Seenaa guddaa waggaa 100 magaalaa xiqqoo 'BBC World Service' guddiftee

Waggaa dhibba tokkoon dura, tamsaas raadiyoo yeroo magaalaa gabaa xiqqoo fi kan yeroo gabaabaatti hordoftoota addunyaa maraa horatte irraa jalqabe.
Giddugaleessa Ingilaanditti kan argamtu 'Daventry' itti fufuun sagantaalee BBC dooniiwwan bishaan jalaa niwukilaraa Biriteen biyyattiin akka hin dhoofne sakatta'uuf hordofaa turan jedhaman tamsaase.
Boodarra magaalattiin bakka tulluu irraa sagantaa 'BBC World Service' akka addunyaatti tamsaasaa turte. Tamsaasni sunis akka malee cimaa ture.
Raadiyoon ammallee madda odeeffannoo ajaa'ibaa ta'uuf haaraa waan tureef, eegaluunsaa isaas gaafa Adooleessa 27 bara 1925 taatee guddaa ture. Kunis waggaa 100 har'aa jechuudha.
Barreessaan walaloo, barreessaan asoosama gabaabaa fi barreessaan taphootaa Ingilizii, Alfireed Nooyes walaloodhaan akkas jechuun, ''Daaveentiriin isin waamaa jirti ("Daventry calling...") jedhuun erga jalqabeen booda haasaa Poostmaaster-Janaraalii fi Kantiibaa Daaventirii hordofuun, Dura Taa'aa BBC Loord Gaayinfordiin beeksisan.
Tamsaasni 5XX jedhamuun beekamu sagantaa raadiyoo sagalee cimaa guutuu UK tiif yeroo jalqabaatiif dabarse.

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Mummee Istaanlii Baaldwiin yeroo sanatti ergaa, karaa barruu Raadiyoo Taayims irratti maxxanfame dabarsaniiru. Innis akkas jedha:
"Buufatni Tamsaasa Shiboomaleessa Daaveentirii keessatti banamuun isaa... namoota miliyoona 20 gadi hin taaneef meeshaalee gatii gadaanaa fi salphaa ta'aniin barnootaa fi bashannanaa akka argataniif carraa ni kenna. Daaventiriin ammoo daandii fooyya'iinsa hawaasummaa ummata keenyaa irratti akka milkooftuuf nan amana."

BBC Tajaajila Addunyaa (BBC World Service)
Milkaa'inni Daaventirii faayidaa networkii xixiqqoo humna xiqqaa qaban osoo hin taane tiraansmitaroota humna guddaa qaban fayyadamuun akka barbaachisuu mirkaneesse.
Muddee bara 1932tti Tajaajilli Dambalii Gabaabaa Impaayeera, kan booda BBC World Service ta'e, Borough Hill irraa tamsaasa jalqabe.
Innis tamsaasa jalqabaa UK irraa gara Impaayera Biriteen kan darbu yoo ta'u, firikuweensii dambalii gabaabaa fayyadamuun addunyaa guutuutti dhagahama ture.
Kunis tamsaasa dambalii dheeraa, sababa teeknikaa isaaniitiin kan biyyattii fi biyyoota dhiyoo qofa dhaqqabuu danda'an irraa faallaa ture.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Muuziyeemiin Daaventirii dhaabbata kana akka dhagaa bu'uuraa tamsaasa addunyaatti ta'utti ibse. "Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti hojii basaasaa fi ololaa keessattis gahee dhokataa taphachuun seenaa komunikeshinii keessatti eddoo isaa daran cimseera."
"Iddoowwan tamsaasni raadiyoo baay'ee cimaa itti ta'ee fi Tajaajila Addunyaa karaa meeshaalee akka kan daabboo ittiin ho'iifamu (toostar) ykn qulqulleessituu (vacuum cleaner) keessaan magaalaa keessatti itti fudhachuu dandeessan baay'ee miti. Haara'u malee,dhalootaaf buufanni 'BBC Borough Hill' irraa tamsaasu kan Daaventirii keessatti argamu qofti kan godha," jedha yaadannoo Muuziyeemii Daaventirii irratti barraa'e.
Haalli kun har'a waltajjiiwwan onlaayinii irratti kan gabaafame yoo ta'u, namoonni tokko tokko meeshaalee elektirooniksii isaanii osoo ibsaan wal hin qabsiisiinii fi guutuun illee hin barbaachifne sagalee buufataalee raadiyoo dhiyoo jiran taphachiisu akka danda'am himu.

Madda suuraa, Getty Images
Rood Viveash, kan bara sana bufata sana keessa hojjetee fi hojjataa tola ooltummaa muuziyeemii kan ta'e akkas jedhe: "Yeroo inni sadarkaa milkaa'ina guddacha irra tureetti meeshaaleen adda addaa mana keessa jiran buufata kana irraa dambalii tamsaasaa fudhachuu danda'u turan. Keessattuu yeroo TVn jalqabeetti waan sagantaa TV jidduu seenuuf nama aarsa ture."
"Egasii booda dhuguma jaallatamaadha hin turre."

Daaventiriin hanga bara 1992tti itti fufiinsaan fayyadaa kennuu itti fufiinsa qabu kan kenne yoo ta'u, yeroo beekamtiinsaa isaa sadarkaa olaanaa irra gaheetti utumaawwan (masts and towers) 40 ol kan konkolaachiftootaa fi imaltoota daandii dhiyoorra jiraniif dambalii dinqisiisaa ta'e dhiyeessuu qaba ture.
Amma garuu utubaa dambalii raadiyoo baaqqee qofa kan qabu yoo ta'u, kunis qaama neetworkii BBC biyyoolessaa Tamsaasa Sagalee Dijitaalaa (DAB) ti.
BBC World Service afaanota 40 ol kan qabu yoo ta'u, torbanitti namoota miliyoona 312 bira ga'a. Haata'u malee, tajaajiloonni hedduun amma toora interneetii ykn TV qofa irratti kan argaman yoo ta'u, kana booda tajaajila tamsaasa raadiyoo hin qabaatan.
Tamsaastoonni baay'een isaaniis tamsaasa dambalii dheeraa irraa fagaataniiru. Haata'u malee, pirojektiin buufata raadiyoo dambalii dheeraa 'Arctic 252' (kan maqaa buufata muuziqaa pop bara 90s fi 2000s Irish Atlantic 252) jedhamu hundeessuudhaan naannoo fagoo baadiyaa Iskaandinaaviyaa, kaaba Awurooppaa keessatti argamu uwwisuuf hojjetamaa jira.












