Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoo weerara awwaannisaa xiyyaara nam-maleessaa hojjechuun falmaa jiru
Weerara awwaannisaa qonnaan bultoota Itoophiyaa mancaasaa jiru to'achuuf hawaasniifi qaamni mootummaa yaalaa kan jiran yoo ta'u, dargaggoo Naa'ol Dhaabaa dirooniidhaan keemikaala farra awwaanisaa biifuun tumsaa jira.
"Ganama barii awwaannisni kun bakka bulerraa dafee hin ka'u. Kan inni gara biraatti socho'u yeroo aduun itti ho'edha. Nutimmoo barii osoo inni bakka qubate sanaa hin socho'iin kan diroonii kanaan bakka qubatetti itti biifnu," jedha.