Filannoo US 2020: Bu'aa Filannoo Ameerikaa irratti lammiileen Itoophiyaa maal jedhu?

Joo Baayidan pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun filamuun isaanii labsameera. Namni siyaasaa gameessi kun Doonaald Tiraamp marroo lammataaf bulchuuf abjuu qaban jalaa fashalsaniiru.

Lammiilee biyyoota biraa fillannoo kana itti dhiyeenyaan hordofaa turan keessaa, kanneen Itoophiyaa keessa jiran keessatti argamu. Dargaggoota sadi bu'aa filannichaan maaltu akka itti dhagahame gaafanneerra.