Adurreen nama ishee guddise 'wal'aante' leellifamte

Deevid fi adurreessaa Beau

Madda suuraa, ALISTAIR HEAP/PA WIRE

Adurreen waggaa 11 guddisaan ishee kaansara dhiigaa hin fayyineen qabamuu hordofee, jaalala agarsiisteef leellifamaa jirti.

David Cryer akka jedhutti, erga Sadaasa 2021 keessa dhibee myeloma'n qabamuusaa erga bare booda, adurreen isaa 'Beau' jedhamtu isa biraa hin deemtu. Isheen 'narsii kooti' jechuunis ibsa Deevid.

Gaheessi Weels naannoo Carmarthenshire irraa tahe kun, gaafa inni dhukkubsatee yeroosaa gara caalu sireerra dabarsutti, adurreensaa Beau haalaan itti siquun ciifti, jajjabeessitiin.

Yeroo hirriiba isaattis argansuusaa sirrii yoo tahuudhaa baate, adurreen kun boqoofi funyaansaa harkasheen tuttuquun dammaqsiti - nageenyasaa mirkaneessiti.

"Akkuma saree bakkuma deemu hunda na wajjin deemti, adurree qaxaleedha," jedha Deevid.

Beau

Madda suuraa, ALISTAIR HEAP/PA WIRE

Ibsa waa'ee suuraa, Deevid qaxurree Beau kan guddifate umriinshee ganna saddeet turetti

Deevid adurree kana argatee kan guddifachuu jalqabe ganna sadiin dura, wiirtuu kunuunsa bineensotaa keessaa ture.

Yeroos ulfaatina garmalee qabdi turte, ji'ootaafis nama ishee guddisu eegaa turte.

Ammatti gochaa isheetiin adurreen kun dorgommii adurrootaa 'Cats Protections' Moggy Marvels' jedhamu marsaa dhumaa geesseetti.

Dorgommii kanaaf bashooleen 3,000 tahan dorgomanis, Beau dabalatee 12 callaatu marroo dhumaa gahe. Dhumarrattis qaxurreen Zebby jedhamtuufi akkasuma guddisaashee qarqaartu dorgommicha moote.

Gaheessi ganna 66 Deevid, waggoota 40f doktora bira ilaalamee hin beeku ture. Garuu gaaf tokko gateettiisaa gama mirgaan dhukkubbii cimaan itti dhagahame.

"Akka nami wahii haaduun na waraanutti natti dhagahama ture," jedha.

Achiis mana yaalaa deemuun qorannoo akka akkaa erga taasisee booda, dhibeen isaa itti himame.

"Doktorri 'myeloma qabda' naan jette, takkaa waaheesaa dhagahee hin beeku," jedhe Deevid.

Deevid fi adurreessaa Beau

Madda suuraa, ALISTAIR HEAP/PA WIRE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hakiimni kunis, dhukkuba hin fayyinedha, garuummoo yaaliin taasifamu jira jechuun ibsiteef. Deevid oggasuu yaalii eegale.

Qaxurreen Deevid kanaan dura sireesaarra miilasaa rafuun waanuma barame ture. Garuu erga hospitaalaa deebi'e, adurreen kun xiyyeeffannoon isa hordofuu isheetti ajaa'ibsiisuu hima.

"Na cinaa rafti, na cinaa teessi. Na dhiistee deemuu didde. Dhukkubsachuu koos, waanin yeroo hedduu sireerra dabarsuuf barteetti."

Ergasiis bashoon gara gadii miilasaa cinaa rafaa turte, bakka jijjiiruun naannoo gateettiisaa rafuu jalqabde.

Halkan halkan wayita Deevid dhukkubi itti dhagahamu, Beau waan beektu fakkaata.

"[Akka na dhukkube] yeroo bartutti, funyaan shee gara fuunyaan kootti siqsuun hafuura natti baafatti. Rifeensi fuulasheerra jirus na dammaqsa," jedha.

"Kanaan yoon dammaqu baadhe ammoo, achuma teessee harkashee mirgaan fuula koo rurrukutuun na dammaqsiti."

Yaaliin kemooteraappii Deevid fudhatu madaallii isaa akka hin eegne isa taasisa ture. Kanaafis Beau gaafa inni qaama dhiqatufaa eegdi.

Caamsaa 2022 keessa Deevid wal'aansa 'stem cell' taasiseen, haallisaa fooyy'aa jira.

Dhiigasaa keessas yeroo ammaa myeloma akka hinqabne itti himameera. Haatahu malee dhukkubichi deebi'ee mul'achuun isaa hinoolu - gaafas yaaliin dabalataa isa barbaachisa.

Garuu fayyaansaa fooyya'insa agarsiiseera jettee adurreen Deevid biraa hin deemne.

"Yeroo mara si wajjin tahuu barbaaddi. Nama jaalatti," jedhe.

"Adurroota miiliyoona keessaa tokko argamtudha [addadha]."