Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: 'Hamilee kootu na tuqame' - Hayilee G/Sillaasee

Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara magaalaa Finfinneefi Naannoo Oromiyaatti mudaten lubbuun namootaa 200 ol darbuun, qabeenyaan hedduus manca'eera.

Qabeenya barbadaa'an keessaa hoteelonnii atileet Haayilee Gabirasillaasee lama keessatti argamu.

Tilmaamni qarshii hoteelota sadarkaa isaanii eeggatan lamaanii, qarshii miiliyoona dhibba lamaa ol ni taha jechuun Haayileen BBC'tti himeera.

''Mootummaan dafee deebii akka kennuuf mari'achaa jirra. Deebiin dafee kennamnaan, dafnee haaressinee hojjettoota deebifna,'' jedha.