Itoophiyaatti haalli gaazexessitoota hidhamaniifi bakki jiran hin beekamne na yaaddessa - CPJ

Gaazexessitoota hidhaman

Madda suuraa, SM

Gareen mirga pireesiif falmu CPJ, humnoota nageenyaa haguuggii fuulaa uffataniin gaazexeessitoonni hidhamanii fi bakki jiran hin beekamne akka isa yaaddessu ibse.

Dhaabbatichi ibsa kaleessa Roobii Hagayya 20, 2025 baaseen, gulaalaa barruu Reporter Yoonaas Amaaraa, gaazexeessaa Kedir Mohamed Ismaa'el kan akka feeteen to'annaa jala oolfameefi gaazexeessaa gameessi Abdulsamad Mohaammed dhoksaan ukkaamfame hatattamaan akka hiikaman gaafateera.

Hagayya 12, 2025 namoonni haguuggii fuulaa keewwataniifi uffata waraanaa uffatan Yoonaas Amaree magaalaa Shaggar bakka inni jiraatu irraa butuu isaanii CPJ maddeen adda addaa wabeeffachuun gabaaseera.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, humnoonni nageenyaa uffata waraanaa uffatan jalqaba bilbila mobaayilaa namoota naannoo sanatti argamanii guuruun namoonni mana keessa akka turaniif ajajuu isaanii gaazexaan barruun Riporter ibsa dhimmicha ilaalchisee baaseen beeksiseera.

Poolisiin magaalaa Finfinnee gaazexessaan kun to'annaa isaanii jala akka hin jirre barruu kanaaf kan ibse yoo ta'u, Yoonaas Amaaree eessa akka jiru hanga ammaatti hin beekamne.

"Itoophiyaan bilisummaa pireesiirratti seenaa badaa qabdu, daftee gaazexessitootaaf naannoo michuu hin taane ta'aa jirti," jedhan qindeessituun sagantaa Afrikaa CPJ Mutoki Mumo.

"Aanga'oonni butamuu Yoonaas Amaaree hatattamaan qorachuu qabu. Gaafatamtootas gaafatamaaf dhiyeessuu qabu. Gaazexessaa Kadir Mohaammed Ismaa'il fi Abdulsamad Mohaammed haal-duree tokko malee akka gadhiifaman" jedhan.

Gaazexeessaan Buufata Televijiinii Naannoo Somaalee mootummaan bulchu keessa hojjetu tokko duma ji'a darbeerraa kaasee to'annoo poolisii jala jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexeessaan kun himannaa sirnaa tokko malee mana hidhaa keessa akka jiru maatiin isaa fi miidiyaan onlaayinii 'Voice TV' beeksisaniiru.

Gaazexeessaan kun Hagayya 9, 2025 abukaatoo malee mana murtiitti kan dhiyaate yoo ta'u, hidhamuu isaa guyyaa tokko dura fuula feesbuukii Televizhinii Naannoo Somaalee irratti maxxansa mootummaa naannichaa qeequun gaaffiin irratti ka'uu maatiinsaa dubbateera.

Gaazexeessaan sagantaa daldalaa fi diinagdee 'Saturday Market' jedhamu Raadiyoo Ahad irratti qopheessu fi chaanaalii YouTube 'Salon Tube' jedhamu irratti hojjetu Abdulsameed Mohamed ALI Hagayya 5, 2017 mana isaa Finfinnee keessaa baduun isaa gabaafameera.

Maddeen akka jedhanitti gaazexeessaan kun qormaata hayyama konkolaachisummaa isaa bade erga fudhatee booda deebi'ee ture.

Guyyoota booda, ALI Hagayya 8, 2017, Abdulsamad waajjira isaa naannoo 22 maazooriyaa argamutti poolisiin eegamee fi sakatta'amee akka argame maatiin isaa fi dhaabbatichi beeksisaniiru.

Haa ta'u malee, gaazexeessaan kun hanga ammaatti eessa akka jiru hin beekamne.

CPJn odeeffannoo dabalataa argachuuf Poolisii Federaalaa, Poolisii magaalaa Finfinnee fi Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Somaaleef dhaamsa dhaamus deebii hin arganne jedheera.