Aanaa Daassanachitti maarbarg to'achuuf manni barumsaa cufame, geejibni dhaabbate

Ogeeyyii fayyaa qaamni isaanii guutuun uffata adii hakiimotaan golgame

Madda suuraa, South Ethiopia Health Bureau

Naannoo Kibba Itoophiyaatti kan argamu aanaan Daassanach sababa vaayirasii maarbargiin uggura kaa'ee ture kaasee sa'atii muraasa keessatti irra deebiin geejibni akka dhaabbatu, manni barumsaa akka cufamuufi jila garagaraa gochuun akka dhaabbatu murteesse.

Bulchiinsi aanichaa dhorkaa kana irra deebiin kan kaa'e ''namoonni vaayirasii maarbargiin irra deebiin qabamaa waan jiraniif,'' jechuuni.

Godinni Aarii vaayirasiin maarbarg itti argame kan daangeessu godina Kibba Omoo jalatti kan argamu aanaan Daassanach kaleessa Mudde 3,2018 A.L.I ture dhorkaa kana kan beeksise.

Vaayirasii kana to'achuudhaaf dhorkaa marroo jalqabaa kan kaa'e torbee lama dura ture.

Dhorkaan kuni torbee tokko erga tureen booda hamma tahe akka ka'u taasifamee ture. Kaleessa ammoo guutummaan akka kaafame kan hime bulchiinsi aanichaa ''to'annoo vaayirasichaa irratti hubannoon kenname jijjiirama waan fidaa dhufeef ture,'' jedhe.

Murtoon kuni ifa erga tahee torbanootaan booda dhorkaan cimaa irra deebiin kaa'amuun ibsameera.

Haaluma kanaan, ''manneen barumsaa yeroo hin murtoofneef, akka cufaman murtaa'eera. ''Geejibni uummataas,'' akka dhaabbatu ajajni darbeera. Doqdoqqeenis isa oofuun alatti nama biraa akka hin feene dhorkamanii jiru.

Namoonni gaddaafi gammachuun walitti qabamuunis yeroo hin murtoofneef akka dhorkaman akkasumas, iddoowwan bashannanaa kana akka mana puulii, DSTV fi manneen jimaa faa cufaa akka tahan himameera.

''Dorgommiin ispoortii kamiyyuu akka hin adeemsifamnees dhorkaan kaa'ameera.'' Akkasumas nyaatnifi dhugaatii hawaasi naannichaa gareen sooratu boordee, shofooroofi dhugaatiin akkasii biroo qulqullinaan dhuunfaatti akka soorataman bulchiinsi aanichaa beeksiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Dhaabbileen tajaajila kennan meeshaalee ittisa dhukkubaa guuttataniifi walirraa fageessanii,'' jiraataaf tajaajila kennuu akka qaban aanichi akeekkachiiseera. ''Weerara kana sababa gochuun miya irratt daballii kan daldaltoonni kaa'an irratti tarkaanfiin fudhatamas,'' jedheera.

Aanaan Daassanach murtoo kana yeroo ifa taasisetti ''yeroo hin murtoofneef,'' akka turan beeksisee jira.

Bulchiinsi naannichaa dhorkaawwan kunneen kan kaa'e ministeerri fayyaa namni tokko vaayirasichaan qabamuu mirkaneessuun gabaasa guyyuu irratti erga baaseen booda dha.

Guyyoota sagalan darban qorannoon namoota 821 irratti taasifameen namni vaayirashichaan qabame hin argamne.

Ibsa aanaan Daassanach baaseen murtoo kanaaf sababa kan tahe ''vaayirasiin maarbarg irra deebiin namootarratti argamaa jiraachuusaani,'' jedheera. Bulchaan aanichaa Obbo Taaddala Haatee namni dabalataa tokko vaayirasichaan waan qabameefi jedhaniiru.

Namni vaayirasii kanaan qabame aanaa isaanii keessa akka jiru kan gaafataman bulchaan aanichaa ''isa hin beeku'' jedhaniiru.

Vaayrasiin maarbarg Itoophiyaa keessa mul'achuun erga gabaafamee Mudde 5/2018 A.L.I baatii tokko guuta. Vaayirasichi hamma yoonaa namoota 14 irratti argameera. Kanneen keessaa afur kan bayyanatan yoo tahu, saddeet lubbuun darbee, lama ammoo wal'aansa argachaa jiru.