Bariisaa: Angafa gaazexaa Oromoo, icciitii hundeeffamasaafi hidhata qabsoo Oromoo waliin qabu

Gaazeexaa Bariisaa

Madda suuraa, SM

Gaazexaan Bariisaa ‘angafa gaazexaa Oromoo’ jedhamuun beekama. Gaazexaa dhuunfaa Oromoo kan jalqabaas akka turetu himama.

Dhimoota akka siyaasaa, aadaafi eenyummaa Oromoo jabeessuu keessatti miidiyaa Oromoo karra banedha.

Bara Afaan Oromoon barreessun haa hafuutii “Afaan Oromoo reediyoo cabsa” jedhamutti gaazexaan Bariisaa Afaan Oromoon [Saabadhaan] maxxanfamee hawaasa Oromoo heddu dammaqsaa akka ture himu warri gaazicha hundeessaaniifi hojjattoota jalqabaa ta’anii hojjataa turan.

Gaazexaan Bariisaa kan maxxanfamuu eegale mootummaan Hayilasillaasee kufee waggaa tokko booda. Namoota gaazexaa Bariisatti gurra godhan keessaa tokko waggoota muraasan dura du’aan kan boqotan Pirofeesar Mahaadii Hamiid Mudeeti.

Mahaadii Hamiid “Abbaa Gaazexaa Bariisaa” jedhamuunis beekamu.

Ofii hundeeffamuu gaazexaa Bariisaa duuba eenyutu jira? Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) wajjin hidhata maalii qaba? Gaazexaan Bariisaa qabsoo Oromoof gumaata akkamii taasisee ture? Kanneen jedhan irratti namoota Gaazexaa Bariisaa hundeessaniifi itti dhiyeenyan beekan dubbisneerra.

“Gaazexaa Bariisaa ABOtu ittiin hawaasa dammaqsuuf hundeesse”

Hundeeffaamuun gaazexaa Bariisaa hundeeffamuu dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) wajjin akka wal-qabatu himu namoonni hundeeffama dhaabichaafi gaazexaa Bariisaa keessatti kallattiin hirmaatanii turan.

Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo bara 1976tti sagantaasaa beeksisuun ifatti hundaa’e. Sana dura koree hundeessituu dhaabaa hundeessun dhoksaan hojiiwwan garaa garaa hojjataa ture.

Erga hundaa’ee booda namoota filachuun dameewwan akka hariiroo alaa, dhimma siyaasaa, hariiroo uummataafi haawasummaa fa’aarratti itti gaafatamummaa walii qoodan.

Namoota akka Daawud Ibsaa, Badhoo Dachaas, Abeel Mitikkuu fa’aa wajjin dargaggoota gurmeessurratti kan ramadamanii turan Obbo Dheeressaa Qixxee BBCtti akka himanitti gaazexaan Bariisaa ABOn akka hundeesse BBCtti himan.

“Gaazexaan Bariisaa akki itti qophaa’e, [bara] 1976 gaafa walitti qabamnee ABOn Finfinnee Siddist Kiilootti hundaa’u, qooda walii qoonnee turre: kan siyaasaa, kan diinagdee, kan hawaasummaa fa’aa.

“Kan hawaasummaa sanatti Leencotu filame. Isheen hawaasummaa sun waan hedduu hojjatte,” jechuun hundeeffamuu Barsiisaf ka’uumsa akka ta’e yaadatu Obbo Dheeressaan.

Hojiilee gurguddaa dameen hawaasummaa dhaaba ABO Obbo Leencon gaggeeffamu hojjate keessaa lama akka fakkeenyatti kaasun ibsu gameessi siyaasaa Obbo Dheeressaan.

“Tokko, hawwisoo bara sana [yeroo jalqabaaf] Finfinnee keessatti dhufanii sirban bara 1976 dhumarra ji’a Muddee keessa ture qaama kanatu [dame hawaasummaa] hojjate,” jechuun hawwisoon sun kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa namota walitti fiduun dammiqina guddaa akka uume ibsu.

“Lammaaffaa ammoo [gaazexaa] Bariisaa kana kan qindeesse isheedha [koree hawaasummaa]),” haala hundeeffama gaazexaa Bariisaa ibsu.

Obbo Leencoo Lataa koree dhimma hawaasummaa dhaaba ABO ta’anii filamuu isaanitiin hundeeffamuu gaazexaa Bariisaa keessatti kallattiin hirmaannaa qabu.

Akkaataa itti mootummaa Dargiitti dhiyaachun gaazexaan Bariisaa hundaa’efi ofii duuba taa’un hojjataa turan irratti Obbo Leencon BBC waliin turtii taasisaniiru.

