Haati fi intalli barruu dubbisna jechuun doolaara mil. 46 waliin-dhahan to'ataman

Harka qubeelaa ofirraa qabu

Madda suuraa, Getty Images

Haati fi intallii barruu dubbisna jechuun akkasumas sirna amantii Chaayinaa feng Shuuyi barsiisna jechuun doolaara miiliyoona 46 dhalattoota Veeyitinaam Awustiraaliyaa jiraatan irraa gowwomsan himataman.

Haati nama ganna 53 yoo taatu naannoo Doovar Haayits jedhamu, Sidnii keessatti Roobii kaleessaa intalashee nama ganna 25 waliin qabamte. Poolisiin ''gowwomsaafi daddabarsa maallaqaa seeraan alaa akkaan wal-xaxaa tahe,'' geggeessaa turan jedhe.

Haati namoota ishee bira dhufan liqii akka fudhatan amansiiftee, walakkaasaa ofiif hambifachuun ''egeree kee keessatti biiliyeenaran arga,'' jechuun itti himti.

Dhaddacha Kamisa har'aa taa'amuuf wabiin gadhiifamuu gaafattullee dhorkamteetti. Intallishee garuu beellama Amajjiif qabameen gadhiifamteetti.

Haati garee yakkaa hogganuun akkasumas sobaafi gowwomsaan qarshii fudhachuu dabalatee himanni 39 irratti banameera.

Intallishee ammoo to'annoo seeraaf tumsuu dhiisuuniifi qaama garee yakkaa tahuu dabalatee himanni torba irratti banameera.

Mana guddaa miiliyoona baayyee baasutti yeroo qabaman poolisiin sanadoota maallaqaa, bilbila mobaayilii, boorsaawwan qananii, warqee giraama 40(kan dollara 6,500) baasu qabateera.

Poolisiin akka jedhutti haati hawaasa keessatti amanamummaa waan qabduuf yeroo barruu dubbisa jechuun maamilootishee rakkoo maallaqaa akka qaban itti himti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan biiliyenarri gara isaanii akka dhufu itti himuun, ''yoo liqaa baankii fudhatan ammoo inumaa waan kuni dafee akka isaaniif tahu,'' itti himti.

Roobii yeroo qabamtu poolisiin doolaara Awustiraaliyaa miiliyoona 15 akka hin sochoone gochuun qabeenya doolaara Awustiraaliyaa miiliyoona 60 baasus qabateera.

Kana malees poolisiin qorannoo banuun garee yakkaa eenyummaa sobaa fayyadamuun konkolaataa qananiif jechuun liqaa fudhatan jedhes qorataa jira.

''Konkolaataa bituuf jechuun liqaa sobaan fudhatame irratti qorannoon jalqabame yakka faayinaansii wal-xaxaa argee hin beeknetti nu baase,'' jechuun hogganaan garee Yakkaa Faayinaansii Goordoon Arbiinjaa himan.

Akka poolisiin jedhutti gareen yakkaa kuni, ''waliin dhahuun maallaqaa bal'aa namootaaf, daldalaafi manaaf jedhamuun dhaabbilee faayinaansii irratt raawwate,'' jedhe.

Akka qorannoon miidiyaa Sydney Morning Herald (SMH) agarsiisutti haatiifi intalli Garee Peenthaawus jedhamu wajjin hidhata qabu. Hogganaan dhaabichaas mana doolaara miiliyoona 18 baasu keessa jiraata.

Poolisiin gareen kuni baankilee Awustiraaliyaa ijoo irraa doolaara Awustiraaliyaa miiliyoona 250 waliin dhahuun fudhachuu hime.

Hojjettoonni baankii malaammaltummaa hojjetan garee kana Sidnii keessatti qabeenya garagaraa akka bitatuuf gargaaaraniiru jedhe.

Sababa kanaan namoonni 12 tahan kan qabaman yoo tahu yakka waliin dhahuu fi qarshii seeraan ala daddabarsuun himatamaniiru.

Poolisiin kanaan boodas ogeessota yakka kanarratti hirmaatan jedhe ogeessota herregaa, seeraafi qabeenya irratti gorsa kennan akka to'atu ibseera.