Manni murtii Maalezhiyaa Kiristaanonni jecha 'Allaah' fayyadamuu danda’u jechuun murteesse

Waldaa Kiraayist magaalaa Malakkaa keessa argamtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waldaa Kiraayist magaalaa Malakkaa keessa argamtu

Morkii seeraa waggootii kudhaniif gaggeefamaa ture irratti, manni murti olaanaa Maleezhiyaa qajeelfama Kiristaanoonni Waaqayyoo jechuuf jecha '‘Allaah” jedhu akka hin fayyadamneef dhorku akka haqamuuf murteessera.

Himannaan kun kan eegale yeroo meeshaleen amantaa Kiristaanoota jecha kana of keessaa qabu erga fudhatamee boodadha.

Maalezhiyaa keessatti kanaan dura dhimmi namootni Musliima hin taane jecha “Allaah” jedhu fayyadamuu isaaniin waldhabdee fi hokkora kaasaa tureera.

Uummata biyyatti keessaa walakkaa ol Muslimoota ta’anis, hawaasni Kiristaanotaa guddaanis jiru.

Hawaasni Kiristaanota kun Waaqa isaanii ibsuuf jaarraalee hedduuf jecha “Allaah” jedhu fayyadama akka turaniifi seerri kun mirga isaani kan dhiibuu akka ta’e himu.

Heerri Maalezhiyaa walabummaa amantaa kan eeyyamudha. Ta’us garuu waggootii dhiyoo keessatti waldhabdeen amantaa ka’u dabalaa dhufeera.

‘Seeraan alaa fi kan heeraa hin eegne’

Bara 2008’tti angaa’oonni Maalezhiyaa buufata xiyyaaraatti Kiristaana Jiil Ayeerlaand Laawrence Biill jedhamtuu jalaa, erga waraabbii mataduree “Allaah” jedhu qabaachuu isaa arganii booda CD ishee jalaa fudhatani.

Sana booda Aadde Biil qajeelfama bara 1986 Kiristaanonni jecha kana maxxansan irratti akka hin fayyadamneef dhorkuu irratti moorkii seeraa eegalte.

Roobii – waggaa kudhanii ol booda – Manni Murtii Olaanaa Kuwaala Laampuur amantaa ishee irratti hundaa’uun mirgi ishee sarbamuu akka hin qabne mormuun mirga isheetti jechuun murteesseeera.

Murtee isheen, Haatii murtii Noor Bee jedhaman jecha '‘Allaah” -akkasumas jechoota Afaan Arabaa irraa maddan sadii biroo “Kaabaa” (bakka qulqullaa’aa Islaamaa Makkaa jiru, “Baayitullaa” (Mana Waaqaa) fi “Soolat” (Kadhannaa), Kiristaanonni fayyadamuu akka danda’an murteessaniiru.

Qajeelfamni fayyadama jechoota arfan kanaa “seeran alaa fi heera biyyatti kan hin eegnedha” jechuun Noor Bee himaniiru.

“Walabummaan amantii ofii shaakaluun mirga meeshalee amantii qabachuu of keessatti qabata,” jedhan.

Mannii murtii Maalezhiyaa itti fayyadama jecha “Allaah” irratti yeroo yaadaan hiramu kun kan jalqabaa miti.

Himata biraan, gaazeexaan amantaa Kaatoolikii -The Herald- erga jechaa kana Waaqa Kiristaanaa ibsuuf akka hin fayyadamneef dhorkamee booda mootummaa irratti himata baneera.

Bara 2009tti manni murti The Herald jechicha akka fayyadamuuf erga eeyyameefi booda, Muslimootaa fi Kiristaanota gidduutti waldhabdeen amantaa uumameera.

Manneen amantaa Kiristaanaa hedduu fi wiirtuuwwan kadhannaa Muslimoota muraasni haleelamanii gubamaniiru.

Bara 2013’tti, murteen kun Mana Murtii Ol iyyannaan haqame, qajeelfamichi deebi’ee hojiirra ooleera.

Kamisa irraa, paartiin siyaasaa waliinii Mu’aafakat Naashinaal, murteen Mana Murtii Olaana kun gara Mana Murtii Ol iyyannaatti akka dabarfamuuf gaafachuu miidiyaan biyyattii The star gabaaseera.