Gaazexeessaa fi barreessaa Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab boqote

Gaazexessaa fi barreessaa gameessi Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab umrii waggaa 53tti addunyaa kanarraa du'aan boqochuu maatiin isatti dhiyoo jiran BBCtti himan.
Tasfaayee Gabra'aab ji'ootaaf dhukkubsataa kan ture yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti wal'aansa fayyaarra osoo jiruu guyyaa har'a Muddee 25, 2021 lubbuunsaa dabarte.
Seenaa Tasfaayee gabaabinaan
Hojii og-barruu isaan akkaan kan beekamu Tasfaayeen, A.L.I Hagayya 22 bara 1960 maatii lammii Eertiraa ta'an irraa magaalaa Bishooftuutti dhalate.
Maatiin isaa Eertiraa ta'anillee daangaa Eertiraa irraa gara Itoophiyaa giddu gala biyyaa imaluun magaalaa Bishooftuu buufatanii ijoollees achitti horan.
Tasfaayeen yaadaa fi qalbiin isaa gara hojii og-barruu waan tureef umrii ijoollummaasaarraa eegalee barreessitoota hangafaa Itoophiyaa hedduu waliin michummaa cimaa qabaachaa akka turetu himama.
Tibba aangoon Dargii obba'uurra ga'e keessa raayyaa waraanaatti seenuun leenjii erga fudhatee booda osoo baay'ee hin turin mootummaan humna waraanaan bulchu(Dargiin) waan kufeef, ADWUI waliin deebi'ee magaalaa Finfinnee galee hojii gaazexeessummaan tajaajilaa ture.
Magaalaa keessatti dhalatee fi uummata Oromoof jaalala addaa akka qabu kan himu Tasfaayeen sirna moggaasaatiin Oromoomee, maqaan Gadaa jedhu kennamuufi hima.
Hojiiwwan Tasfaayee muraasa
Dhaabbata maxxansaa hojiiwwan ijoo mootummaa guyyuu raawwatamu maxxansuun beekamu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti hanga hoji gaggeessaa olaanaa ta'ee tajaajiluutti kan ga'ee ture Tasfaayeen, wayita bulchiinsa isaa keessa gaazexaawwan maxxanfaman irratti fooyya'iinsi guddaan akka mul'atetu himama.
Tasfaayeen barruuwwan maxxanfaman keessatti barreessitoonni gameeyyiin akka hirmaatan gochuudhaan akkasumas maxxansaawwan dhuma torbeetti ba'an irratti jiijjiirama bu'uuraa taasisuun fooyya'iinsa ajaa'ibaa akka argamsiise waahillan isaa ragaa bahuuf.
Dabalataan barruu paartii biyya bulchaa ture-ADWUI-waliin hidhata cimaa qabu ''Iffooyitaa'' jedhamu hoogganuudhaanis ni beekama.
Tasfaayeen osoo Itoophiyaa jiruu ogummaa gaazexeessummaan cinaatti kitaabota hedduu maxxansiiseera.
Boodarra paartii biyya bulchuun waldhabuun Itoophiyaa keessaa miliqee Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Neezarlaandis fi biyyoota kaan keessa jiraateera.
Tasfaayeen erga hojii gaazexeessummaa dhaabee booda hanga du'aan addunyaa kanarraa boqotutti jireenyasaa guutuu kitaaba barreessuu irratti dabarsuun hanga kitaabota saddeetii barreesseera.
Hojiiwwan isaa saddeet caalan Afaan Amaaraan kan maxxanse barreessaan gameessi kun, kan daran isa beeksise asoosama dheeraa mata dureen isaa ''Ye burqaa zimmitaa'' jedhuudha.
Kitaabni asoosamaa kun namoota kitaabicha dubbisan hedduu irraa qeeqa hedduu itti kaaseera.
Isa boodas Tasfaayeen yaadannoowwan dhuunfaasaa hedduu, asoosamoota gaggabaaboo fi duudhaawwan irratti barreessuun dinqisiifannaa argateera.
Tasfaayeen hojiiwwan barreeffamaa isaan akkuma dinqisiifatamu, namoota hojiisaa hordofanii fi dubbisanirraas qeeqi guddaan isa mudataa tureera.
Hojiinsaa qabiyyeewwan hawaasa Itoophiyaa gidduutti dhibdeen akka uumamu taasisan irratti xiyyeeffatu jechuun namoonni baay'een ni qeequ.
Barreessaa Tasfaayee Gabra'aab wayita gaazexaa 'Ifooyitaa' hoogganaa turetti hanqina maxxansaa bara dargaggummaasaa mudachaa tureen hojiiwwan osoo hin maxxanfamin hafan walitti qabuun walitti aansuun akka maxxanfaman godheera.
Bara 1992-1993tti mata duree 'iffitaa' jedhu jalatti hojiiwwan kanaan dura osoo hin maxxanfamin hafan bifa kitaabaan qopheessuun kitaaba shanitti baasuun maxxansiiseera.
Dabalataan qabsoo TPLF irraa eegalee hanga ADWUI'n finfinnee galuuttti taateewwan turan kan seenessu kitaaba mata dureen isaa ''Taraaroochin Yaanqaxaqqaxee Tiwuld'' jedhu barreessee maxxanseera.
Tasfaayeen hojii ogummaa gaazexeessummaa fi barreeffamaan ADWUI keessatti adda durummaan hojiiwwan hojjetaa turee, boodarra dhibdee qondaaltota siyaasaa biyyattii waliin tureen Itoophiyaadhaa baqatee ba'uuf akka dirqame hime.
Erga Itoophiyaa gadhiisee ba'ee booda kitaabota iccitiiwwan qondaaltota ADWUI gidduu ture irratti xiyyeeffatan-''Ye Gaazexanyaawu Maastaawashaa'' fi ''Yedaraasiiwu Maastaawashaa'' jedhaman barreesseera.
Tesfaayeen erga Itoophiyaadhaa ba'ee biyyoota adda addaa keessa baqattummaan kan jiraate yoo ta'u, boodarra Eertiraatti galee guutummaatti hojii barreeffamaarratti xiyyeeffatee hojjecha ature.
Kitaabota hedduus barreesseera.
Tasfaayeen kitaabota hanga yoonaa maxxanse afaan Amaaraan kan barreesse yoo ta'u, muraasni isaanii garuu gara afaan ingilizii fi Afaan Oromootti hiikeera.













