Gosti bineensota 23 addunyaa irrraa baduu isaanii US beeksiste

Simbira

Madda suuraa, Getty Images

Gosa simbira tumaaddisaa ivory-billed jedhamu dabalatee gosti bineensota 23 addunyaa irraa baduu isaanii Tajaajilli bineensotaa fi qurxummii US (FWS) himeera.

Galmee Bineensota baduuf adeemanii, (ESA), kan bineensota rakkoo keessa jiran kunuunsu, irratti galma’anii kan turan bineensonni kun akka haqamaniif tajaajilli kun gaafateera.

Walumaagalatti, gosti simbirroo 11, simbira halkanii tokko, qurxummii lama, biqiltuu tokko fi gosti bineensa masil jedhamani saddeet addunyaa irraa baduun isaa himame.

“Gosa bineensota kana hunda irratti qorannoon saayinsi argamu hundi gadi fageenyaan gaggeefamuu” isaa irratti hundaa’uun bineensotni kun baduun isaani akka adda baafame FWS ni hima.

“Gosti bineensota 23 tokko tokkoon isaani, hambaa biyya keenyaa fi jireenya uumamaa addunyaadhaaf miidhaa kan uumedha,” jechuun FWS irra hojii bineensota adda baasuu kan hoggantu Biriijet Faahee dubbachuu New York Times gabaaseera.

“Akkasumas bineensoti baduu isaaniif sababa kan ta’u jijjiirama uumama dhala namaan uumame akka ta’e kan nu yaadachiisudha.”

Gosa simbira tumaaddisaa ivory-billed jedhamu yeroo tokkotti US keessatti gosa tumaaddisaa baayyee turan ta’us, kan yeroo dhumaa namaan argamaniiru jedhamu garuu bara 1944tti Luwiisiyaana keessattidha. Goti simbirroo kun binoostota baduuf adeeman jedhamuun kan galmaa’an bara 1967tti ture.

Hawaayii irraa gosti simbiraa saddeet fi oddola Paasifikii Guwaam irra ammoo simbirri halkanii Little Mariana fruit bat jedhaman kanneen badan keessa jiru.

FW ibsa baaseen, kunuunsi bineensota ESA’n geggeeffamu, kan bara 1973 eegale, bineensota kana oolchuf barfateera jedha.

Ta’us garuu hojii ESA’n bineensota baduuf adeemu jedhamuun galmaa’an keessaa %99 ol olchuu akka danda’ame ibsaniiru, kunuunsi kun ammo yeroo kaan caalaa amma barbaachisaadhas jedhameera.

“Tajaajilli kun biyyatti guututti dhaabbilee adda addaa waliin ta’uun bineensotni biro akka hin baadneef hojjata, kanneen baduuf deeman kunuunsee hambisa, akkasumas sadarkaa eegumsi isaan barbaachisu irra akka hin geenyefiyyu hojii jiru hojjata,” jedhu Itti aanaan Hogganaa FWS, Maartaa Wiiliyaams.