul'ateef itti gaafatamummaa kana tole jedhanii fudhachuu himu.
Gaafa ALItti Amajjii 22, 2017 mana maree bakka bu'ootatti filannoof dhiyaatan nama siyaasaa Komishinii Mirgoota Namoomaa gaggeessuu hin qabu jedhamuun mormiin keessumaa bakka bu'oota paartii mormituu irratti dhiyaatee ture.
Obbo Birhaanun garuu itti gaafatamummaa amma itti kenname kana "muudama siyaasaan" osoo hin taane ogummaansaanii ilaalamee bakkichaaf ni mala jedhamuun akka muudaman himu.
Waggaa shaniif komishinicha gaggeessanii kan turan Dr. Daani'eel Baqqalaa barnootaanis ta'ee muuxannoo hojiin nama mirga namaaf falmuun maqaa guddaa horatan ta'uusaanii heddutu ragaa bahaaf.
Obbo Birhaanun bakka Dr. Daani'eel Baqqalaa bu'uun hin maluuf jechuun ija shakkiin kan ilaalan jiru.
Komishanarri haaran garuu "yaaddoo hin qabaatinaa" jechuun hojii komishinichaa itti fufsiisuuf "dandeettiifi beekumsa" qaba jedhan.
Xiyyeeffannoowwan Komishinara haaraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Komishinarri haaraa muudaman Obbo Birhaanun hojiiwwan bu'uuraa sadi hojjachuuf karoorfataniiru.
Inni jalqabaa sarbama mirga namaa bakka garaa garaatti raawwatu dhaabsisuuf baruumsaafi hubannoo uumuu irratti hojii guddaa hojjachuun isa ijoo ta'uu himu.
Lammaffaan ammoo sarbama mirga namoomaa dhiibbaa alaa tokko malee "sirnaan qorachuu" akka ta'e kaasu.
Xiyyeeffannoonsaanii sadaffaan qorannoo bu'uuraa godhachuun "kanneen yakka hojjatan akka sirreeffaman [seeraaf dhiyaatan], warri miidhaan irra gahe beenyaa akka argatan gochuudha" jechuun ibsu.
"Hojiiwwan jalqabaman karaa kamiinuu duubatti deebi'a sodaan jedhu nama kamittuu dhagahamuu hin qabu," jechuun inumaayyuu dhaabbaticha caalmaatti jabeessuuf akka hojjatan himan.
Waggoota soddomaaf hojiirra kan ture Waldaan Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa 'dhiibbaa mootummaan Itoophiyaa irra deddeebiin irraan gahuun' hojii kan dhaabe yoo ta'u, dhaabbileen mirga namaaf falman hojiisaanii hojjachuuf dirreen dhiphataa akka jiruufi dhiibbaan akka irra gahu himatu.
Bara darbe Naannoo Oromiyaa magaala Maqiitti ajjeechaa qondaala ABO Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwate qorachuuf garas kan deeme yaaddoon nageenya miseensota qorannoof deemaniifi namoota isaan ragaaf dubbisan irra gahuufi hojiisaa akka hin hojjanne danqaan mudachuu ibsa baasee ture.
Waa'een ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaa qorannoon gaggeeffame hanga ammaa ifa hin taane.
Inistiitiyuutii mirga namoomaa hundeessuu
Biyya Hindiitti digrii lammaffaasaanii kan baratan Obbo Birhaanuu Addeeloo waraqaan qorannoosaanii Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffate.
Qorannoosaanii kanaan Komishiniin Mirgoota Namoomaa gadi bu'ee hawaasa bira hin gahin jira jedha.
Yeroo dhiyoo as Itoophiyaatti sarbamni mirga namaa dabalaa dhufuu gabaasaalen garaa garaa ni agarsiisu.
Sarbama kana irra guddeessaan qaamoleen mootummaa akka raawwatantu himama.
Komishanirichi qaamolee mootummaa sarbama mirga namaa raawwachuun hamatamaniif "baruumsaafi leenjii kennuu" irratti akka fuulleffatan himan.
Xiyyeeffannoonsaanii guddaan inistiitiyuutii baruumsafi leenjii waa'ee mirga namoomaa barsiisu hundeessuu akka ta'es kaasu.
Komishanara olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ta'uun dhiyeenya hojii kan eegalan Obbo Birhaanuu Addeeloo, hojiisaanii sirnaan akka hin hojjanneef dhiibbaan yoo irra gahu ta'e hojii akka gadi dhiisan BBCtti himan.
"Waanti hojii nan hojjechiisne yoo uumame … bakkan duraan ture [hojii dhuunfaattan] deebi'a. As taa'uun koo gatii hin qabu taanaan gara hojii dhuunfaa koottan deebi'a," jedhan.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