‘Gaazexaa Bariisaa akka nuuf hayyamuuf mana Koloneel Takkaa Tulluu deemne’

Gaazeexaa Bariisaa

Madda suuraa, EPA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroonsaa mootummaan Hayilasilaasee kufee erga Dargiin aangoo qabatee waggaa tokko reefu guuta. Dargiin ammoo sagantaawwan garaa garaa qopheessun uummatatti beeksisuu barbaada.

Carraa kanatti fayyadamuun Obbo Leencoo Lataa fa’aa gaazexaa Bariisaa hundeessuf hayyama argachuuf gara mana qondaala olaanaa Dargii kan ta’e Koloneel Takkaa Tulluu deeman.

Koloneel Takkaa Tulluu Itti Gaafatamaa Tika Biyyaalessaati. Namoota ABO hundeessuu keessatti gahee guddaa qaban kanneen akka Baaroo Tumsaafi Leencoo Lataa fa’aa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu qofa osoo hin taane dhoksaan qabsoo isaan gaggeessan gargaaraa akka turetu himama.

Obbo Leencon akka jedhanitti, gaazexaa Bariisaa hayyamsiisuf mana Koloneel Takkaa Tulluu halkan deemaa akka turan BBCtti himan.

“Gaazexaa Bariisaa gadi dhaaburratti hayyamasaa [Koloneel Takkaa Tulluu] argachuun nurra ture.

"Manasaa dhaqnee maalif akka kana goonu [gaazexaa hundeessinu]fi Addisuu Dimokiraasiyaaawwii Abiyoota [sagantaa Dargiin beeksie] akka deeggaru itti himnee jennaan nuuf hayyame. Akkasitti gaazexaa Bariisaa sana maxxansuu jalqabne,” jechuun haala itti Bariisan eegale ibsu.

‘Bariisatti maqaa kan hore Mahaadii Hamiidi, garuu Bariisan ABO wajjin hidhata akka qabu inni hin beeku’

Bara 2021 du’aan addunyaarraa kan boqote Piroofesar Maahdii Hamiid, warra gaazexaa Bariisaa hundeessan keessaa tokkoodha. Waggoota hedduuf gulaalaa olaanaa gaazexaa Bariisaa ta’uunis tajaiilera.

Obbo Leencon “gaaxezaa Bariisatti kan gurra hore Mahaadii Hamiidha” jechuun ofiimmoo duuba taa’anii hojjataa akka turan ibsu.

“Namni maqaa itti hore Mahaadii Hamiidi; garuu duuba taa’ee kan hojjatu ana ture. Mahaadin inisheetiivin sun [Bariisaa hundeessun] akka Adda Bilisummaa Oromoo wajjin hidhata qabu hin beeku. Akka inni beekus hin barbaanne nuti.

“Inni [Mahaadii Hamiid] anumatu kana hojjataa jira jedhee of amansiise. Sanas akka inni amanu goone,” jechuun Bariisaa hundeessuurraa kaasee dudduuba kan ture dhaaba ABO akka ta’e dubbatu Obbo Leencon.

Ibraahim Hajii Alii yeroo lubbuun jiran turtii BBC waliin godhanii turaniin, gaazexeessitoota akka Lammeessaa Boruufi Immiree Angoosee fa’aa waliin Bariisaa keessa hojjataa akka turaniifi Mahaadii Hamiid gulaalaa olaanaa ta’ee hojjataa akka ture dubbatanii ture.

Qabiyyeen gaazexaa Bariisaa yeroo sanaas, xalayaafi walaloo baayyee uumata keessaa dhufan keessumeessuu akka ta'e himuun rakkoofi haccuucaa uummata Oromoo irra ga'aa tures ittiin ibsamaa ture.

“Gaazexaan Oromoo bahe jedhamee namni ajab jedhe!”

Yeroo sana namoota Oromoo maallaqa qaban irraa kadhachuun gaazexaa Bariisaa maxxansiisaa turuu kan himan Obbo Leencon, Afaan Oromoon gaazexaan maxxanfamuun uummata Oromoof gammachuu yoo uumu Dargiin ammoo ija shakkiin akka ilaalu gochuu ibsu.

Keessumaa kabajni waggaa tokkoffaa itti Hayilaasen aangorraa bu’e namoonni heddu gaazexaa Bariisaa akka baran taasisuu himu.

“Walgahii waggaa tokkoffaa ‘nugusi’ bu’uu [sababeeffachuun] qotee bulaa bakka hundaa fidanii yuunivarsiitii qubsiisanii ture. Achi dhaqnee [gaazexaa Bariisaa] kaffaltii tokko malee bilisaan qoonnef. Oromoon ofii fudhatee galee manasaatti maxxanse.

