Talaalliin dhibee busaa haaraan yoom kennamuu eegalama?

Biyyoota akka Keeniyaa, Gaanaafi Maalawwiitti daa'imman talaalli sagantaa yaaliirra jiru arganiiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota akka Keeniyaa, Gaanaafi Maalawwiitti daa'imman talaalli sagantaa yaaliirra jiru arganiiru

Qorattoonni fi ogeeyyiin fayyaa Dhaabbati Fayyaa Addunyaa talaalliin dhibee busaa yeroo jalqabaatiif bal’inaan tajaajilaaf akka oolu mirkaneessuu hordofuun gammachuusaanii ibsachuutti jiru.

Biyyoota Sahaaraan gadiitti waggaatti daa’imman 260,000 ol, kanneen umriin isaanii waggaa shanii gadii jiran dhibee busaatin baay'inaan du’u.

Dawaa kana tolchuun ganna kudhanitti lakkaa’amu gaafatullee, lubbuu namoota kuma kudhanitti lakkaa’amanii du’arraa baraara jedhe Dhaabbati Fayyaa Addunyaa-WHO.

Taatullee gaaffii ijoon ka’u yoom namoonni talaalli RTS fi S talaalamu? isa jedhudha.

Talaallin kun hangam bu'a-qabeessa? Miidhaa qabaa?

Talaallin kun milkaa’aa ta’uun isaa waggaa jahan kana mirkanaa’era, dhibee busaan qabamuu %40 ittisuu ni danda’a, %30 busaa hamtuu hin ni ittisa.

Bara 2019 irraa kaase qorattoonni sagantaa madinummaa qaama gahoomsu ykn leenjisu biyyoota akka Gaanaafi Maalawwii keessatti hojjataa turan.

Daa’imman 800,000 caalan yoo xiqqaate talaallicha doozii tokko argataniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaallichi nama miidha jedhe yaaddoo homaatu hin qabu.

The vaccine could prevent 4 in 10 cases of malaria

Dandeettiin dhibee ittisuu talaallichaa gadi bu’uun yaaddessaadhaa?

Dandeettiin dhibee ittisuu isaatii kan ammaa caala otoo olaanaa ta’e gaariidha ture, taatullee namoota miliyoonatti lakka’aman %40’n namoota qabaman hir’isuu danda’uun isaa lubbuu namoota hedduu baraara.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaarra Pediroo Alonsoo BBCtti akka himanitti, talaallichi lubbuu namaa baraarurratti hanga tokko gahumsa ni qaba, %30-40tti dhibichaan qabamuufi du’aati qaqqabu ni ittisa.

Qondaaltoonni fayyaas karaa dhibee busaa ittiin qolatamu haaraa ta’uu hubachiisuuf fedha qabu.

Dawaan kun akkamitti hojjata?

Busaan maxxantuu wal horuuf seelota dhiigaa keenya weeraruufi balleessu. Dhibeen kun bookee busaa dhiiga namaa xuuxxuun daddarba.

Talaalliin kun maxxantuu Afrikaatti lubbuu namaa baay’inaan balleessitu Plisaamoodiyemi falciparum jedhamurratti qiyyaafate.

Talaallichi maxxantuun battala bookeen nama hidditee dhiiga namaa seenu irratti qiyyaafachuun akka seelii dhiigaan hin arganne ugguree dhibicha ittisa jedhan Dr Alonsoon.

Talaallichi milkaa’uuf doozii afur barbaachisa. Talaalli marsaan kan kennamu garaa garummaa ji’aan lakkaa’amuutti kennama.

Dhibee busaatiin du’uuf ijoolleen namoota gaheeyyii caalaa saaxilamoo yoo ta’an carraa madinummaa cimaa horachuu hin qaban.

Vials of the malaria vaccine

Madda suuraa, Getty Images

Talaalli kun gatiin isaa hagami? Eenyutu kaffala?

Dawaan kun dhaabbata qoricha oomishuun beekamu guddicha GSK jedhamuutu dhiyeessuuf waadaa seene, taatullee gatii dhaabbiin murtaa’e hin qabu.

Gurgurtaa isaarratti biyyootaa fi dhaabbilee deeggarsaa maallaqaa arjoomanirratti hundaa’a.

‘’Hawaasni idila addunyaa fandii maallaqan deeggarsa kennu akkaatas talaallicha argachuun danda’amurratti mariyachuu qaba’’ jedhan GSK'tti qondaalli fayyaa sadarkaa idil-addunyaa Tomaas Biruyer.

Keeniyaan yeroo ammaatti maallaqa talaalliif oolu gartuu talaalli idil-addunyaa kennamurratti hojjatan kan akka Gavi fi Biil & Milindaa Geetis Faawundeeshin jedhaman irras argatti.

Dabaree talaallichi ittiin qoodamu

Sagantaan yaalii akka jalqabbiitti talaalicha kennuu Keeniyaa, Gaanaafi Maalawwii keessatti itti fufeera.

GSK’n qorannoo kanaaf talaalli doozii miliyoona 10 kenne keessaa nuusa kan ta’u tajaajilaaf ooleera.

Dhaabbatichi waggaa tokko keessatti doozii miliyoona 15 kennuuf fedha qaba.

Yoo maallaqa arganne bara 2022 ykn jalqaba bara 2023tti namoonni bal’inaan akka argatan ni goona jedhan Aab Biruyer.

Hangi lakkoofsa isaa tarii gahaa ta’uu dhiisuu mala jedhan.

Xumura ganna kurnan kanaatti doozii miliyoona 100 tu waggaatti barbaachisa jetti, Ashiliy Birketti, ogeettiin sagantaa madinummaa qaama cimsurratti hojjattu.

Bu’uraalee misoomaa akkamitu barbaachisa?

Talaalli ijoollee ganna lamaa gadiif kennuun kan yaadame waan ta’eef sagantaa talaalli biroo waliin qindeessuun kennamu danda’a waan ta’eef, bu’uuraaale misoomaa dabalataan barbaachisuu dhiisuu mala.

Hawaasni akka baru gochuufi ogeeyyii fayyaa muraasa leenjisuunillee ni barbaachisa.

Talaallichi Keeniyaatti wayita yaalamutti ijoolleen 200,000 ol talaalamuun, baadiyyaa fi iddoowwaan giddugaleessa biyyattirraa moggaatti argaman sagantaa waliiin gahiinsa talaalliin qaqqabuun isaa himameera.