Saamunaan ilkaanii rifeensa irraa hojjetamu ilkaan wal'aanuuf fayyade - Qorannoo

Qorataa rifeensa hoolaa baatee dhaabatu

Madda suuraa, King’s College London

Saamunaan ilkaanii rifeensa mataa namoota dhukkuba ilkaanii qabanii irraa hojjetamu ilkaan babbade ykn caccabe wal'aanuu fi dhukkubbii ilkaanirraa ittisuuf akka fayyadu qorattoonni ibsan.

Qorattoonni Kolleejjii fayyaa- Kings College kan UK keessatti argamuu, pirotiiniin gogaa akkasumas rifeensa hoolaa keessatti argamu keratin jedhamu ilkaan caccabe akka suphuu fi ilkaan tortoruu akka dhaabu kan gargaaru ta'uu bira ga'aniiru.

Qabiyyeen Keratin keessa jiru albuudota gorora keessatti argaman waliin walargannaan, hojii ilkaan uumamaa isa gubbaan jiruu barachuun ijaarsi fi caasaan ilkaanii akka cimu taasisa jedha qorannoon isaanii.

Barreessituu jalqabaa qorannoo kan taate qorattuun PhD Saaraa Gaameyaa ''keratin wal'aansa fayyaa ilkaanii amma kennamaa jiru irratti dabalata ta'a,'' jette.

''Wantoonni akka rifeensaa fi gogaa itti fufiinsaan kan argaman ta'uu caalaayyuu keemikaalota summaawoo wal'aansa ilkaaniif oolan akkasumas ilkaan pilaastikaan guutuu, kan yeroo dheeraaf hin turre, kan hambisuudha,'' jetti qorattuun kun.

Kun wal'aansa amma jiru irraa kan adda isa taasisu ta'uu ibsite.

Bu'aa qorannoo toora Advanced Healthcare Materials jehdamurratti maxxanfame keessatti akka ibsanitti yeroo qorannoo gaggeessanitti rifeensa hoolaa keessaa pirootiinii keratin baasaniiru.

Keratin irga ilkaanii irratti yoo maxxanfamee fi albuuda uumamaan gorora keessatti argamu waliin yoo walitti dabalame caasaa cimaa ilkaan jabaa fi toora bareedaa qabu akka ijaaramu taasisa.

Caasaan haala kanaan ijaarame ammoo hojii ilkaanii gubbaan jiruu kan uumamaa waan akkeessuuf wal'aansa filatamaadha.

Suuraa ilkaan caccabe agarsiisu

Madda suuraa, King’s College London

Qorattoonni akka jedhanitti caasaan irga ilkaanii irratti ijaarame kun yeroo booda albuudota akka kaalsiyemii fi foosfeetii ofitti xuuxaa deema.

Kun ammoo ilkaan dhukkuba irraa ittisuun gaachana ta'aaf.

Soorati asiidawaan, qulqullina ilkaanii sirnaan eeguu dhabuu fi dullumi sababoota ilkaan akka babbaduu fi tortoru taasisaniidha.

Kunis ilkaan akka nyaatamu, akka dhukkubu fi dhumarrattis akka buqqa'u taasisa.

Kolleejii UK, Kings College jedhamu keessatti barreessaa gameessi fi gorsaan damee prosthodontics Dr Shariif Elshaarkaawii ''ilkaan inni gara olii akka lafee fi rifeensaa miti. Altakkaa miidhamnaan hin deebi'u,'' jedhan.

''Bu'aawwan baayooteeknooloojii amma argaman mallattoolee dhukkubichaa adda baasuun wal'aanuu caalaayyuu qaamuma sana fayyadamuun hojii baayooloojikaalawaa isaa akka sirreessu kan godhu- oduu gammaachiisaa, fidee dhufeera,'' jedhan.

Keratin rifeensa keessaa argamee fi harka guwaantii cuquliisa uffate keessa jiru

Madda suuraa, King’s College London

Ibsa waa'ee suuraa, Pirootiiniin keratin jedhamu kan rifeensa keessaa argamu ilkaan wal'aanuuf akka gargaaru qorattoonni ibsan