“Namoonni biraas [sabani biraa] Oromoota ollaa keenyaf jedhanii [sabni] Kafichoo fa’aa na harkaa fuudhuu isaanii nan yaadadha,” jedhu Obbo Leencon.

Namoonni wal-gahii Dargiin waame sanarratti hirmaatan “gaazexaa Oromootu bahe” jedhanii fuudhanii galanii uummataaf akka qoodan himu.

Suni ammoo hawaasa keessatti yaada haarafi dammiqina guddaa uume jedhan Obbo Leencon.

‘Gaazexaa Afaan Oromootin maxxansuun waan hin abjootamin ture’

Gaazexaan Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf Afaan Oromoon maxxanfamee raabsamuunsaa hawaasa keessatti gammachuu guddaa uumuu kaasu qondaalli duraanii ABO Obbo Leencon.

Bariisan yeroo gabaabaa keessatti jaalatama argataa dhufus baay’ee osoo hin turin mootummaa biraa qormaanni mudate. Qabiyyee siyaasaa maxxansaa turtanii jennee Obbo Leencoo gaafannaan, “Lakki, Afaanuma Oromoo ta’uusaati” jechuun manni maxxansaa kan mootummaa ta’e Birhaan Innaa Selaam birookiraasii akka itti baay’ise himu.

Mootummaan lafarraa jalaa harkisee gaazexaa maxxansuuf rakkatanii jennaan, hojichi dhaabate. Gaazexaan Bariisaa maxxanfamuu dhaabannaan “Gaazexaan Oromoo maaf dhaabbate?” kan jedhu qote bulaa biraa gaaffin mootummaarratti ka’e.

“Lawux Hawaariyaa kan jedhaman Dargoota keessaa baadiyyaa bobba’u turan. Bakka dhaqan hundatti, gaazexaan Oromoo maal ta’ee dhaabbate jedhanii [namoonni] gaafatan. Edaa gaazexaa waanti jedhamu tureeraa kan jedhu Dargii keessatti dubbiin sun ka’a,” jechuun uummata biraa gaaffin cimnaan mootummaan deebisee akka hayyameef himu Obbo Leencon.

Mootummaan deebisee hayyamus deemsa gaazexicha gadi quucarsuuf jecha kan mootummaa godhee akka ture ibsu.

“Gaazexaa sana mootummaan ajjeessudhaf fudhate. Rakkina baay’etu ture; ijoollee [gaazexicha] baattee ol-gadi magaala keessa deemtee gurgurtus ni tumu turan,” jechuun abbumti arge “gaazexaa kana maalif gurgurta?” jedhee akka reebu himan. Kanarraa kan ka’e gaazexaa Bariisaa namni fuudhee gurguruus akka sodaate kaasu.

Gaazexaan Bariisaa osoo mootummaan of-jala hin galchin torbaniin kan maxxanfamu gara 30,000tti dhiyaataa akka ture kan himan Obbo Leencon boodarra torbaniin lakkoofsicha gara 2000tti gadi bu’ee akka ture yaadatu.

“Yeeroo nu harka ture, 30,000 gahuuf homtuu hin hafne ture; 30,000 yoo geenye bu’a qabeessa ta’uu jalqaba sana booddee,” jedhan Obbo Leencon akkaataa itti gaazexaan Bariisaa harka mootummaa itti gale yoo himan.

Gaazexaan Bariisaa waggaa 48 dura dhaaba Adda Bilisummaa Oromoon hundaa’e rakkoo garaa garaa keessa darbuyyuu har’as ittuma jira.

Gaazexaan kun Afaan Oromoo afaan afolaarraa gara afaan hog-barruutti akka guddatu gochuu keessattis gahee mataasaa akka bahe ragaa bahu warreen jalqaba gaazexaa Bariisaa irra hojataa turan keessaa tokko kan ta'an Obbo Dhugaa Jabeessaa turtii kanaan dura BBC waliin taasisaniin.

Uummanni yeroo gaazexaa Bariisaa baruu jalqabu kutaalee Oromoyaa gara garaa keessaa akka isaan qaqqabuuf gaafataa akka turaniifi garuummoo mootummaafi namoota Afaan Oromoo akka dagaagu hin jaalannerraa dhiibbaa guddaan godhamaa turuu dubbatanii ture.

"Nuti kutaa biyyaatti ergama seena, garuu odeeffannoo gaafa dhageenyu kun hunduu uummata bira ga'uudhaa mannaa jedhanii namoonni qabeenya qaban jumilaadhaan bitanii Markaatootti hambisuun meeshaa ykn shaqaxa ittiin maramee akka gurguramu taasisaa turan,” jedhan dhiibbaa ture yoo iban.