Humna guddaa guddina keenya waloof fayyadamuu dandeenyu qabna-MM Abiy

Madda suuraa, Villa Somalia
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Kamisa daawwannaa hojii Somaaliyaatti wayita taasisanitti, "Humna guddaa guddina keenya waloof fayyadamuu dandeenyu qabna, qeenxeedhaan guddachuu hin dandeenyu," jechuun walta'insi naannichaa murteessaa ta'uu himan.
Gaanfi Afrikaa qabeenyaan kan badhaadhe, lafa gabbataa qabu, bishaan uumamaafi qabeenya humna namaa qabu ta'ee osoo jiruu nyaataan of danda'uuf wayita rakkannu mul'ata kan jedhan MM Abiy, "walitti hidhaminsi naannawaa galma keenya waloo dhugoomsuuf baay'ee kan fayyadudha," jedhan.
MM Abiy ergaa daawwannaa hojii isaanii kana ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin, mariin Pirezdaant Hasan Sheek Mohaammud waliin taasisan dhimmoota ijoo akka nagaafi tasgabbii, dinagdee, dippiloomaasiifi hojiilee misooma bu'uraa waliin ijaaruu danda'an kan ilaallatu ture jedhan
"Yoo waliin dhaabanne egeree cimaafi abdii ifaa qabaanna. Walta'insi naannawaa murteessaadha. Kana dhugoomsuuf Somaaliyaa waliin hojechuuf nuti qopheedha."
Hoggantoonni biyyoota lamaanii ibsa waloon baasaniinis faayidaa waloo biyyoota lamaaniif michummaa cimsachuu akka qaban kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Hariiroo cimaa seena qabeessa ummata biyyoota lamaan gidduu jiruufi daangaa walitti isaan fidu hubachuun, gaggeessitoonni kunneen karaa hariiroo dippilomaasii, dinagdeefi tumsa hawaasummaa cimsuun wal amantaa guddisuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.
Daawwannaa MM Abiy Somaaliyaatti taasisan ilaalchisuun miidiyaa biyya keessaaf ibsa kan kennan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos, daawwannaan hojii kun hariiroo biyyoota lamaanii gama hundaan jiru caalaa cimsuuf akka ta'e himan.
"Akkuma beekamu hariiroon biyyoota lamaan gidduu ture waggaa tokko darbe qilleensi kan seene ture. Amma garuu sadarkaa sana darbanii boqonnaa haaraa waltumsuurra gahuu isaanii daawwannaa agarsiisedha," jedhan Dr. Geediyoon.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltee Ankaaraatiin booda rakkoon jiru mariin fala argataa dhufee hirmaannaan Itoophiyaa nageenya [Somaliyaa] kabachiisuu keessatti qabdu bifa qabateera kan jedhan Dr. Geediyoon, hariiroo gama dinagdeetiin jirus daran cimsuudhaaf daawwannaan MM Abiy kun baayyee bu'a qabeessa ture jedhan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa.
Daawannaan MM Abiy kun qama marii hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru gara duraan turetti deebisuuf ji'oota muraasa durarraa kaasee gaggeeffamaa jiruu ta'uu ibsi waloo biyyoota lamaanii baasan eereera.
Hoggantoonni lamaanmariin tekinikaa Ankaaraa akkaataa Labsii Ankaaraatiin waliigalameen jalqabuumsaa jajjabeessaa ta'uu himanii, mariin wal ijaaruufi caalaa wal tumsuuf gargaaru barbaachisaa ta'uu cimsanii himaniiru.
Kana malees, ibsa waloo baasaniin nageenya cimsuufi nananicha keessatti tasgabbiin akka jiraatu gochuuf waliigaltee Humna Raayyaa Somaaliyaa (SNA) fi Humna Raayyaa Itisa Biyyaa Itoophiyaa giduutti irra gahanis tarkaanfii gaarii akka ta'etti simataniiru.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimed Kamisa daawwannaaf Moqadishoo yeroo galanitti, simachuuf Mooqadishoo keessatti qophii guddaan taasifamaa turuu umaddeen BBCtti himaniiru.
Biilboordii fi iskiriiniin magaala Mooqadishoo keessaa hundi suuraa Ambiy Ahimed agarsiisuun 'Baga nagaan gara Moqadisho dhufte!' ergaa jedhu dabarsaa turan.
Yeroo ji'a Amajjii darbe keessa pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Finfinnee daawwatan simannaa guddaan taasifameeraaf.
Itoophiyaa fi Somaaliyaan waliigaltee wal hubannoo hulaa galaanaa Itoophiyaan Somaaliilaandi waliin mallatteesite hordofee gara waggaa tokkoof wal dhabanii ture.
Jaarsummaa Tarkiidhaan erga bifa biyyoota lameen fayyaduun waliigalteerra gahanii yeroo jalqabaaf MM Abiy gara Moqaadishoo deemuun pirezidaantii biyyattii Hasan Sheek Mahaammad waliin mari'achuuf jedhu.
Kunis qaamuma waliigaltee Ankaaraa hojiitti hiikuu akka tahe himameera. MM Abiy yeroo Moqadishoo daawwatan kanatti pirezidaantii biyyattii Hasan Sheek Mahaammad waliin tahuun masaraa pirezidaantii Somaaliyaa haaraa ijaarame ni eebbisiisu jedhamee eegama.

Madda suuraa, FBC
Torbanuma kana keessa Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaafi Ajajaan waraana Somaaliyaa Meejar Janaraal Odaawaa Yuusuf Raage waraanni Itoophiyaa ergama haaraa Gamtaa Afrikaa keessa akka qooda fudhatu waliigalanii ture.
Xumura torban darbe Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa gara Mogadiishuu yeroo imalan hogganaan tika Itoophiyaa Ambaasaaddar Reduwaan Huseeniifi aangawoonni kaan waliin turan.
Waliigalteen kuni hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa waggaa tokkoof erga muddama jabaa seenee haala gaariirra akka jiru agarsiistuu ta'a jedhameera.
Amajji 11 bara 2025 pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad Finfinnee daawwachuun dhimmoota nageenya naannichaa fi hariiroo biyyoota lameenii cimsuu irratti MM Abiy waliin mari'ataniiru.
Dabalataan Torban darbe keessa waliigaltee Ankaaraa hojiitti hiikuuf mariin marsaa jalqabaa Tarkiitti gaggeeffameera.
Bakka bu'oonni biyyoota lameenii maricha irratti argamaniiru. Hariiroon biyyoota lameenii yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa gaariitti kan ce'aa jiru fakkaata.
Qondaalli olaanaan waajjira Pirezidaantii Somaaliyaa maqaa isaa ibsuu hin barbaanne AFPtti akka himaniitii, ''jilli qondaalota olaanoo Itoophiyaa MM Abiy Ahimediin durfamu Kamisa har'a Moqadiishoo gala.''
Daawwanaan isaanii kun ''qaama waliigaltee Ankaaraa hojiitti hiikuuti'' jedhe qondaalli kun.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












